< חבקוק 3 >

תפלה לחבקוק הנביא--על שגינות 1
Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan.
יהוה שמעתי שמעך יראתי--יהוה פעלך בקרב שנים חייהו בקרב שנים תודיע ברגז רחם תזכור 2
Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera; yaa Waaqayyo, ani gochawwan kee nan sodaadha. Bara keenya keessa isaan haaromsi; jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi; yeroo dheekamtutti araara yaadadhu.
אלוה מתימן יבוא וקדוש מהר פארן סלה כסה שמים הודו ותהלתו מלאה הארץ 3
Waaqni Teemaan irraa, Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe. Ulfinni isaa samiiwwan haguuge; galanni isaas lafa guute.
ונגה כאור תהיה קרנים מידו לו ושם חביון עזה 4
Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti; gaanfawwan lama harka isaatii baʼu; humni isaas achi dhokateera.
לפניו ילך דבר ויצא רשף לרגליו 5
Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme; golfaanis isa duukaa buʼe.
עמד וימדד ארץ ראה ויתר גוים ויתפצצו הררי עד שחו גבעות עולם הליכות עולם לו 6
Inni dhaabatee lafa raase; ilaalee akka saboonni hollatan godhe. Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan; gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman. Karaan isaa kan bara baraa ti.
תחת און ראיתי אהלי כושן ירגזון יריעות ארץ מדין 7
Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge; golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu.
הבנהרים חרה יהוה--אם בנהרים אפך אם בים עברתך כי תרכב על סוסיך מרכבתיך ישועה 8
Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee? Burqaawwanittis dheekkamtee? Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti, yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti galaanatti dheekkamtee turtee?
עריה תעור קשתך שבעות מטות אמר סלה נהרות תבקע ארץ 9
Ati iddaa kee luqqifattee xiyya itti dhaabbatte. Lafas lageeniin gargar baqaqsite;
ראוך יחילו הרים זרם מים עבר נתן תהום קולו רום ידיהו נשא 10
tulluuwwan si arganii hollattan. Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban; tuujubni ni huurse; dambalii isaas ol kaase.
שמש ירח עמד זבלה לאור חציך יהלכו לנגה ברק חניתך 11
Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan.
בזעם תצעד ארץ באף תדוש גוים 12
Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte; aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte.
יצאת לישע עמך לישע את משיחך מחצת ראש מבית רשע ערות יסוד עד צואר סלה 13
Ati saba kee furuuf, dibamaa kee oolchuuf dhufte. Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte; mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte.
נקבת במטיו ראש פרזו יסערו להפיצני עליצתם כמו לאכל עני במסתר 14
Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii, akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran fixuu gaʼaniitti gammadanitti, ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante.
דרכת בים סוסיך חמר מים רבים 15
Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa hoomacheessaa galaana irra deemte.
שמעתי ותרגז בטני לקול צללו שפתי--יבוא רקב בעצמי ותחתי ארגז אשר אנוח ליום צרה לעלות לעם יגודנו 16
Ani dhagaʼeen garaan koo raafame; hidhiin koo sagalee sanaan hollate; tortorri lafee koo seene; miilli koos ni hollate. Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha.
כי תאנה לא תפרח ואין יבול בגפנים--כחש מעשה זית ושדמות לא עשה אכל גזר ממכלה צאן ואין בקר ברפתים 17
Yoo mukni harbuu daraaruu baatee iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu, yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu, yoo hoolonni gola keessaa, loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
ואני ביהוה אעלוזה אגילה באלהי ישעי 18
ani garuu Waaqayyotti nan gammada; Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
יהוה אדני חילי וישם רגלי כאילות ועל במותי ידרכני למנצח בנגינותי 19
Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti; inni miilla koo akka miilla borofaa godha; lafa ol kaʼaa irras na deemsisa. Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.

< חבקוק 3 >