< שמואל ב 1 >

ויהי אחרי מות שאול ודוד שב מהכות את העמלק וישב דוד בצקלג ימים שנים 1
Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture.
ויהי ביום השלישי והנה איש בא מן המחנה מעם שאול ובגדיו קרעים ואדמה על ראשו ויהי בבאו אל דוד ויפל ארצה וישתחו 2
Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.
ויאמר לו דוד אי מזה תבוא ויאמר אליו ממחנה ישראל נמלטתי 3
Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichi immoo, “Ani qubata Israaʼelootaa keessaan baqadhee dhufe” jedhe.
ויאמר אליו דוד מה היה הדבר הגד נא לי ויאמר אשר נס העם מן המלחמה וגם הרבה נפל מן העם וימתו וגם שאול ויהונתן בנו מתו 4
Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate. Innis, “Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru” jedheen.
ויאמר דוד אל הנער המגיד לו איך ידעת כי מת שאול ויהונתן בנו 5
Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.
ויאמר הנער המגיד לו נקרא נקריתי בהר הגלבע והנה שאול נשען על חניתו והנה הרכב ובעלי הפרשים הדבקהו 6
Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan.
ויפן אחריו ויראני ויקרא אלי ואמר הנני 7
Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.
ויאמר לי מי אתה ויאמר (ואמר) אליו עמלקי אנכי 8
“Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. “Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise.
ויאמר אלי עמד נא עלי ומתתני--כי אחזני השבץ כי כל עוד נפשי בי 9
“Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.
ואעמד עליו ואמתתהו--כי ידעתי כי לא יחיה אחרי נפלו ואקח הנזר אשר על ראשו ואצעדה אשר על זרעו ואביאם אל אדני הנה 10
“Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”
ויחזק דוד בבגדו ויקרעם וגם כל האנשים אשר אתו 11
Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan.
ויספדו ויבכו ויצמו עד הערב על שאול ועל יהונתן בנו ועל עם יהוה ועל בית ישראל--כי נפלו בחרב 12
Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
ויאמר דוד אל הנער המגיד לו אי מזה אתה ויאמר בן איש גר עמלקי אנכי 13
Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate. Innis, “Ani ilma Amaaleq, namicha galtuu taʼe tokkoo ti” jedhee deebise.
ויאמר אליו דוד איך לא יראת לשלח ידך לשחת את משיח יהוה 14
Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa Waaqayyoo tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate.
ויקרא דוד לאחד מהנערים ויאמר גש פגע בו ויכהו וימת 15
Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe.
ויאמר אליו דוד דמיך (דמך) על ראשך כי פיך ענה בך לאמר אנכי מתתי את משיח יהוה 16
Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Waaqayyo isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
ויקנן דוד את הקינה הזאת על שאול ועל יהונתן בנו 17
Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe;
ויאמר ללמד בני יהודה קשת הנה כתובה על ספר הישר 18
akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:
הצבי ישראל על במותיך חלל איך נפלו גבורים 19
“Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera. Namoonni jajjaboon akkamitti akkas kukkufan!
אל תגידו בגת אל תבשרו בחוצת אשקלון פן תשמחנה בנות פלשתים פן תעלזנה בנות הערלים 20
“Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa; yoo kanaa achii intallan Filisxeemotaa ni gammadu; intallan warra dhagna hin qabatiniis ni ililchu.
הרי בגלבע אל טל ואל מטר עליכם--ושדי תרומת כי שם נגעל מגן גבורים--מגן שאול בלי משיח בשמן 21
“Yaa tulluuwwan Gilboʼaa, fixeensi isin irra hin buʼin yookaan bokkaan isinitti hin roobin; yookaan lafti qotiisaa midhaan aarsaaf dhiʼeeffamu biqilchu isin keessatti hin argamin. Gaachanni nama jabaa achitti xuraaʼeeraatii; gaachanni Saaʼol siʼachi zayitii hin dibamu.
מדם חללים מחלב גבורים--קשת יהונתן לא נשוג אחור וחרב שאול לא תשוב ריקם 22
“Dhiiga namoota dhumanii keessaa, foon namoota jajjaboo irraa, iddaan Yoonaataan duubatti hin deebine; goraadeen Saaʼolis akkasumaan hin deebine.
שאול ויהונתן הנאהבים והנעימם בחייהם ובמותם לא נפרדו מנשרים קלו מאריות גברו 23
Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti, jaallatamoo namni isaanitti gammadu turan; isaan yeroo duʼaattis gargari hin baane. Isaan risaa caalaa ariifatu, leenca caalaas jabaatu turan.
בנות ישראל--אל שאול בכינה המלבשכם שני עם עדנים המעלה עדי זהב על לבושכן 24
“Yaa intallan Israaʼel, Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise, kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse, sanaaf booʼaa.
איך נפלו גברים בתוך המלחמה--יהונתן על במותיך חלל 25
“Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu! Yoonaataan gaarran keessan irratti ajjeefameera.
צר לי עליך אחי יהונתן--נעמת לי מאד נפלאתה אהבתך לי מאהבת נשים 26
Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera; ati anaaf nama akka malee jaallatamaa turte. Jaalalli ati naaf qabdu dinqisiisaa ture; jaalala dubartii caalaa dinqisiisaa ture.
איך נפלו גבורים ויאבדו כלי מלחמה 27
“Namoonni jajjaboon akkamitti kufan! Miʼoonni lolaa balleeffamaniiru!”

< שמואל ב 1 >