< שמות 14 >

וידבר יהוה אל משה לאמר 1
Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
דבר אל בני ישראל וישבו ויחנו לפני פי החירת בין מגדל ובין הים לפני בעל צפן נכחו תחנו על הים 2
“Akka isaan of irra garagalanii Phii Hahiiroti bira, Migdoolii fi galaana gidduu qubatan Israaʼelootatti himi. Isaan fuullee Baʼaal Zefoon, galaana cina qubachuu qabu.
ואמר פרעה לבני ישראל נבכים הם בארץ סגר עליהם המדבר 3
Faraʼoonis, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii biyya keessa jooraa jiru; gammoojjiin isaan marseera’ jedhee yaade.
וחזקתי את לב פרעה ורדף אחריהם ואכבדה בפרעה ובכל חילו וידעו מצרים כי אני יהוה ויעשו כן 4
Anis garaa Faraʼoon nan jabeessa; inni faana dhaʼee isaan duukaa buʼa. Anis karaa Faraʼooniitii fi karaa loltoota isaa hundaatiin ofii kootiif ulfina nan argadha; warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.” Israaʼeloonnis akkasuma godhan.
ויגד למלך מצרים כי ברח העם ויהפך לבב פרעה ועבדיו אל העם ויאמרו מה זאת עשינו כי שלחנו את ישראל מעבדנו 5
Mootiin Gibxi akka sabni sun baqatee baʼe yommuu itti himametti Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa yaada waaʼee saba sanaa qaban geeddarratanii, “Akka sabni Israaʼel nu tajaajiluu dhiisee deemuuf gad dhiisuun keenya maal gochuu keenya?” jedhan.
ויאסר את רכבו ואת עמו לקח עמו 6
Innis gaarii isaa qopheeffatee, loltoota isaas fudhatee kaʼe.
ויקח שש מאות רכב בחור וכל רכב מצרים ושלשם על כלו 7
Gaariiwwan filatamoo dhibba jaʼa, gaariiwwan Gibxi biraa hunda kanneen ajajjuuwwan isaan hunda irra jiran fudhatee kaʼe.
ויחזק יהוה את לב פרעה מלך מצרים וירדף אחרי בני ישראל ובני ישראל יצאים ביד רמה 8
Waaqayyos Faraʼoon mooticha Gibxi mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota warra sodaa malee baʼaa turan sana duukaa buʼee ariʼe.
וירדפו מצרים אחריהם וישיגו אותם חנים על הים כל סוס רכב פרעה ופרשיו וחילו--על פי החירת לפני בעל צפן 9
Warri Gibxis fardeenii fi gaariiwwan Faraʼoon hundi, abbootiin fardaatii fi loltoonni lafoon Israaʼeloota duukaa buʼanii isaanii Phii Hahiiroti bira fuullee Baʼaal Zefoon qarqara galaanaa qubatanii jiran qaqqaban.
ופרעה הקריב וישאו בני ישראל את עיניהם והנה מצרים נסע אחריהם וייראו מאד ויצעקו בני ישראל אל יהוה 10
Yeroo Faraʼoon itti dhiʼaatettis Israaʼeloonni ol ilaalanii kunoo warri Gibxi dugda duubaan isaan faana dhufan argan. Isaanis sodaatanii Waaqayyotti iyyatan.
ויאמרו אל משה המבלי אין קברים במצרים לקחתנו למות במדבר מה זאת עשית לנו להוציאנו ממצרים 11
Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti?
הלא זה הדבר אשר דברנו אליך במצרים לאמר חדל ממנו ונעבדה את מצרים כי טוב לנו עבד את מצרים ממתנו במדבר 12
Nu Gibxi keessatti, ‘Akka warra Gibxi tajaajilluuf nu dhiisi’ siin hin jennee? Gammoojjii keessatti dhumuu irra warra Gibxi tajaajiluu nuu wayya ture!”
ויאמר משה אל העם אל תיראו--התיצבו וראו את ישועת יהוה אשר יעשה לכם היום כי אשר ראיתם את מצרים היום--לא תספו לראתם עוד עד עולם 13
Museen akkana jedhee saba sanaaf deebise; “Hin sodaatinaa; jabaadhaa dhaabadhaa! Fayyisuu Waaqayyoo kan inni harʼa isinii godhu ilaalaa! Warra Gibxi kan harʼa argitan kana lammata deebitanii hin argitan.
יהוה ילחם לכם ואתם תחרשון 14
Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa.”
ויאמר יהוה אל משה מה תצעק אלי דבר אל בני ישראל ויסעו 15
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati maaliif natti iyyita? Akka isaan adeemsa isaanii itti fufaniif Israaʼelootatti himi.
ואתה הרם את מטך ונטה את ידך על הים--ובקעהו ויבאו בני ישראל בתוך הים ביבשה 16
Ulee kee ol fuudhiitii harka kee galaana irra diriirfadhu; akka Israaʼeloonni lafa gogaa irra galaana gidduu darbaniif bishaan gargari qoodi.
