< איוב 10 >

נקטה נפשי בחיי אעזבה עלי שיחי אדברה במר נפשי 1
“Ani jireenya koo akka malee jibbeera; kanaafuu caalchisee nan guunguma; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
אמר אל-אלוה אל-תרשיעני הודיעני על מה-תריבני 2
Waaqaanis akkana nan jedha: Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
הטוב לך כי תעשק--כי-תמאס יגיע כפיך ועל-עצת רשעים הופעת 3
Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee ana immoo yommuu cunqursitu, hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
העיני בשר לך אם-כראות אנוש תראה 4
Ati ija foonii qabdaa? Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
הכימי אנוש ימיך אם-שנותיך כימי גבר 5
Barri kee akka bara namaatii? Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
כי-תבקש לעוני ולחטאתי תדרוש 6
Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee cubbuu koo qoratta?
על-דעתך כי-לא ארשע ואין מידך מציל 7
Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
ידיך עצבוני ויעשוני יחד סביב ותבלעני 8
“Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa?
זכר-נא כי-כחמר עשיתני ואל-עפר תשיבני 9
Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
הלא כחלב תתיכני וכגבנה תקפיאני 10
Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee?
עור ובשר תלבישני ובעצמות וגידים תשככני 11
Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
חיים וחסד עשית עמדי ופקדתך שמרה רוחי 12
Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
ואלה צפנת בלבבך ידעתי כי-זאת עמך 13
“Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte; anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
אם-חטאתי ושמרתני ומעוני לא תנקני 14
Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita; balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
אם רשעתי אללי לי-- וצדקתי לא-אשא ראשי שבע קלון וראה עניי 15
Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo! Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu; ani salphina uffadhee dhiphina keessa seeneeraatii.
ויגאה כשחל תצודני ותשב תתפלא-בי 16
Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita; humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
תחדש עדיך נגדי ותרב כעשך עמדי חליפות וצבא עמי 17
Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee dheekkamsa kee natti dabalta; loltuus natti fidda.
ולמה מרחם הצאתני אגוע ועין לא-תראני 18
“Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte? Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
כאשר לא-הייתי אהיה מבטן לקבר אובל 19
Ani utuun dhalachuu baadhee yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
הלא-מעט ימי יחדל (וחדל) ישית (ושית) ממני ואבליגה מעט 20
Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii? Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
בטרם אלך ולא אשוב-- אל-ארץ חשך וצלמות 21
utuu ani lafa dhaqanii hin deebine, biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
ארץ עפתה כמו אפל--צלמות ולא סדרים ותפע כמו-אפל 22
gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa, biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame, kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”

< איוב 10 >