< ירמיה 43 >

ויהי ככלות ירמיהו לדבר אל כל העם את כל דברי יהוה אלהיהם אשר שלחו יהוה אלהיהם אליהם--את כל הדברים האלה 1
Erga Ermiyaas dubbii Waaqayyo Waaqa isaanii kan Waaqayyo akka inni nama hundatti himuuf isa erge sana dubbatee fixee booddee,
ויאמר עזריה בן הושעיה ויוחנן בן קרח וכל האנשים הזדים אמרים אל ירמיהו שקר אתה מדבר--לא שלחך יהוה אלהינו לאמר לא תבאו מצרים לגור שם 2
Azaariyaa ilmi Hooshaʼiyaa, Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi namoonni of tuulan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; “Ati ni sobda! Waaqayyo Waaqni keenya akka ati, ‘Isin achi jiraachuuf jettanii biyya Gibxi dhaquu hin qabdan’ jettuuf si hin ergine.
כי ברוך בן נריה מסית אתך בנו--למען תת אתנו ביד הכשדים להמית אתנו ולהגלות אתנו בבל 3
Baaruk ilmi Neeriyaa garuu akka ati akka isaan nu fixaniif yookaan boojiʼanii Baabilonitti nu geessaniif dabarsitee harka Baabilonotaatti nu kennituuf si kakaasaa jira.”
ולא שמע יוחנן בן קרח וכל שרי החילים וכל העם--בקול יהוה לשבת בארץ יהודה 4
Kanaafuu Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundii fi sabni hundi ajaja Waaqayyo akka isaan biyya Yihuudaa turaniif kenneef sana didan.
ויקח יוחנן בן קרח וכל שרי החילים את כל שארית יהודה--אשר שבו מכל הגוים אשר נדחו שם לגור בארץ יהודה 5
Qooda kanaa Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundi hambaa Yihuudaa kanneen biyyoota itti bibittinneeffaman hunda keessaa deebiʼanii biyya Yihuudaa keessa jiraachuuf dhufan hunda fudhatanii deeman.
את הגברים ואת הנשים ואת הטף ואת בנות המלך ואת כל הנפש אשר הניח נבוזראדן רב טבחים את גדליהו בן אחיקם בן שפן ואת ירמיהו הנביא ואת ברוך בן נריהו 6
Akkasumas dhiiraa dubartii, ijoollee fi intallan mootii kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk ilma Neeriyaa biratti dhiise sana hunda fudhatanii deeman.
ויבאו ארץ מצרים כי לא שמעו בקול יהוה ויבאו עד תחפנחס 7
Isaanis akkasiin Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan biyya Gibxitti galanii hamma Tahiphaanhees keessa lixan.
ויהי דבר יהוה אל ירמיהו בתחפנחס לאמר 8
Tahiphaanheesittis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
קח בידך אבנים גדלות וטמנתם במלט במלבן אשר בפתח בית פרעה בתחפנחס--לעיני אנשים יהודים 9
“Dhagaa gurguddaa guuriitii balbala masaraa Faraʼoon kan Tahiphaanhees jiru sanaa biratti utuma Yihuudoonni ilaalanuu afaa suphee keessatti awwaali.
ואמרת אליהם כה אמר יהוה צבאות אלהי ישראל הנני שלח ולקחתי את נבוכדראצר מלך בבל עבדי ושמתי כסאו ממעל לאבנים האלה אשר טמנתי ונטה את שפרורו (שפרירו) עליהם 10
Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani tajaajilaa koo Nebukadnezar mooticha Baabilonitti nama ergee nan waama; teessoo isaa illee dhagaa asitti awwaale kana irra nan dhaaba; innis dunkaana mootummaa ofii isaa isa irratti ni diriirfata.
ובאה (ובא) והכה את ארץ מצרים--אשר למות למות ואשר לשבי לשבי ואשר לחרב לחרב 11
Inni dhufee Gibxin ni lola; warra duʼaaf ramadamanitti duʼa, warra boojuuf ramadamanitti boojuu, warra goraadeef ramadamanitti goraadee ni fida.
והצתי אש בבתי אלהי מצרים ושרפם ושבם ועטה את ארץ מצרים כאשר יעטה הרעה את בגדו ויצא משם בשלום 12
Inni manneen waaqeffannaa waaqota Gibxitti ibidda qabsiisa; manneen waaqeffannaa isaanii gubee waaqota isaanii tolfamoo illee boojiʼa. Akkuma Tikeen tokko wayyaa marxifattu sana innis biyya Gibxi marxifatee nagumaanis achii deema.
ושבר את מצבות בית שמש אשר בארץ מצרים ואת בתי אלהי מצרים ישרף באש 13
Inni achuma galma waaqeffannaa aduu biyya Gibxi keessatti utuboota waaqeffannaa caccabsee galma waaqeffannaa waaqota Gibxii illee ni guba.’”

< ירמיה 43 >