< Na Helu 29 >
1 I KA hiku o ka malama, i ka la mua o ua malama la, he halawai hoano no oukou; mai hana oukou i kekahi hana luhi: he la ia e hookani ai i na pu no oukou.
“‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha.
2 A e kaumaha oukou i mohaikuni, i mea ala oluolu no Iehova: i hookahi bipikane hou, i hookahi hipakane, i ehiku keikihipa kina ole o ka makahiki mua;
Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
3 A me ka lakou mohaiai, he palaoa i kawili pu ia me ka aila, i ekolu hapaumi no ka bipikane, a i elua hapaumi no ka hipakane.
Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa. Korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
4 Hookahi hoi hapaumi no ke keikihipa hookahi, ma na keikihipa a ehiku;
xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
5 Hookahi hoi keikikao i mohailawehala e hookalahala no oukou:
Akkasumas akka araarri isinii buufamuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaatii aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
6 He okoa ka mohaikuni o ka malama, me kana mohaiai, a me ka mohaikuni mau, a me kana mohaiai, a me ka lakou mau mohaiinu, e like me na kanawai no ia mau mea, i mea ala oluolu, i mohai i hanaia i ke ahi no Iehova.
Aarsaawwan kunneen akkuma amala isaaniitti aarsaawwan gubaman kanneen jiʼa jiʼattii fi guyyaa guyyaatti dhiʼeeffamanii fi kennaawwan midhaaniittii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalamanii dhiʼeeffamanii dha. Isaanis aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman kanneen fooliin isaanii toluu dha.
7 A i ka umi o keia malama hiku, he halawai hoano no oukou; a e hoehaeha oukou i ko oukou mau naau: mai hana oukou i kekahi hana.
“‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa.
8 Aka, e kaumaha oukou i mohaikuni na Iehova, i mea ala oluolu; i hookahi bipikane opio, i hookahi hipakane, i ehiku mau keikihipa o ka makahiki mua; ia oukou ia mau mea he kina ole.
Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu godhaa dhiʼeessaa.
9 A o ka lakou mohaiai, he palaoa ia i kawili pu ia me ka aila, ekolu hapaumi o ka epa i ka bipikane hookahi, a elua hoi hapaumi i ka hipakane hookahi;
Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumamee dhiʼeessaa; korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
10 I hookahi hapaumi hoi i ke keikihipa hookahi, ma na hipakeiki a ehiku:
xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessa harka tokko dhiʼeessaa.
11 I hookahi keikikao i mohailawehala; he okoa ka mohailawehala o ka hookalahala ana, a me ka mohaikuni mau, a me kana mohaiai, a me na mohaiinu o ia mau mea.
Akkasumas aarsaa cubbuu kan araaraa buusuuf dhiʼeeffamuu fi aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
12 A i ka la umikumamalima o ka hiku o ka malama, he houluulu hoano no oukou; mai hana oukou i kekahi hana maoli, e malama oukou i ahaaina na Iehova i na la ehiku.
“‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. Waaqayyoofis bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa.
