< שמואל א 29 >

ויקבצו פלשתים את כל מחניהם אפקה וישראל חנים בעין אשר ביזרעאל 1
Filisxeemonni loltoota isaanii hunda Afeeqitti walitti qabatan; Israaʼeloonni immoo burqaa Yizriʼeel keessa jiru bira qubatan.
וסרני פלשתים עברים למאות ולאלפים ודוד ואנשיו עברים באחרנה--עם אכיש 2
Yommuu bulchitoonni Filisxeem dhibba dhibbaa fi kuma kumaan qoodamanii duulanitti Daawitii fi namoonni isaa Aakiish wajjin dugda duuba deemaa turan.
ויאמרו שרי פלשתים מה העברים האלה ויאמר אכיש אל שרי פלשתים הלוא זה דוד עבד שאול מלך ישראל אשר היה אתי זה ימים או זה שנים ולא מצאתי בו מאומה מיום נפלו עד היום הזה 3
Ajajjoonni loltoota Filisxeemis, “Ibroonni kunneen maali asii hojjetu?” jedhanii gaafatan. Aakiishis deebisee, “Kun Daawit qondaalticha Saaʼol mooticha Israaʼel sanaa mitii? Inni waggaa tokko caalaa na wajjin ture; gaafa inni Saaʼolin dhiisee jalqabee hamma ammaatti ani yakka tokko illee isa irratti hin argine” jedhe.
ויקצפו עליו שרי פלשתים ויאמרו לו שרי פלשתים השב את האיש וישב אל מקומו אשר הפקדתו שם ולא ירד עמנו במלחמה ולא יהיה לנו לשטן במלחמה ובמה יתרצה זה אל אדניו--הלוא בראשי האנשים ההם 4
Ajajjoonni loltoota Filisxeem garuu isatti aaranii akkana jedhan; “Akka inni iddoo ati isa itti ramadde sanatti deebiʼuuf namicha kana deebisii ergi. Inni nu wajjin duuluu hin qabu; yoo kanaa achii inni lola keessatti nutti garagala. Inni yoo mataa namoota keenyaa kukkutuudhaan taʼe malee akkamitti gooftaa isaatti araaramuu dandaʼa?
הלוא זה דוד אשר יענו לו במחלות לאמר הכה שאול באלפיו ודוד ברבבתו 5
Daawit kun namichuma isaan, “‘Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ jedhanii sirbanii shubbisaniif sana mitii?”
ויקרא אכיש אל דוד ויאמר אליו חי יהוה כי ישר אתה וטוב בעיני צאתך ובאך אתי במחנה--כי לא מצאתי בך רעה מיום באך אלי עד היום הזה ובעיני הסרנים לא טוב אתה 6
Kanaafuu Aakiish Daawitin waamee akkana jedheen; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati nama amanamaa turte; ani utuu ati na wajjin loltoota keessa tajaajiltee nan gammada. Gaafa ati na bira dhuftee jalqabee hamma harʼaatti ani yakka tokko illee sirratti hin argine; garuu bulchitoonni si hin fudhanne.
ועתה שוב ולך בשלום ולא תעשה רע בעיני סרני פלשתים 7
Deebiʼii nagaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa gaddisiisu tokko illee hin hojjetin.”
ויאמר דוד אל אכיש כי מה עשיתי ומה מצאת בעבדך מיום אשר הייתי לפניך עד היום הזה כי לא אבוא ונלחמתי באיבי אדני המלך 8
Daawit, “Garuu ani maalin godhe? Erga ani gara kee dhufee jalqabee hamma ammaatti yakki ati tajaajilaa kee irratti argite maali? Ani maaliifin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa waraanuu hin dandaʼu?” jedhee gaafate.
ויען אכיש ויאמר אל דוד ידעתי כי טוב אתה בעיני כמלאך אלהים אך שרי פלשתים אמרו לא יעלה עמנו במלחמה 9
Aakiish akkana jedhee deebiseef; “Ani akka ati fuula koo duratti akkuma ergamaa Waaqayyoo namatti toltu beeka; taʼus ajajjoonni Filisxeemotaa, ‘Inni nu wajjin duuluu hin qabu’ jedhaniiru.
ועתה השכם בבקר ועבדי אדניך אשר באו אתך והשכמתם בבקר ואור לכם ולכו 10
Egaa amma kaʼiitii tajaajiltoota gooftaa keetii kanneen si wajjin dhufan wajjin ganamaan akkuma lafti ifeen deemaa.”
וישכם דוד הוא ואנשיו ללכת בבקר לשוב אל ארץ פלשתים ופלשתים עלו יזרעאל 11
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa ganama bariin kaʼanii gara biyya Filisxeemotaa dhaquuf qajeelan; Filisxeemonni immoo gara Yizriʼeelitti ol baʼan.

< שמואל א 29 >