ואני הנני מחזק את לב מצרים ויבאו אחריהם ואכבדה בפרעה ובכל חילו ברכבו ובפרשיו 17
Ani immoo akka isaan dugda isaanii duubaan seenaniif garaa warra Gibxi nan jabeessa. Anis Faraʼoonii fi loltoota isaa hunda irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina nan argadha.
וידעו מצרים כי אני יהוה בהכבדי בפרעה ברכבו ובפרשיו 18
Yeroo ani Faraʼoon irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina argadhutti warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
ויסע מלאך האלהים ההלך לפני מחנה ישראל וילך מאחריהם ויסע עמוד הענן מפניהם ויעמד מאחריהם 19
Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate;
ויבא בין מחנה מצרים ובין מחנה ישראל ויהי הענן והחשך ויאר את הלילה ולא קרב זה אל זה כל הלילה 20
utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne.
ויט משה את ידו על הים ויולך יהוה את הים ברוח קדים עזה כל הלילה וישם את הים לחרבה ויבקעו המים 21
Museenis harka isaa galaana irra diriirfate; Waaqayyos halkan sana guutuu bubbee baʼa biiftuu jabaadhaan galaanicha gara duubaatti deebisee galaanicha lafa gogaa godhe. Bishaan sunis gargari qoodame;
ויבאו בני ישראל בתוך הים ביבשה והמים להם חומה מימינם ומשמאלם 22
Israaʼeloonnis galaanicha gidduu lafa gogaa irra darban; bishaanichis karaa mirgaa isaaniitii fi karaa bitaa isaanii keenyan taʼeef.
וירדפו מצרים ויבאו אחריהם--כל סוס פרעה רכבו ופרשיו אל תוך הים 23
Warri Gibxi isaan duukaa buʼanii fardeen Faraʼoon, gaariiwwan isaatii fi abbootiin fardaa isaa galaana seenan.
ויהי באשמרת הבקר וישקף יהוה אל מחנה מצרים בעמוד אש וענן ויהם את מחנה מצרים 24
Yommuu lafti bariʼetti Waaqayyo utubaa ibiddaatii fi duumessaa keessaa loltoota Gibxi sana gad ilaalee gara itti goran isaan wallaalchise.
ויסר את אפן מרכבתיו וינהגהו בכבדת ויאמר מצרים אנוסה מפני ישראל--כי יהוה נלחם להם במצרים 25
Akka isaan rakkinaan oofaniifis gommaa gaariiwwan isaanii irraa baase. Warri Gibxis, “Waan Waaqayyo gama Israaʼelootaa dhaabatee warra Gibxi lolaa jiruuf kottaa isaan duraa baqannaa” jedhan.
ויאמר יהוה אל משה נטה את ידך על הים וישבו המים על מצרים על רכבו ועל פרשיו 26
Waaqayyos Museedhaan, “Akka bishaanonni warra Gibxi irra, gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaanii irra garagalaniif harka kee galaana irratti diriirsi” jedhe.
ויט משה את ידו על הים וישב הים לפנות בקר לאיתנו ומצרים נסים לקראתו וינער יהוה את מצרים בתוך הים 27
Museenis harka isaa galaanicha irratti diriirse; yeroo lafti bariʼettis galaanni sun iddoo isaatti deebiʼe. Warri Gibxis bishaan sana jalaa baqatan; Waaqayyos haxaaʼee galaanatti isaan naqe.
וישבו המים ויכסו את הרכב ואת הפרשים לכל חיל פרעה הבאים אחריהם בים לא נשאר בהם עד אחד 28
Bishaan sun iddoo isaatti deebiʼee gaariiwwanii fi abbootii fardaa jechuunis loltoota Faraʼoon kanneen Israaʼeloota duukaa buʼanii galaana seenan sana hunda liqimse. Isaan keessaas namni tokko iyyuu hin hafne.
ובני ישראל הלכו ביבשה בתוך הים והמים להם חמה מימינם ומשמאלם 29
Israaʼeloonni garuu bishaanichi karaa mirga isaaniitii fi karaa bitaa isaaniitiin keenyan taʼeefii galaanicha keessa lafa gogaa irra darban.
ויושע יהוה ביום ההוא את ישראל--מיד מצרים וירא ישראל את מצרים מת על שפת הים 30
Gaafas Waaqayyo harka warra Gibxi jalaa Israaʼeloota baase; warri Israaʼelis reeffa warra Gibxi qarqara galaanaatti argan.
וירא ישראל את היד הגדלה אשר עשה יהוה במצרים וייראו העם את יהוה ויאמינו ביהוה ובמשה עבדו 31
Israaʼeloonnis yommuu humna guddaa kan Waaqayyo warra Gibxi irratti mulʼise sana arganitti, Waaqayyoon sodaatan; isaanis Waaqayyoo fi tajaajilaa isaa Musee amanan.

< שמות 14 >