< בראשית 48 >

ויהי אחרי הדברים האלה ויאמר ליוסף הנה אביך חלה ויקח את שני בניו עמו--את מנשה ואת אפרים 1
Yeroo muraasa booddee, “Kunoo, abbaan kee dhukkubsateera” jedhanii Yoosefitti himan. Innis ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee dhaqe.
ויגד ליעקב--ויאמר הנה בנך יוסף בא אליך ויתחזק ישראל וישב על המטה 2
Yaaqoob yeroo, “Ilmi kee Yoosef gara kee dhufeera” jedhanii itti himanitti, Israaʼel of jajjabeessee kaʼee siree irra taaʼe.
ויאמר יעקב אל יוסף אל שדי נראה אלי בלוז בארץ כנען ויברך אתי 3
Yaaqoobis Yoosefiin akkana jedhe; “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee achitti na eebbise;
ויאמר אלי הנני מפרך והרביתך ונתתיך לקהל עמים ונתתי את הארץ הזאת לזרעך אחריך--אחזת עולם 4
akkanas naan jedhe; ‘Ani akka ati hortuu fi akka ati baayʼattu nan godha. Tuuta sabaa sin godha; ani biyya kana dhaala bara baraa godhee sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna.’
ועתה שני בניך הנולדים לך בארץ מצרים עד באי אליך מצרימה--לי הם אפרים ומנשה--כראובן ושמעון יהיו לי 5
“Egaa amma ilmaan kee lamaan warri utuu ani as gara kee hin dhufin dura Gibxitti siif dhalatan sun akkuma ilmaan kootti ilaalamu; akkuma Ruubeenii fi Simiʼoon kan koo taʼan sana Efreemii fi Minaaseenis kanuma koo taʼu.
ומולדתך אשר הולדת אחריהם לך יהיו על שם אחיהם יקראו בנחלתם 6
Ijoolleen isaan booddeen siif dhalatan kan kee taʼu. Dhaala qoodachuu keessatti immoo maqaa obboloota isaanii jalatti lakkaaʼamu.
ואני בבאי מפדן מתה עלי רחל בארץ כנען בדרך בעוד כברת ארץ לבא אפרתה ואקברה שם בדרך אפרת הוא בית לחם 7
Yeroo ani kaaba dhiʼa Phaadaaniitii deebiʼaa turetti utuma Efraataa gaʼuuf xinnuma nuu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti na jalaa duunaan achumatti karaa Efraataa dhaqu biratti awwaalladhe.” Efraataan kunis Beetlihemii dha.
וירא ישראל את בני יוסף ויאמר מי אלה 8
Israaʼel yeroo ilmaan Yoosef argetti, “Isaan kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
ויאמר יוסף אל אביו בני הם אשר נתן לי אלהים בזה ויאמר קחם נא אלי ואברכם 9
Yoosef immoo abbaa isaatiin, “Isaan kunneen ilmaan biyya kanatti Waaqni naaf kennee dha” jedhe. Kana irratti Israaʼel, “Akka ani isaan eebbisuuf natti fidi” jedhe.
ועיני ישראל כבדו מזקן לא יוכל לראות ויגש אתם אליו וישק להם ויחבק להם 10
Yeroo kanatti Israaʼel dulloomee iji isaa dadhabee ture; innis waa hubachuu hin dandaʼu ture. Kanaafuu Yoosef ilmaan isaa Israaʼelitti dhiʼeesse; Israaʼelis isaan dhungate; isaan hammates.
ויאמר ישראל אל יוסף ראה פניך לא פללתי והנה הראה אתי אלהים גם את זרעך 11
Israaʼelis Yoosefiin, “Ani fuuluma kee iyyuu nan arga jedhee hin yaadne; Waaqni garuu akka ani ijoollee kee iyyuu argu naa eeyyame” jedhe.
ויוצא יוסף אתם מעם ברכיו וישתחו לאפיו ארצה 12
Yoosefis jilba Israaʼel irraa achi isaan butee fuula isaatiin lafatti gad gombifame.
