< ירמיה 33 >

ויהי דבר יהוה אל ירמיהו שנית והוא עודנו עצור בחצר המטרה לאמר 1
Utuu Ermiyaas amma iyyuu oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu, dubbiin Waaqayyoo yeroo lammaffaa akkana jedhee gara isaa dhufe:
כה אמר יהוה עשה יהוה יוצר אותה להכינה--יהוה שמו 2
“Waaqayyo inni lafa uume, Waaqayyo inni lafa tolchee jabeessee ishee dhaabe, kan maqaan isaa Waaqayyo jedhamu sun akkana jedha;
קרא אלי ואענך ואגידה לך גדלות ובצרות לא ידעתם 3
‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’
כי כה אמר יהוה אלהי ישראל על בתי העיר הזאת ועל בתי מלכי יהודה--הנתצים אל הסללות ואל החרב 4
Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee manneen magaalaa kanaatii fi waaʼee masaraa mootota Yihuudaa kanneen ittiin tuulaa biyyootii fi goraadee of irraa dhowwuuf diigaman sanaa akkana jedhaatii;
באים להלחם את הכשדים ולמלאם את פגרי האדם אשר הכיתי באפי ובחמתי ואשר הסתרתי פני מהעיר הזאת על כל רעתם 5
Baabilononni loluuf ni dhufu; ‘Isaanis magaalaa kana reeffa namoota ani aarii fi dheekkamsa kootiin fixuutiin ni guutu. Ani sababii hammina ishee hundaatii fi magaalaa kana duraa fuula koo dhokfadheeraatii.
הנני מעלה לה ארכה ומרפא ורפאתים וגליתי להם עתרת שלום ואמת 6
“‘Taʼus ani isaan nan fayyisa; nan bayyanachiisas; ani saba koo nan fayyisa; akka isaan nagaa fi tasgabbii guddaan jiraatan nan godha.
והשבתי את שבות יהודה ואת שבות ישראל ובנתים כבראשנה 7
Ani Yihuudaa fi Israaʼelin boojuudhaa deebisee akka isaan dur turanitti nan ijaara.
וטהרתים מכל עונם אשר חטאו לי וסלחתי לכול (לכל) עונותיהם אשר חטאו לי ואשר פשעו בי 8
Cubbuu isaan natti hojjetan hunda irraa isaan nan qulqulleessa; cubbuu isaan natti finciluun hojjetan hundas nan dhiisaaf.
והיתה לי לשם ששון לתהלה ולתפארת לכל גויי הארץ--אשר ישמעו את כל הטובה אשר אנכי עשה אותם ופחדו ורגזו על כל הטובה ועל כל השלום אשר אנכי עשה לה 9
Magaalaan kun fuula saboota lafa irraa warra waan gaarii ani isheef godhe hunda dhagaʼan hundaa duratti maqaa, gammachuu, galataa fi ulfina naa taati; isaan sababii badhaadhummaa fi nagaa ani isheef kennu hundaatiif sodaatanii hollatan.’
כה אמר יהוה עוד ישמע במקום הזה אשר אתם אמרים חרב הוא מאין אדם ומאין בהמה--בערי יהודה ובחצות ירושלם הנשמות מאין אדם ומאין יושב ומאין בהמה 10
“Waaqayyo akkana jedha: ‘Isin waaʼee iddoo kanaa, “Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru” jettu. Taʼu illee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem kanneen duwwaa hafanii namni yookaan bineensi keessa hin jirre sana keessatti amma illee,
קול ששון וקול שמחה קול חתן וקול כלה קול אמרים הודו את יהוה צבאות כי טוב יהוה כי לעולם חסדו מבאים תודה בית יהוה כי אשיב את שבות הארץ כבראשנה אמר יהוה 11
sagaleen ililleetii fi gammachuu, sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, sagaleen warra mana Waaqayyootti aarsaa dhiʼeessanii kan, “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu galateeffadhaa; Waaqayyo gaariidhaatii; jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” jedhu ni dhagaʼama. Ani boojiʼamtoota biyyattii akkuma isaan duraan turanittin deebisaatii’ jedha Waaqayyo.
