< אסתר 3 >

אחר הדברים האלה גדל המלך אחשורוש את המן בן המדתא האגגי--וינשאהו וישם את כסאו מעל כל השרים אשר אתו 1
Waan kanneen booddee Ahashweroos Mootichi Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag ol ol qabuudhaan teessoo qondaaltota kaanii hunda caalu kenneefii isa kabaje.
וכל עבדי המלך אשר בשער המלך כרעים ומשתחוים להמן--כי כן צוה לו המלך ומרדכי--לא יכרע ולא ישתחוה 2
Qondaaltonni mootichaa warri karra eegan hundi jilbeenfatanii Haamaaniif ulfina kennan; mootichi waaʼee isaa waan kana ajajee tureetii. Mordekaayi garuu hin jilbeenfanne yookaan ulfina isaaf hin kennine.
ויאמרו עבדי המלך אשר בשער המלך--למרדכי מדוע אתה עובר את מצות המלך 3
Qondaaltonni mootichaa warri karra mootichaa dura turan, “Ati maaliif ajaja mootichaa eeguu didda?” jedhanii Mordekaayiin gaafatan.
ויהי באמרם (כאמרם) אליו יום ויום ולא שמע אליהם ויגידו להמן לראות היעמדו דברי מרדכי--כי הגיד להם אשר הוא יהודי 4
Isaan guyyuma guyyaadhaan isatti himaa turan; inni garuu isaan dhagaʼuu dide. Kanaafuu isaan sababii Mordekaayi akka nama gosa Yihuudaa taʼe isaanitti hime tureef dubbiin isaa kun akka maal taʼuu qabu beekuudhaaf waan kana Haamaanitti himan.
וירא המן--כי אין מרדכי כרע ומשתחוה לו וימלא המן חמה 5
Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbeenfatin yookaan ulfina hin kenniniif arginaan akka malee aare.
ויבז בעיניו לשלח יד במרדכי לבדו--כי הגידו לו את עם מרדכי ויבקש המן להשמיד את כל היהודים אשר בכל מלכות אחשורוש--עם מרדכי 6
Haamaanis eenyummaa saba Mordekaayi beeknaan Mordekaayiin qofa ajjeesuu ni tuffate. Qooda kanaa Haamaan saba Mordekaayi hunda jechuunis Yihuudoota mootummaa Ahashweroos guutuu keessa jiraatan fixuuf karaa barbaadaa ture.
בחדש הראשון הוא חדש ניסן בשנת שתים עשרה למלך אחשורוש הפיל פור הוא הגורל לפני המן מיום ליום ומחדש לחדש שנים עשר--הוא חדש אדר 7
Isaanis waggaa kudha lammaffaa bara Ahashweroos Mootichaa keessa jiʼa jalqabaa jiʼa Niisaan jedhamu keessa guyyaa fi jiʼa filachuudhaaf fuula Haamaan duratti Fuur jechuunis ixaa buusan. Ixaan sun jiʼa kudha lammaffaa jechuunis jiʼa Adaar irra buʼe.
ויאמר המן למלך אחשורוש--ישנו עם אחד מפזר ומפרד בין העמים בכל מדינות מלכותך ודתיהם שנות מכל עם ואת דתי המלך אינם עשים ולמלך אין שוה להניחם 8
Haamaanis Ahashweroos Mootichaan akkana jedhe; “Uummanni tokko saba kutaalee biyyaa mootummaa keetii keessa jiran hunda gidduu faffacaʼeera; duudhaan uummata kanaa duudhaa saba kaanii hundaan adda; isaan seera mootichaa hin kabajan; kanaafuu mootichi uummata kanaaf obsa qabaachuun hin malu.
אם על המלך טוב יכתב לאבדם ועשרת אלפים ככר כסף אשקול על ידי עשי המלאכה להביא אל גנזי המלך 9
Yoo wanni kun mooticha gammachiise saba kana balleessuudhaaf labsiin tokko haa baʼu; anis warra waan kana hojjetaniif meetii taalaantii kuma kudhan mankuusa qabeenya mootichaatti nan galcha.”
ויסר המלך את טבעתו מעל ידו ויתנה להמן בן המדתא האגגי--צרר היהודים 10
Kanaafuu mootichi qubeelaa chaappaa isaa quba ofii irraa baasee Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag, diina Yihuudootaa sanatti kenne.
ויאמר המלך להמן הכסף נתון לך והעם לעשות בו כטוב בעיניך 11
Mootichis Haamaaniin, “Maallaqnis, sabni sunis sitti kennameeraatii akkuma feete godhi” jedhe.
ויקראו ספרי המלך בחדש הראשון בשלושה עשר יום בו ויכתב ככל אשר צוה המן אל אחשדרפני המלך ואל הפחות אשר על מדינה ומדינה ואל שרי עם ועם מדינה ומדינה ככתבה ועם ועם כלשונו בשם המלך אחשורש נכתב ונחתם בטבעת המלך 12
Guyyaa kudha sadaffaa jiʼa jalqabaatti barreessitoonni mootichaa walitti waamaman. Isaanis waan Haamaan ajaje sana hunda arfii tokkoo tokkoo kutaa biyyaatiin, afaan saba hundaatiinis gara biyya bulchitoota mootichaatti, bulchitoota tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatii fi gara gurguddoota saba adda addaatti barreessan. Wanni kunis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin barreeffamee, qubeelaa chaappaa isaatiin mallatteeffame.
ונשלוח ספרים ביד הרצים אל כל מדינות המלך--להשמיד להרג ולאבד את כל היהודים מנער ועד זקן טף ונשים ביום אחד בשלושה עשר לחדש שנים עשר הוא חדש אדר ושללם לבוז 13
Xalayoonni akka Yihuudoonni hundi dargaggoonnii fi maanguddoonni, dubartoonnii fi ijoolleen xixinnoon guyyuma tokkotti jechuunis guyyaa kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar jedhamu keessa ajjeefaman, akka barbadeeffamanii fi lafa irraa balleeffaman, akka qabeenyi isaaniis saamamu gara kutaalee biyya mootichaa hundaatti ajajaan ergamootaan ergaman.
פתשגן הכתב להנתן דת בכל מדינה ומדינה גלוי לכל העמים--להיות עתדים ליום הזה 14
Akka sabni hundi beekee guyyaa sanaaf qophaaʼuufis garagalchi barreeffama sanaas akka seeraatti kutaalee biyyaa hunda keessatti saba hundatti labsamuu qaba ture.
הרצים יצאו דחופים בדבר המלך והדת נתנה בשושן הבירה והמלך והמן ישבו לשתות והעיר שושן נבוכה 15
Ergamoonni sun ajaja mootichaatiin ariitiidhaan deeman; labsiin sunis Suusaa magaalaa guddittii keessatti labsame. Mootichi fi Haamaan waa dhuguudhaaf taaʼan; magaalaan Suusaa garuu ni jeeqamte.

< אסתר 3 >