< ישעה 48 >

שמעו זאת בית יעקב הנקראים בשם ישראל וממי יהודה יצאו הנשבעים בשם יהוה ובאלהי ישראל יזכירו--לא באמת ולא בצדקה 1
“Yaa mana Yaaqoob, isin warri maqaa Israaʼeliin waamamtan, kanneen sanyii Yihuudaa irraa argamtan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kakattanii garuu dhugaadhaan yookaan qajeelummaadhaan utuu hin taʼin maqaa Waaqa Israaʼel dhooftan waan kana dhaggeeffadhaa;
כי מעיר הקדש נקראו ועל אלהי ישראל נסמכו יהוה צבאות שמו 2
isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan, kanneen Waaqa Israaʼelitti irkattan, waan kana dhaggeeffadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
הראשנות מאז הגדתי ומפי יצאו ואשמיעם פתאם עשיתי ותבאנה 3
Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera; isaan afaan kootii baʼan; 1 anis akka isaan beekaman nan godhe; anis akkuma tasaa hojjedhe; isaanis ni raawwataman.
מדעתי כי קשה אתה וגיד ברזל ערפך ומצחך נחושה 4
Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii; ribuun morma keetii sibiila ture; addi kee naasii ture.
ואגיד לך מאז בטרם תבוא השמעתיך--פן תאמר עצבי עשם ופסלי ונסכי צום 5
Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera; ani akka ati, ‘waaqota koo tolfamootu isaan hojjete; fakkii koo kan muka irraa hojjetamee fi waaqa sibiila irraa hojjetametu murteesse’ jechuu hin dandeenyeef utuu isaan hin uumaminiin dura sitti himeera.
שמעת חזה כלה ואתם הלוא תגידו השמעתיך חדשות מעתה ונצרות ולא ידעתם 6
Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali. Ati isaan amantee hin fudhattuu? “Ani ammaa jalqabee waan haaraa, waan dhokfamee jiru kan ati hin beekin sitti nan hima.
עתה נבראו ולא מאז ולפני יום ולא שמעתם--פן תאמר הנה ידעתין 7
Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti; ati harʼaan dura waaʼee isaanii hin dhageenye. Kanaafuu ati, ‘Kunoo ani waaʼee isaanii beekeen ture’ jechuu hin dandeessu.
גם לא שמעת גם לא ידעת--גם מאז לא פתחה אזנך כי ידעתי בגוד תבגוד ופשע מבטן קרא לך 8
Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu; gurri kee durumaa jalqabee hin banamne. Ani akka ati micciiramaa taate beeka; ati dhaloota keetii jalqabdee fincilaa jedhamtee waamamte.
למען שמי אאריך אפי ותהלתי אחטם לך--לבלתי הכריתך 9
Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa; ani akka si hin balleessineef galata kootiif jedhee dheekkamsa koo duubatti harkisa.
הנה צרפתיך ולא בכסף בחרתיך בכור עני 10
Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera; ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera.
למעני למעני אעשה כי איך יחל וכבודי לאחר לא אתן 11
Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha. Maqaan koo akkamitti baduu dandaʼa? Ani ulfina koo dabarsee kan biraatiif hin kennu.
שמע אלי יעקב וישראל מקראי אני הוא אני ראשון אף אני אחרון 12
“Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame, na dhaggeeffadhu: Ani isuma; ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaa ti.
אף ידי יסדה ארץ וימיני טפחה שמים קרא אני אליהם יעמדו יחדו 13
Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe; harki koo mirgaa immoo samiiwwan diriirse; yommuu ani isaan waamutti, hundi isaanii walii wajjin dhaabatu.
הקבצו כלכם ושמעו מי בהם הגיד את אלה יהוה אהבו--יעשה חפצו בבבל וזרעו כשדים 14
“Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa; waaqota tolfamoo keessaa kamitu duraan dursee wantoota kanneen dubbate? Michuun Waaqayyoo filatamaan kaayyoo Waaqaa Baabilon irratti fiixaan baasa; irreen isaa Baabilonotatti kaʼa.
אני אני דברתי אף קראתיו הבאתיו והצליח דרכו 15
Ani, ani mataan koo dubbadheera; dhugumaan ani isa waameera. Ani isa nan fida; innis karaa isaa irratti ni milkaaʼa.
קרבו אלי שמעו זאת לא מראש בסתר דברתי--מעת היותה שם אני ועתה אדני יהוה שלחני--ורוחו 16
“Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa: “Ani jalqabumaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne; yeroo wanni sun taʼettis ani achuman ture.” Ammas Waaqayyo Gooftaanii fi Hafuurri isaa na erganiiru.
כה אמר יהוה גאלך קדוש ישראל אני יהוה אלהיך מלמדך להועיל מדריכך בדרך תלך 17
Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan waan siif tolu si barsiisu, kan karaa ati deemuu qabdu irra si qajeelchuu dha.
לוא הקשבת למצותי ויהי כנהר שלומך וצדקתך כגלי הים 18
Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee, nagaan kee akka lagaa, qajeelummaan kee immoo akka dhaʼaa galaanaa taʼa ture.
ויהי כחול זרעך וצאצאי מעיך כמעתיו לא יכרת ולא ישמד שמו מלפני 19
Sanyiin kee akkuma cirrachaa, ijoolleen kee akkuma biyyoo lafaa baayʼatu ture; maqaan isaanii hin haqamu; isaanis fuula koo duraa hin dhabaman ture.”
צאו מבבל ברחו מכשדים בקול רנה הגידו השמיעו זאת הוציאוה עד קצה הארץ אמרו גאל יהוה עבדו יעקב 20
Baabilon keessaa baʼaa; Baabilonota duraa baqadhaa! Waan kana iyya gammachuutiin beeksisaa; labsaas. Hamma handaara lafaatti dabarsaa; “Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobin fureera” jedhaa.
ולא צמאו בחרבות הוליכם--מים מצור הזיל למו ויבקע צור--ויזבו מים 21
Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan burqisiiseef; inni kattaa dhoosee, bishaanis humnaan cabsee baʼe.
אין שלום אמר יהוה לרשעים 22
“Hamootaaf nagaan hin jiru” jedha Waaqayyo.

< ישעה 48 >