< ירמיה 3 >

לאמר הן ישלח איש את אשתו והלכה מאתו והיתה לאיש אחר הישוב אליה עוד--הלוא חנוף תחנף הארץ ההיא ואת זנית רעים רבים--ושוב אלי נאם יהוה 1
“Namni tokko yoo niitii isaa hiikee isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, inni lammata isheetti deebiʼaa? Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; taʼus amma gara kootti deebiʼi?” jedha Waaqayyo.
שאי עיניך על שפים וראי איפה לא שגלת (שכבת)--על דרכים ישבת להם כערבי במדבר ותחניפי ארץ בזנותיך וברעתך 2
“Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali. Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa? Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse; sagaagaltummaa fi hammina keetiin biyyattii xureessiteerta.
וימנעו רבבים ומלקוש לוא היה ומצח אשה זונה היה לך מאנת הכלם 3
Kanaafuu tiifuun ni ittifame; birraa keessa illee bokkaan hin roobne. Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda; qaanaʼuus ni didde.
הלוא מעתה קראתי (קראת) לי אבי אלוף נערי אתה 4
Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee? ‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,
הינטר לעולם אם ישמר לנצח הנה דברת ותעשי הרעות ותוכל 5
ati yeroo hunda ni aartaa? Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’ Ati akkasitti dubbatta; garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta.”
ויאמר יהוה אלי בימי יאשיהו המלך הראית אשר עשתה משבה ישראל הלכה היא על כל הר גבה ואל תחת כל עץ רענן--ותזני שם 6
Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte.
ואמר אחרי עשותה את כל אלה אלי תשוב--ולא שבה ותראה (ותרא) בגודה אחותה יהודה 7
Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite.
וארא כי על כל אדות אשר נאפה משבה ישראל שלחתיה ואתן את ספר כריתתיה אליה ולא יראה בגדה יהודה אחותה--ותלך ותזן גם היא 8
Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.
והיה מקל זנותה ותחנף את הארץ ותנאף את האבן ואת העץ 9
Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite.
וגם בכל זאת לא שבה אלי בגודה אחותה יהודה--בכל לבה כי אם בשקר נאם יהוה 10
Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
ויאמר יהוה אלי צדקה נפשה משבה ישראל מבגדה יהודה 11
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha.
הלך וקראת את הדברים האלה צפונה ואמרת שובה משבה ישראל נאם יהוה--לוא אפיל פני בכם כי חסיד אני נאם יהוה לא אטור לעולם 12
Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi: “‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha Waaqayyo; ‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu; ani araara qabeessaatii’ jedha Waaqayyo. ‘Ani bara baraan hin dheekkamu.
אך דעי עונך כי ביהוה אלהיך פשעת ותפזרי את דרכיך לזרים תחת כל עץ רענן ובקולי לא שמעתם נאם יהוה 13
Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte, akka mukkeen lalisoo hunda jalatti jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde, balleessaa kee sana qofa himadhu’” jedha Waaqayyo.
שובו בנים שובבים נאם יהוה כי אנכי בעלתי בכם ולקחתי אתכם אחד מעיר ושנים ממשפחה והבאתי אתכם ציון 14
“Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha Waaqayyo; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
ונתתי לכם רעים כלבי ורעו אתכם דעה והשכיל 15
Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna.
והיה כי תרבו ופריתם בארץ בימים ההמה נאם יהוה--לא יאמרו עוד ארון ברית יהוה ולא יעלה על לב ולא יזכרו בו ולא יפקדו ולא יעשה עוד 16
Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha Waaqayyo, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu.
בעת ההיא יקראו לירושלם כסא יהוה ונקוו אליה כל הגוים לשם יהוה לירושלם ולא ילכו עוד--אחרי שררות לבם הרע 17
Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan.
בימים ההמה ילכו בית יהודה על בית ישראל ויבאו יחדו מארץ צפון על הארץ אשר הנחלתי את אבותיכם 18
Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
ואנכי אמרתי איך אשיתך בבנים ואתן לך ארץ חמדה נחלת צבי צבאות גוים ואמר אבי תקראו (תקראי) לי ומאחרי לא תשובו (תשובי) 19
“Ani mataan koo akkana nan jedhe; “‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti si fudhadhee biyya namatti toltu, dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’ Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf, waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
אכן בגדה אשה מרעה כן בגדתם בי בית ישראל נאם יהוה 20
Yaa mana Israaʼel, ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo, anaaf hin amanamne turte” jedha Waaqayyo.
קול על שפיים נשמע בכי תחנוני בני ישראל כי העוו את דרכם שכחו את יהוה אלהיהם 21
Isaan karaa isaanii jalʼisanii Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif gaara duwwaa irratti iyyi, booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
שובו בנים שובבים ארפה משובתיכם הננו אתנו לך כי אתה יהוה אלהינו 22
“Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa; ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii.” “Kunoo, nu gara kee ni dhufna; Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.
אכן לשקר מגבעות המון הרים אכן ביהוה אלהינו תשועת ישראל 23
Dhugumaan wacni gaarranii fi tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha; dhugumaan fayyinni Israaʼel harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.
והבשת אכלה את יגיע אבותינו--מנעורינו את צאנם ואת בקרם את בניהם ואת בנותיהם 24
Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan, buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa jechuunis bushaayee fi loon isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.
נשכבה בבשתנו ותכסנו כלמתנו--כי ליהוה אלהינו חטאנו אנחנו ואבותינו מנעורינו ועד היום הזה ולא שמענו בקול יהוה אלהינו 25
Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu; salphinni keenyas nu haa haguugu. Nus abbootiin keenyas Waaqayyo Waaqa keenyatti cubbuu hojjenneerra; nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne.”

< ירמיה 3 >