< Ioela 1 >

1 O KA olelo a Iehova ia Ioela ke keiki a Petuela.
Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
2 E hoolohe oukou i keia, e ka poe kahiko, E haliu mai ka pepeiao, e ka poe a pau o ka aina e noho ana; Ua hiki mai anei keia i ko oukou mau la, A i na la hoi o ko oukou mau makua?
Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
3 E hai aku oukou i keia i ka oukou poe keiki, A o ka oukou mau keiki i ka lakou poe keiki, A o ka lakou mau keiki i ka hanauna mahope.
Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
4 O ka mea i koe i ka uhini hulu ole, ua pau ia i ka uhini: A o ka mea i koe i ka uhini, ua pau ia i ka uhini huluhulu, A o ka mea i koe i ka uhini huluhulu, ua pau ia i ka uhini hulu ole.
Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, hawwaannisni guddaan fixe; waan hawwaannisni guddaan dhiise, hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
5 E ala oukou, e na mea on a, a e uwe iho; E aoa hoi, e na mea inu waina a pau, no ka waina hou, No ka mea, ua laweia'ku ia mai ko oukou waha aku.
Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa; sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa; inni afaan keessan irraa butameeraatii.
6 No ka mea, ua hele mai ka lahuikanaka maluna o ko'u aina, he ikaika, aole e pau i ka helu, O kona mau niho, he niho o ka liona; A o kona niho aoao, he niho o ka liona wahine.
Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko biyya koo weerareera; inni ilkaan leencaa, qarriffaa leenca dhalaa qaba.
7 Ua luku aku ia i kuu kumuwaina, A ua hemo i ka ili o kuu laau fiku: Ua hemo i kona ili a pau, a ua hoolei aku ia mea; Ua keokeo kona mau lala.
Inni muka wayinii koo onsee harbuu koos barbadeesseera. Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee dameelee isaanii duwwaa hambise.
8 E uwe iho e like me ka wahine mare i kaeiia i ke kapa inoino no ke kane o kona wa opiopio.
Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
9 Ua okiia ka mohai makana, a me ka mohai inu mai ka hale o Iehova aku; Ua uwe na kahuna, na lawehana a Iehova.
Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqayyoo irraa citaniiru. Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan booʼaa jiru.
10 Ua lukuia ka mahinaai, Ua uwe ka aina, No ka mea, ua lukuia ka ai, Ua maloo ka waina hou, ua emi iho ka aila.
Lafti qotiisaa oneera; laftis gogeera; midhaan barbadaaʼeera; daadhiin wayinii haaraan dhumeera; zayitiinis dhabameera.
11 E hilahila oukou, e na mahiai; E aoa oukou, e na mahiwaina, no ka huapalaoa, a no ka bale; No ka mea, ua nele ka ohi ai ana o ka mahinaai.
Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; warri wayinii dhaabbattan booʼaa; sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
12 Ua maloo ke kumuwaina, Ua mae ka laau fiku; Ua mae ka laau pomagerane, o ka laau pama, a me ka laau ohia, o na laau a pau o ke kula: No ka mea, ua pau ka olioli o na keiki a kanaka;
Wayiniin gogeera; harbuunis coollageera; roomaaniin, meexxii fi hudhaan, mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa irraa badeera.
13 E kaei ia oukou iho, a e kanikau, e na kahuna: E aoa oukou, e na lawehana o ke kuahu: E hele mai, e noho a ao ka po iloko o ke kapa inoino, e na lawehana a kuu Akua: No ka mea, ua hookiia ka mohai makana, a me ka mohai inu mai ka hale aku o ko oukou Akua.
Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
14 E hoolaa i ka hookeai ana, E kahea aku i ka halawai, E hoakoakoa i ka poe kahiko, I na kanaka a pau o ka aina, ma ka hale o Iehova ko oukou Akua, A e hea aku ia Iehova.
Sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa. Maanguddootaa fi warra biyyattii keessa jiraatan hunda gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii Waaqayyootti booʼaa.
15 Auwe no ka la! No ka mea, ua kokoke mai ka la o Iehova, A me he make la e hiki mai ai ia mai ka Mea mana mai.
Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
16 Aole anei i okiia ka ai imua o ko kakou maka? O ka olioli a me ka hauoli mai ka hale aku o ko kakou Akua?
Ijuma keenya duratti nyaanni cite; ilillee fi gammachuunis mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
17 Ua popopo na hua malalo iho o ko lakou lepo, Ua wawahiia na hale papaa, Ua hoohioloia na hale ai; No ka mea, ua maloo ka ai.
Sanyiin lafa keessatti tortoree hafe. Mankuusni diigameera; gombisaan caccabeera; midhaan gogee hafeeraatii.
18 Nani ka u ana o na holoholona! Ua pilikia na kumu bipi, No ka mea, aohe ai na lakou; Ua hoopauia hoi na kumu hipa.
Loon akkam marʼatu! Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef asii fi achi joora; bushaayeenis dhiphataniiru.
19 E Iehova, ia oe no wau e kahea aku nei, No ka mea, ua ai ke ahi i ka uliuli o ka waonahele, Ua hoopau ka lapalapa ahi i na laau a pau o ke kula.
Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; ibiddi lafa dheedaa barbadeessee arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
20 Ke auwe aku nei na holoholona o ke kula ia oe; No ka mea, ua maloo na wai o na kahawai, A ua pau i ke ahi ka uliuli o ka waonahele.
Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; lagni bishaanii gogeera; ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.

< Ioela 1 >