< Malaki 3 >
1 A IA hoi, e hoouna auanei au i ko'u elele, Nana e hoomakaukau i ke alanui imua o'u: A e hiki wawe mai auauei ka Haku, a oukou e imi nei, iloko o kona luakini, Oia ke elele o ka berita, o ka mea a oukou e makemake nei: Ea, e hele mai ana ia, wahi a Iehova o na kaua.
“Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
2 Aka, owai ke hoomanawanui i ka la o kona hiki ana mai? Owai hoi ke ku paa i kona ikeia ana? No ka mea, e like auanei ia me ke ahi o ka mea hoohehee, A me ke sopa o ka mea hoomaemae:
Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
3 A noho ia he mea hoohehee a me ka hoomaemae i ke kala; A e huikala ia i na keiki a Levi, A e hoomaemae oia ia lakou e like me ke gula a me ke kala, I mohai aku ai lakou i ka mohai pono na Iehova.
Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;
4 Alaila, e maliuia mai ai o Iehova i ka mohai ana a ka Iuda a me ko Ierusalema, E like me ia i na la kahiko, a i na makahiki mamua.
akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Waaqayyoon ni gammachiisa.
5 Ke hookokoke aku nei au io oukou la e hooko i ke kanawai; E wikiwiki au i ka hoike ku e i na kahuna anaana, Me na moe kolohe, a i na mea hoohiki wahahee, Me ka poe hoonele i na mea hoolimalima i ka lakou uku, A i ka poe hoonele i ka wahinekauemake, a me ke keiki makua ole, A i ka poe hoohuli ae i ko ka malihini, aole hoi i makau ia'u, wahi a Iehova o na kaua.
“Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
6 No ka mea, owau no Iehova, aole au e lauwili, Nolaila, aole oukou i hoopauia, e na mamo o Iakoba.
“Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
7 Mai na la mai o ko oukou poe makua, Ua haalele oukou i ko'u mau kanawai, me ka malama ole. E hoi hou mai oukou ia'u nei, a e hoi hou aku au io oukou la, Wahi a Iehova o na kaua. Aka, ke ninau mai nei oukou, Ma ke aha ka makou e hoi hou aku ai?
Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu.
8 E pono anei i ke kanaka ke hao i ka ke Akua? Aka, ua hao oukou i ka'u: a ke ninau mai nei oukou, Ma ke aha ka makou i hao ai i kau? I na hapaumi o ka waiwai, a me na mohai.
“Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan.
9 Ua hoahewaia oukou i ka poino; No ka mea, ua hao oukou i ka'u, o keia lahuikanaka a pau.
Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu.
10 E lawe mai i na waiwai hapaumi a pau iloko o ka hale ahu waiwai, I ai maloko o ko'u hale; A e hoao mai oukou ia'u ma ia mea, wahi a Iehova o na kaua, I wehe ai paha au i na puka wai o ka Iani, A e ninini iho i ka pomaikai maluna o oukou, a lawa a hu.
Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
11 A no oukou wau e papa aku ai i ka mea hokai, I hoopau ole ai ia i ka hua o ko oukou aina, Aole hoi ia e hoolilo no oukou i ke kumuwaina o ke kula i mea hua ole, Wahi a Iehova o na kaua.
“Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 A e kapa mai auanei na lahuikanaka a pau ia oukou, he pomaikai; No ka mea, e lilo oukou i poe mea aina i makemakeia, Wahi a Iehova o na kaua.
“Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
13 Ua oolea ka oukou mau olelo ku e mai ia'u, wahi a Iehova; A ke ninau mai nei oukou, Heaha ka makou i olelo ku e ai ia oe?
“Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha Waaqayyo. “Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu.
14 Ua olelo oukou, He mea ole ka malama i ka Akua: Heaha hoi ka pomaikai ke malama kakou i ka mea ana i kauoha mai ai, A ke hele hoi me ke kapa eleele imua o Iehova o na kaua?
“Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne?
15 Nolaila, ke kapa nei kakou i ka poe hookiekie he pomaikai; He oiaio, ua kukuluia'e iluna ka poe hana ino; Ina hoi e hoao lakou i ke Akua, ua pakele no lakou.
Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’”
16 Alaila, o ka poe makau ia Iehova, Kamailio pu iho lakou i kekahi i kekahi; A haliu mai la o Iehova, a hoolohe mai la, A ua kakauia ka buke hoomanao imua ona no lakou, No ka poe makau ia Iehova, a me ka poe hoomanao i koua inoa.
Warri Waaqayyoon sodaatan walitti dubbatan; Waaqayyos isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Waaqayyoon sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.
17 No'u no lakou, wahi a Iehova o na kaua, I ka la a'u e ahu iho ai i kuu waiwai; A e lokomaikai au ia lakou, E like me ka lokomaikai ana o ka makua i kana keiki nana ia I malama.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara.
18 Alaila, e huli mai auanei oukou, A e nana maopopo iwaena o ka poe pono a o ka poe hewa, Iwaena hoi o ka mea malama i ke Akua, a me ka mea malama ole.
Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.