< ישעה 23 >

משא צר הילילו אניות תרשיש כי שדד מבית מבוא מארץ כתים נגלה למו 1
Raajii waaʼee Xiiroos: Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa! Xiiroos barbadooftee mana yookaan buufata doonii malee hafteertii. Biyya Qophroos oduun isaan qaqqabeera.
דמו ישבי אי סחר צידון עבר ים מלאוך 2
Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi daldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaran isin sooromsan calʼisaa.
ובמים רבים זרע שחר קציר יאור תבואתה ותהי סחר גוים 3
Midhaan Shihoor bishaanota gurguddaa irraan dhufe; oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture; isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate.
בושי צידון--כי אמר ים מעוז הים לאמר לא חלתי ולא ילדתי ולא גדלתי בחורים--רוממתי בתולות 4
Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi; galaanni akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye; ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.”
כאשר שמע למצרים יחילו כשמע צר 5
Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti isaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu.
עברו תרשישה הילילו ישבי אי 6
Isin gara Tarshiishitti ceʼaa; yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa.
הזאת לכם עליזה מימי קדם קדמתה יבלוה רגליה מרחוק לגור 7
Magaalaa dulloomtuun durii, kan miilli ishee ishee fuudhee, akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun, magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa?
מי יעץ זאת על צר המעטירה אשר סחריה שרים כנעניה נכבדי ארץ 8
Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu kan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼan kan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanitti eenyutu waan kana karoorfate?
יהוה צבאות יעצה--לחלל גאון כל צבי להקל כל נכבדי ארץ 9
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu of jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fi warra lafa irratti kabajaman hunda salphisuuf waan kana karoorfateera.
עברי ארצך כיאר בת תרשיש אין מזח עוד 10
Yaa Intala Tarshiish, ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii, lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu.
ידו נטה על הים הרגיז ממלכות יהוה צוה אל כנען לשמד מעזניה 11
Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee mootummoota hollachiiseera. Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniif waaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera.
ויאמר לא תוסיפי עוד לעלוז המעשקה בתולת בת צידון כתיים (כתים) קומי עברי--גם שם לא ינוח לך 12
Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa, ati kana caalaa hin fandalaltu! “Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi; ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.”
הן ארץ כשדים זה העם לא היה--אשור יסדה לציים הקימו בחיניו (בחוניו) עוררו ארמנותיה--שמה למפלה 13
Mee biyya Baabilonotaa ilaali; uummanni kun amma seenaa hin qabu! Warri Asoor akka isheen iddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan; isaan siree eegumsaa ijaarratan; daʼannoowwan ishee qullaa hambisan; ishees ni barbadeessan.
הילילו אניות תרשיש כי שדד מעזכן 14
Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa; daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii!
והיה ביום ההוא ונשכחת צר שבעים שנה כימי מלך אחד מקץ שבעים שנה יהיה לצר כשירת הזונה 15
Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
קחי כנור סבי עיר זונה נשכחה היטיבי נגן הרבי שיר למען תזכרי 16
“Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu, baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi; ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti; sirba baayʼee sirbi.”
והיה מקץ שבעים שנה יפקד יהוה את צר ושבה לאתננה וזנתה את כל ממלכות הארץ על פני האדמה 17
Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.
והיה סחרה ואתננה קדש ליהוה--לא יאצר ולא יחסן כי לישבים לפני יהוה יהיה סחרה לאכל לשבעה ולמכסה עתיק 18
Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.

< ישעה 23 >