כה אמר יהוה צבאות עוד יהיה במקום הזה החרב מאין אדם ועד בהמה ובכל עריו--נוה רעים מרבצים צאן 12
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Iddoo onaa namni yookaan horiin keessa hin jiraanne kanaa fi magaalaawwan ishee hunda keessa lafti dheedaa kan tiksoonni bushaayee isaanii itti boqochiifatan ammas ni jiraata.
בערי ההר בערי השפלה ובערי הנגב ובארץ בנימן ובסביבי ירושלם ובערי יהודה--עד תעברנה הצאן על ידי מונה אמר יהוה 13
Magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, kanneen gaarran dhiʼaatii fi Negeeb keessatti, biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa keessatti amma illee bushaayeen harka nama isaan toʼatuu jala ni hulluuqu’ jedha Waaqayyo.
הנה ימים באים נאם יהוה והקמתי את הדבר הטוב אשר דברתי אל בית ישראל ועל בית יהודה 14
“‘Barri ani’ jedha Waaqayyo ‘waadaa gaarii ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaatiif seene sana itti fiixaan baasu ni dhufa.’
בימים ההם ובעת ההיא אצמיח לדוד צמח צדקה ועשה משפט וצדקה בארץ 15
“‘Bara sana keessa, yeroo sanatti ani akka dameen qajeelaan tokko sanyii Daawit keessaa latu nan godha; inni waan qajeelaa fi sirrii taʼe biyyattii keessatti ni hojjeta.
בימים ההם תושע יהודה וירושלם תשכון לבטח וזה אשר יקרא לה יהוה צדקנו 16
Bara sana keessa Yihuudaan ni fayya; Yerusaalemis nagaan jiraatti. Maqaan isheen ittiin waamamtus, Waaqayyo qajeelummaa keenya’ jedhama.
כי כה אמר יהוה לא יכרת לדוד--איש ישב על כסא בית ישראל 17
Waaqayyo akkana jedhaatii: ‘Daawit gonkumaa nama teessoo mana Israaʼel irra taaʼu hin dhabu;
ולכהנים הלוים לא יכרת איש מלפני מעלה עולה ומקטיר מנחה ועשה זבח--כל הימים 18
yookaan luboonni warri Lewwota taʼan gonkumaa nama aarsaa gubamu dhiʼeessuuf, kennaa midhaanii gubuu fi qalma dhiʼeessuuf ittuma fufee fuula koo dura dhaabatu hin dhaban.’”
ויהי דבר יהוה אל ירמיהו לאמור 19
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
כה אמר יהוה אם תפרו את בריתי היום ואת בריתי הלילה ולבלתי היות יומם ולילה בעתם 20
“Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan,
גם בריתי תפר את דוד עבדי מהיות לו בן מלך על כסאו ואת הלוים הכהנים משרתי 21
kakuun ani garbicha koo Daawit wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawitis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu.
אשר לא יספר צבא השמים ולא ימד חול הים--כן ארבה את זרע דוד עבדי ואת הלוים משרתי אתי 22
Ani sanyii garbicha koo Daawitii fi Lewwota fuula koo dura tajaajilan akkuma urjiiwwan samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu hin dandeenyee nan baayʼisa.’”
ויהי דבר יהוה אל ירמיהו לאמר 23
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
הלוא ראית מה העם הזה דברו לאמר שתי המשפחות אשר בחר יהוה בהם וימאסם ואת עמי ינאצון מהיות עוד גוי לפניהם 24
“Ati akka uummanni kun, ‘Waaqayyo mootummoota filatee ture lamaan gateera’ jechaa jiru hin qalbeeffannee? Kanaafuu isaan saba koo tuffataniiru; siʼachis akka saba tokkootti isa hin ilaalan.
כה אמר יהוה אם לא בריתי יומם ולילה--חקות שמים וארץ לא שמתי 25
Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani utuu halkanii fi guyyaa wajjin kakuu koo jabeessee dhaabuu baadhee, samii fi lafaafis seera kaaʼuu baadhee,
גם זרע יעקוב ודוד עבדי אמאס מקחת מזרעו משלים אל זרע אברהם ישחק ויעקב כי אשוב (אשיב) את שבותם ורחמתים 26
silaa sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit gatee akka inni sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi kan Yaaqoob bulchuuf ilmaan isaa keessaa nama tokko hin filadhu ture. Anis boojiʼamtoota isaanii nan deebisa; garaa illee nan laafaaf.’”

< ירמיה 33 >