< Hoikeana 20 >

1 I KE aku la au i kekahi anela e iho mai ana, mai ka lani mai, me ke ki o ka luahohonu, a he kaulahao nui ma kona lima. (Abyssos g12)
Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. (Abyssos g12)
2 A lalau aku la ia i ka deragona, kela moo kahiko, oia hoi o ka diabolo, a o Satana hoi, a nakinaki iho la ia ia a paa i na makahiki hookahi tausani;
Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
3 A kiola aku la ia ia iloko o ka luahohonu, pani iho la, a hoailona iho la ia ia, i ole ia e hoowalewale hou aku i ko na aina, a pau na makahiki hookahi tausani; a mahope iho o keia mau mea, e kuu hou ia 'ku oia no kekahi manawa pokole. (Abyssos g12)
Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba. (Abyssos g12)
4 A ike aku la au i na nohoalii, a noho lakou maluna iho, a ua haawiia na lakou e hoopai aku. A ike aku la au i na uhane o ka poe i okiia ko lakou poo no ka hoike ana ia Iesu, a no ka olelo a ke Akua, a me ka poe i hoomana ole i ka holoholona a me kona kii, aole hoi, i loaa kona hoailona ma ko lakou lae, aole hoi ma ko lakou lima; ola pu lakou me Kristo a hoomalu pu me ia i na makahiki hookahi tausani
Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
5 Aole i ola ke koena o ka poe make a pau ia mau makahiki hookahi tausani. Oia ke ala mua ana.
Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
6 Pomaikai a hoano hoi ke kanaka ke loaa ia ia ke ala mua ana; aole e lanakila ka make alua maluna o lakou, aka, e lilo no lakou i poe kahuna no ke Akua a no Kristo, a na lakou e hoomalu pu me ia i na makahiki hookahi tausani.
Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
7 A pau ia tausani makahiki, alaila e kuuia'ku o Satana, mai kona wahi paa;
Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
8 A e hele hou ia e hoowalewale i ko na aina, ma na kihi eha o ka honua, ia Goga a me Magoga, e hoakoakoa ia lakou i ke kaua; a ua like ka nui o lakou me ke one o ke kai.
innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
9 A hele lakou ma ka palahalaha o ka honua, a puni iho la kahi hoomoana'i ka poe hoano a me ke kulanakauhale aloha. Iho mai la ke ahi mai ke Akua, mai ka lani mai, a luku iho la ia lakou.
Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
10 Kiolaia'ku la o ka diabole, nana lakou i hoowalewale, i ka loko o ke ahi a me ka luaipele, kahi o ka holoholona a me ke kaula wahahee, a e hoomainoino mau ia lakou i ke ao a me ka po, ia ao aku ia ao aku. (aiōn g165, Limnē Pyr g3041 g4442)
Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. (aiōn g165, Limnē Pyr g3041 g4442)
11 Ike aku la au i ka nohoalii keokeo nui, a me ka mea e noho ana iluna iho, holo aku la ka honua a me ka lani mai kona alo aku; aole i loaa hou kahi no laua.
Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
12 A ike aku la au i ka poe make, i ka poe unku a me ka poe nui, e ku ana imua o ke Akua, a weheia iho la ua buke: a weheia no hoi kehahi buke hou, oia hoi ka buke o ke ola. Ua hookolokoloia ka poe make ma na mea i palapalaia iloko o na buke, mamuli o ka lakou hana ana.
Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
13 Haawi mai la ke kai i ka poe make maloko ona; a haawi mai ka make a me ka po i ka poe make iloko o laua; a hoopaiia kela mea keia mea o lakou, e like me ka lakou hana ana. (Hadēs g86)
Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. (Hadēs g86)
14 Kiolaia'ku la ka make a me ka po, iloko o ka loko o ke ahi; oia ka make alua. (Hadēs g86, Limnē Pyr g3041 g4442)
Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. (Hadēs g86, Limnē Pyr g3041 g4442)
15 A i ole i palapalaia kekahi iloko o ka buke o ke ola, kiolaia'ku la oia i ka loko ahi. (Limnē Pyr g3041 g4442)
Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame. (Limnē Pyr g3041 g4442)

< Hoikeana 20 >