< הושע 8 >

אל חכך שפר כנשר על בית יהוה--יען עברו בריתי ועל תורתי פשעו 1
“Malakata afaan keetti kaaʼadhu! Sababii namoonni kakuu koo cabsanii seera kootti fincilaniif risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.
לי יזעקו אלהי ידענוך ישראל 2
Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee gara kootti iyyate.
זנח ישראל טוב אויב ירדפו 3
Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; kanaafuu diinni isa ariʼa.
הם המליכו ולא ממני השירו ולא ידעתי כספם וזהבם עשו להם עצבים למען יכרת 4
Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. Isaan meetii fi warqee isaaniitiin badiisa isaaniitiif waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
זנח עגלך שמרון חרה אפי בם עד מתי לא יוכלו נקין 5
Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?
כי מישראל והוא--חרש עשהו ולא אלהים הוא כי שבבים יהיה עגל שמרון 6
Isaan warra Israaʼel! Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; inni Waaqa miti. Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
כי רוח יזרעו וסופתה יקצרו קמה אין לו צמח בלי יעשה קמח--אולי יעשה זרים יבלעהו 7
“Isaan bubbee facaafatanii bubbee hamaa haammatu. Mukni isaa mataa hin qabu; daraaraas hin baasu. Utuu inni midhaan naqatee silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.
נבלע ישראל עתה היו בגוים ככלי אין חפץ בו 8
Israaʼel liqimfameera; isaan amma saboota gidduutti akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.
כי המה עלו אשור פרא בודד לו אפרים התנו אהבים 9
Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; Efreemis michootatti of gurgureera.
גם כי יתנו בגוים עתה אקבצם ויחלו מעט ממשא מלך שרים 10
Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu ani amma walitti isaan nan qaba. Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti ni sukkuumamu.
כי הרבה אפרים מזבחות לחטא היו לו מזבחות לחטא 11
“Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu, lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.
אכתוב (אכתב) לו--רבו (רבי) תורתי כמו זר נחשבו 12
Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.
זבחי הבהבי יזבחו בשר ויאכלו--יהוה לא רצם עתה יזכר עונם ויפקד חטאותם--המה מצרים ישובו 13
Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; foon sanas ni nyaatu; Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne. Inni amma hammina isaanii yaadatee cubbuu isaanii adaba: Isaan gara Gibxitti deebiʼu.
וישכח ישראל את עשהו ויבן היכלות ויהודה הרבה ערים בצרות ושלחתי אש בעריו ואכלה ארמנתיה 14
Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee masaraawwan mootummaa ijaare; Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”

< הושע 8 >