ויקח יוסף את שניהם--את אפרים בימינו משמאל ישראל ואת מנשה בשמאלו מימין ישראל ויגש אליו 13
Innis ergasii lamaan isaanii iyyuu fuudhee Efreemin karaa mirga isaatiin gara harka Israaʼel isa bitaatti, Minaasee immoo bitaa isaatiin gara harka Israaʼel isa mirgaatti fidee isatti dhiʼeesse.
וישלח ישראל את ימינו וישת על ראש אפרים והוא הצעיר ואת שמאלו על ראש מנשה שכל את ידיו כי מנשה הבכור 14
Israaʼel garuu utuma Efreem quxisuu taʼee jiruu harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe; Minaaseen immoo utuma hangafa taʼee jiruu Israaʼel harka isaa wal qaxxaamursee harka isaa bitaa mataa Minaasee irra kaaʼe.
ויברך את יוסף ויאמר האלהים אשר התהלכו אבתי לפניו אברהם ויצחק--האלהים הרעה אתי מעודי עד היום הזה 15
Innis akkana jedhee Yoosefin eebbise; “Waaqni inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq fuula isaa dura jiraatan, Waaqni inni bara jireenya koo guutuu hamma harʼaatti tiksee koo ture sun,
המלאך הגאל אתי מכל רע יברך את הנערים ויקרא בהם שמי ושם אבתי אברהם ויצחק וידגו לרב בקרב הארץ 16
Ergamaan Waaqayyoo kan balaa hunda jalaa na baase sun ilmaan kanneen haa eebbisu. Isaan maqaa kootiin, maqaa abbootii koo Abrahaamii fi Yisihaaqiin haa waamaman; isaan lafa irratti guddaa haa baayʼatan.”
וירא יוסף כי ישית אביו יד ימינו על ראש אפרים--וירע בעיניו ויתמך יד אביו להסיר אתה מעל ראש אפרים--על ראש מנשה 17
Yoosef yommuu akka abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe argetti ni gadde; kanaafuu inni harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf jedhee kaase.
ויאמר יוסף אל אביו לא כן אבי כי זה הבכר שים ימינך על ראשו 18
Yoosef abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, akkas miti; inni kun hangafa; harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi” jedhe.
וימאן אביו ויאמר ידעתי בני ידעתי--גם הוא יהיה לעם וגם הוא יגדל ואולם אחיו הקטן יגדל ממנו וזרעו יהיה מלא הגוים 19
Abbaan isaa garuu didee akkana jedheen; “Ani nan beeka; yaa ilma koo nan beeka. Innis saba taʼa; saba guddaa isaa taʼa. Taʼus obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa taʼa; sanyiin isaas tuuta saba baayʼee ni taʼa.”
ויברכם ביום ההוא לאמור בך יברך ישראל לאמר ישמך אלהים כאפרים וכמנשה וישם את אפרים לפני מנשה 20
Innis gaafa sana akkana jedhee isaan eebbise; “Israaʼel maqaa keetiin eebba kana kenna; ‘Waaqni akka Efreemii fi akka Minaasee isin haa taasisu.’” Yoosefis akkasiin Minaasee dura Efreemin dabarse.
ויאמר ישראל אל יוסף הנה אנכי מת והיה אלהים עמכם והשיב אתכם אל ארץ אבתיכם 21
Ergasii Israaʼel Yoosefiin akkana jedhe; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; Waaqni garuu isin wajjin taʼee biyya abbaa keessaniitti isin deebisa.
ואני נתתי לך שכם אחד--על אחיך אשר לקחתי מיד האמרי בחרבי ובקשתי 22
Ani qooda obboloota keetii caalchisee qooda tokko siifin kenna; kunis lafa ol kaʼaa ani Amoorota irraa goraadee koo fi iddaa kootiin fudhadhe sanaa dha.”

< בראשית 48 >