< דברים 16 >
שמור את חדש האביב ועשית פסח ליהוה אלהיך כי בחדש האביב הוציאך יהוה אלהיך ממצרים--לילה | 1 |
Sababii Waaqayyo Waaqni kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa Waaqayyo Waaqa keetiis ayyaaneffadhu.
וזבחת פסח ליהוה אלהיך צאן ובקר במקום אשר יבחר יהוה לשכן שמו שם | 2 |
Iddoo Waaqayyo Waaqni kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii Waaqayyo Waaqa keetiif qali.
לא תאכל עליו חמץ שבעת ימים תאכל עליו מצות לחם עני כי בחפזון יצאת מארץ מצרים--למען תזכר את יום צאתך מארץ מצרים כל ימי חייך | 3 |
Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu.
ולא יראה לך שאר בכל גבלך שבעת ימים ולא ילין מן הבשר אשר תזבח בערב ביום הראשון--לבקר | 4 |
Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin.
לא תוכל לזבח את הפסח באחד שעריך אשר יהוה אלהיך נתן לך | 5 |
Ati magaalaa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin;
כי אם אל המקום אשר יבחר יהוה אלהיך לשכן שמו--שם תזבח את הפסח בערב כבוא השמש מועד צאתך ממצרים | 6 |
garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi.
ובשלת ואכלת במקום אשר יבחר יהוה אלהיך בו ופנית בבקר והלכת לאהליך | 7 |
Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi.
ששת ימים תאכל מצות וביום השביעי עצרת ליהוה אלהיך--לא תעשה מלאכה | 8 |
Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Waaqayyo Waaqa keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin.
שבעה שבעת תספר לך מהחל חרמש בקמה תחל לספר שבעה שבעות | 9 |
Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi.
ועשית חג שבעות ליהוה אלהיך--מסת נדבת ידך אשר תתן כאשר יברכך יהוה אלהיך | 10 |
Ergasiis akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu.
ושמחת לפני יהוה אלהיך אתה ובנך ובתך ועבדך ואמתך והלוי אשר בשעריך והגר והיתום והאלמנה אשר בקרבך--במקום אשר יבחר יהוה אלהיך לשכן שמו שם | 11 |
Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu.
וזכרת כי עבד היית במצרים ושמרת ועשית את החקים האלה | 12 |
Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi.
חג הסכת תעשה לך שבעת ימים באספך--מגרנך ומיקבך | 13 |
Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu.
ושמחת בחגך אתה ובנך ובתך ועבדך ואמתך והלוי והגר והיתום והאלמנה אשר בשעריך | 14 |
Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa.
שבעת ימים תחג ליהוה אלהיך במקום אשר יבחר יהוה כי יברכך יהוה אלהיך בכל תבואתך ובכל מעשה ידיך והיית אך שמח | 15 |
Ayyaana kanas iddoo Waaqayyo filatutti bultii torbaaf Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. Sababii Waaqayyo Waaqni kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa.
שלוש פעמים בשנה יראה כל זכורך את פני יהוה אלהיך במקום אשר יבחר--בחג המצות ובחג השבעות ובחג הסכות ולא יראה את פני יהוה ריקם | 16 |
Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaatin:
איש כמתנת ידו כברכת יהוה אלהיך אשר נתן לך | 17 |
Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.
שפטים ושטרים תתן לך בכל שעריך אשר יהוה אלהיך נתן לך לשבטיך ושפטו את העם משפט צדק | 18 |
Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu.
לא תטה משפט לא תכיר פנים ולא תקח שחד--כי השחד יעור עיני חכמים ויסלף דברי צדיקם | 19 |
Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa.
צדק צדק תרדף--למען תחיה וירשת את הארץ אשר יהוה אלהיך נתן לך | 20 |
Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi.
לא תטע לך אשרה כל עץ אצל מזבח יהוה אלהיך--אשר תעשה לך | 21 |
Iddoo aarsaa kan Waaqayyo Waaqa keetiif dhaabde bira siidaa Aasheeraa hin dhaabin.
ולא תקים לך מצבה אשר שנא יהוה אלהיך | 22 |
Soodduu dhagaa kan Waaqayyo Waaqni kee jibbu ofii keetiif hin dhaabbatin.