< הושע 13 >
כדבר אפרים רתת נשא הוא בישראל ויאשם בבעל וימת | 1 |
Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan; inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture. Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe.
ועתה יוספו לחטא ויעשו להם מסכה מכספם כתבונם עצבים מעשה חרשים כלה להם הם אמרים זבחי אדם עגלים ישקון | 2 |
Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu; meetii ofii isaaniitiin waaqa tolfamaa tolfatu; fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaanii harka ogeeyyiitiin hojjetaman. Waaʼee saba kanaas, “Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu; waaqa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!” jedhame.
לכן יהיו כענן בקר וכטל משכים הלך כמץ יסער מגרן וכעשן מארבה | 3 |
Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqii oobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuu akkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu.
ואנכי יהוה אלהיך מארץ מצרים ואלהים זולתי לא תדע ומושיע אין בלתי | 4 |
“Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee Waaqayyo Waaqa kee ti. Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu; ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.
אני ידעתיך במדבר--בארץ תלאבות | 5 |
Ani gammoojjii keessatti, biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera.
כמרעיתם וישבעו--שבעו וירם לבם על כן שכחוני | 6 |
Yeroo ani isaan sooretti ni quufan; isaan yeroo quufanitti of tuulan; ergasii immoo na irraanfatan.
ואהי להם כמו שחל--כנמר על דרך אשור | 7 |
Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa; akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha.
אפגשם כדב שכול ואקרע סגור לבם ואכלם שם כלביא חית השדה תבקעם | 8 |
Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti isaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa. Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha; bineensi bosonaa gargar isaan ciccira.
“Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee mormiteef ati baddeerta.
אהי מלכך אפוא ויושיעך בכל עריך ושפטיך--אשר אמרת תנה לי מלך ושרים | 10 |
Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira? Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’ jettee kadhatte sun eessa jiru?
אתן לך מלך באפי ואקח בעברתי | 11 |
Ani aarii kootiin mootii siifan kenne; dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.
צרור עון אפרים צפונה חטאתו | 12 |
Balleessaan Efreem walitti kuufamee cubbuun isaas galmeeffameera.
חבלי יולדה יבאו לו הוא בן לא חכם כי עת לא יעמד במשבר בנים | 13 |
Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa; inni garuu daaʼima wallaalaa dha; inni yommuu yeroon gaʼutti, gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu.
מיד שאול אפדם ממות אגאלם אהי דבריך מות אהי קטבך שאול--נחם יסתר מעיני (Sheol ) | 14 |
“Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara; duʼa jalaa isaan nan baasa. Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre? Yaa awwaala, balleessuun kee meerre? “Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu; (Sheol )
כי הוא בין אחים יפריא יבוא קדים רוח יהוה ממדבר עלה ויבוש מקורו ויחרב מעינו--הוא ישסה אוצר כל כלי חמדה | 15 |
Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu, bubbeen baʼaa Waaqayyo biraa ni dhufa; lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa; burqaan isaa bishaan dhaba; boolli bishaan isaas ni goga. Mankuusni isaa, qabeenyi inni qabu hundis ni saamama.
תאשם שמרון כי מרתה באלהיה בחרב יפלו--עלליהם ירטשו והריותיו יבקעו | 16 |
Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileef gatii balleessaa isaa ni argata. Isaan goraadeedhaan dhumu; daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu; dubartoonni isaanii kanneen ulfa qabanis ni baqaqfamu.”