< Zekaria 7 >

1 A I ka ha o ka makahiki o ke alii o Dariu, hiki mai la ka olelo a Iehova ia Zekaria, i ka po aha o ka iwa o ka malama, o Kiseleu;
Bara Daariyoos Mootichaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii afuraffaa jiʼa saglaffaa, jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas dhufe.
2 I ka wa i hoouna mai ai lakou ia Serezera laua o Regemeleka, a me na kanaka o laua i ka hale o ke Akua, e pule imua o Iehova,
Namoonni Beetʼeel akka isaan Waaqayyoon kadhataniif Sharezerii fi Reege-Meleekin namoota isaanii wajjin ergan;
3 A e ninau aku i na kahuna o ka hale o Iehova o na kaua, a i na kaula, penei, E kanikau anei au i ka lima o ka malama e hookeai ana, me ka'u i hana'i i keia mau makahiki he nui?
kunis akka isaan, “Ani akkuman waggoota hedduu godhe sana ammas jiʼa shanaffaa keessa gaddee soomuu qabaa?” jedhanii luboota mana qulqullummaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuutii fi raajota gaafataniif.
4 Alaila, hiki mai la ka olelo a Iehova o na kaua ia'u, i ka i ana mai,
Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu akkana jedhee gara koo dhufe;
5 E hai aku oe i keia mau mea i na kanaka a pau o ka aina, a i na kahuna hoi, penei, Ia oukou i hokeai ai a i kanikau ai i ka lima a me ka hiku o ka malama, a pau kela mau makahiki he kanahiku, i hookeai iki anei oukou no'u?
“Uummata biyya kanaatii fi luboota hunda akkana jedhii gaafadhu; ‘Isin waggoota torbaataman darban yeroo jiʼa shanaffaa fi torbaffaa keessa soomtanii gadditanitti dhugumaan anaaf soomtanii?
6 A ia oukou i ai ai, a i inu ai hoi, aole anei oukou i ai no oukou iho? a i ko oukou inu ana, aole anei oukou i inu no oukou iho?
Yeroo nyaattanii fi dhugdanittis ofuma keessaniif nyaattanii dhugdan mitii?
7 Aole anei keia na olelo a Iehova i hea mai ai ma na kaula mua, i ka wa i nohoia'i o Ierusalema me ka maluhia, a me na kulanakauhale ona e kokoke ana, i ka wa i noho ai na kanaka ma ka aoao hema a ma ka papu?
Dubbiin kun isa Waaqayyo gaafa Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee nagaa fi badhaadhummaadhaan jiraatanitti, yeroo Negeebii fi gaarran lixaa bira namoonni jiraachaa turanitti karaa raajota isaa kanneen duriitiin dubbate mitii?’”
8 A hiki mai la ka olelo a Iehova ia Zekaria, i mai la,
Dubbiin Waaqayyoo ammas akkana jedhee gara Zakkaariyaas dhufe:
9 Penei ka Iehova o na kaua e olelo mai nei, E hoopono oukou, a e hoomaopopo kela kanaka keia kanaka i ka lokomaikai a me ko aloha i kona hoahanau.
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa.
10 Mai hana ino i ka wahinekanemake, aole hoi i ke keiki makua ole, aole i ka malihini, aole hoi i ka ilihune, aole hoi e manao ino aku ka naau o kekahi i kona hoahanau.
Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
11 Aka, hoole lakou i ka hoolohe, a haawi i ka poohiwi kipi a papani ae la i ua pepeiao o lakou, i lohe ole ai lakou.
“Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan.
12 A hoopaakiki iho la i ka lakou mau naau pohaku adama, o lohe auanei lakou i ke kanawai, a me na olelo a Iehova o na kaua i hoouna mai ma kona Uhane, ma na kaula mua: nolaila, kau mai la ka inaina nui o Iehova o na kaua.
Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu karaa raajota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare.
13 No ia mea, me ka lakou i hoolohe ole ai ia e kahea aku ana, pela hoi lakou i kahea mai ai, aole hoi au i hoolohe aku, wahi a Iehova o na kaua.
“‘Yeroo ani waametti, isaan na hin dhaggeeffanne; kanaafuu yoo isaan na waammatan ani isaan hin dhaggeeffadhu’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
14 Aka, hoopuehu aku la au ia lakou iwaena o na lahuikanaka a pau a lakou i ike ole ai; a ua neoneo ka aina mahope o lakou, i hiki ole ai i kekahi e hele ilaila, aole hoi e hoi ae: no ka mea, ua hooneoneoia ka aina maikai.
‘Ani bubbeedhaan saba isaan hin beekne hunda gidduutti isaan nan bittinneesse. Biyyi isaanii hamma namni itti galuu fi keessaan darbu tokko iyyuu dhabamutti isaan booddee ni onte. Isaan akkasiin biyya namatti toltu sana onsan.’”

< Zekaria 7 >