13 A e kaumaha oukou i mohaikuni, i mohai i hanaia i ke ahi, he mea ala oluolu no Iehova; he umikumamakolu na bipikane opio, elua hipakane, he umikumamaha na keikihipa kina ole o ka makahiki mua;
Jiboota loonii kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu fi kan ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
14 A me ka mohaiai o ia mau mea, he palaoa i kawili pu ia me ka aila, ekolu hapaumi i ka bipikane hookahi ma na bipikane he umikumamakolu, i elua hoi hapaumi i ka hipakane hookahi, ma na hipakane a elua;
Tokkoo tokkoo jiboota kudha sadanii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa; tokkoo tokkoo korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
15 A i hookahi hapaumi i ke keikihipa hookahi, ma na keikihipa he umikumamaha;
tokkoo tokkoo xobbaallaawwan hoolaa kudha afran sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
16 I hookahi hoi keikikao i mohaikalahala; he okoa ka mohaikuni mau, me ka mohaiai a me ka mohaiinu o ia mea,
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
17 A i ka lua o ka la, i mau bipikane opio he umikumamalua, i elua hipakane, he umikumamaha hipakeiki kina ole o ka makahiki mua:
“‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
18 A me ka mohaiai o ia mau mea, a me na mohaiinu o ia mau mea, no na bipikane, a no na hipakane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana ia lakou, ma ke kanawai;
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
19 I hookahi keikikao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau a me ka mohaiai o ia mea, a me na mohaiinu o ia mau mea,
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
20 A i ke kolu o ka la, he umikumamakahi na bipikane, elua hipakane, he umikumamaha na keikihipa kina ole o ka makahiki mua:
“‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
21 Me ka mohaiai o ia mau mea, a me na mohaiinu o ia mau mea, no na bipikane, no na hipakane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana ia lakou, ma ke kanawai:
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
22 I hookahi hoi keikikao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau, me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mea,
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
23 A i ka ha o ka la, he umi bipikane, elua hipakane, he umikumamaha na keikihipa kina ole o ka makahiki mua:
“‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
24 Me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mau mea, no na bipikane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana ia lakou, ma ke kanawai:
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
25 I hookahi hoi keikikao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau, me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mea.
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
26 I ka lima o ka la, eiwa mau bipikane, elua hipakane, he umikumamaha na keikihipa kina ole o ka makahiki mua:
“‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
27 Me ka mohaiai o ia mau mea, a me ka mohaiinu o ia mau mea, no na bipikane, no na hipakane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana ia lakou, ma ke kanawai:
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
28 I hookahi hoi kao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau, me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mea.
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
29 A i ke ono o ka la, he ewalu mau bipikane, elua hipakane, he umikumamaha na keikihipa kina ole o ka makahiki mua:
“‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
30 Me ka mohaiai o ia mau mea, a me na mohaiinu o ia mau mea, no na bipikane, no na hipakane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana ia lakou, ma ke kanawai;
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
31 I hookahi hoi kao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau, me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mea.
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
32 A i ka hiku o ka la, i ehiku na bipikane, elua mau hipakane, he umikumamaha na keikihipa kina ole o ka makahiki mua:
“‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
33 Me na mohaiai o ia mau mea, a me na mohaiinu o ia mau mea, no na bipikane, no na hipakane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana ia lakou, ma ke kanawai:
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
34 I hookahi hoi kao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau, me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mea.
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
35 I ka walu o ka la, he halawai nui ko oukou; mai hana oukou i ka hana luhi:
“‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa.
36 Aka, e kaumaha oukou i mohaikuni, i mohai i hanaia i ke ahi, i mea ala oluolu no Iehova; i hookahi bipikane, hookahi hipakane, ehiku keikihipa kina ole o ka makahiki mua:
Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
37 Me ka mohaiai o ia mau mea, a me na mohaiinu o ia mau mea, no ka bipikane, no ka hipakane, a no na keikihipa, e like me ka helu ana, ma ke kanawai;
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti dibicha loonii, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
38 I hookahi hoi kao i mohailawehala; he okoa ka mohaikuni mau, a me ka mohaiai o ia mea, a me ka mohaiinu o ia mea.
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
39 O keia mau mea ka oukou e hana'i no Iehova ma ka oukou mau ahaaina i kauia, he okoa ka oukou mau hoohiki ana, a me ka oukou mau mohaialoha, no ka oukou mau mohaikuni, a no ka oukou mau mohaiai, a no ka oukou mau mohaiinu, a no ka oukou mau mohaihoomalu.
“‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti Waaqayyoof dhiʼeessaa.’”
40 A hai aku la o Mose i na mamo a Iseraela, e like me na mea a pau a Iehova i kauoha mai ai ia Mose.
Museenis waan Waaqayyo isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.