< Ieremia 46 >
1 KA olelo a Iehova i hiki mai io Ieremia la i ke kaula, e ku e i ko na aina;
Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
2 E ku e ia Aigupita, i ka poe kaua hoi o Parao-neko, ke alii o Aigupita, aia ma ka muliwai o Euperate, ma Karekemisa, ka poe a Nebukaneza i luku ai i ka makahiki aha o Iehoiakima, ke keiki a Iosia, ke alii o ka Iuda.
Waaʼee Gibxi: Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe:
3 E hoomakaukau oukou i ka paku a me ka palekaua, a e hookokoke i ke kaua.
“Gaachana keessan xinnaa fi guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa!
4 E kahiko i na lio, a e ee ae, e na hololio, a e ku mai me na mahiole; e hookala i na ihe, e komo na paleumaumaunahi.
Fardeen feʼadhaa; isaan yaabbadhaas! Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii iddoo iddoo keessan qabadhaa. Eeboo keessan qaradhaa; qomee sibiilaa illee uffadhaa!
5 No ko aha la wau i ike aku ai ia lakou ua makau a hoi hope? ua hahauia na mea ikaika o lakou, a ua hee loa, aole i nana ihope; puni lakou i ka makau, wahi a Iehova.
Ani maal argaan jira? Isaan naʼanii jiru; dugda duubatti deebiʼaa jiru; gootonni isaanii moʼatamaniiru. Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu; qixa hundaanuu gooliitu jira” jedha Waaqayyo.
6 Aole e hiki i ka mea mama e holo, aole hoi e pakele ka poe ikaika; e okupe no lakou a hina ma ke kukulu akau, ma ka muliwai o Euperate.
“Fiigaan baqachuu hin dandaʼu; yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu. Isaan karaa kaabaatiin Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu.
7 Owai keia mea e hele mai nei, me he wai pii la, a kupikipikio na wai, e like me ka wai kahe la?
“Kan akka Abbayyaa, akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu?
8 Ke pii nei o Aigupita, me he wai pii la, a ua kupikipikio kona mau wai me he wai kahe la; a olelo no hoi oia, E pii aku no wau, e uhi no wau i ka honua; e luku no wau i ke kulanakauhale, a me ka poe e noho ana ilaila.
Gibxi akkuma Abbayyaa, akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati. Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga; magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti.
9 E pii mai, e na lio, e holo ikaika hoi, e na kaakaua; e hele mai na kanaka ikaika, o ko Aitiopa, a me ko Libua, ka poe lawelawe i ka palekaua, a me ka Ludia, o ka poe i lawelawe, a lena ke kakaka.
Yaa fardeen, isin garmaamaa! Yaa gaariiwwan, isinis guulaa! Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan, yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii fuula duratti qajeelaa.
10 Oia no ka la o ka Haku, o Iehova o na kaua, ka la o ka hoopai ana, e hoopai ai i kona poe enemi nona; e ai no ka pahikaua, a e maona no, a e ona no hoi i ko lakou koko; no ka mea, he mohai ko ka Haku, ko Iehova o na kaua ma ka aina o ke kukuluakau, ma ka muliwai o Euperate.
Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa, kan Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha. Goraadeen hamma quufutti, hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata. Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii.
11 E pii aku oe i Gileada, a e lawe mai oe i nini, e ka wahine puupaa, ke kaikamahine o Aigupita; he make hewa nae kou lawe ana i ka laaulapaau a nui, no ka mea, aole loaa ia oe ke ola.
“Yaa Gibxi durba qulqullittii, Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu. Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta; garuu hin fayyitu.
12 Ua lohe ko na aina i kou hilahila, a ua hoopiha kou uwe ana i ka aina; no ka mea, ua okupe kekahi kanaka ikaika i kekahi kanaka ikaika, a ua hina pu laua.
Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu; booʼichi kee lafa guuta. Goonni tokko goota kaanitti gufata; isaan lamaanuu wal qabatanii kufu.”
13 Ka olelo a Iehova i olelo mai ai ia Ieremia, i ke kaula, no ka hele ana mai o Nebukaneza, ke alii o Babulona, e anai i ka aina o Aigupita.
“Dubbiin Waaqayyo akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas raajichatti dubbate kanaa dha:
14 E hai aku oukou ma Aigupita, e kala aku hoi ma Migedola, e kala aku ma Nopa, a ma Tapehanesa; e i aku, E kupaa, a e hoomakaukau ia oe; no ka mea, e ai no ka pahikaua a puni oe.
“Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi; Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa: ‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’
15 No ke aha la i hoohinaia'i kou poe koa, aole lakou i kupaa, no ka mea, hooauhee o Iehova ia lakou.
Gootonni kee maaliif kufanii diriiru? Sababii Waaqayyo gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan.
16 Nana no i hoohina i na mea he nui loa; oia, hina no kekahi maluna o kekahi; olelo no nae lakou, E ku kakou iluna, e hoi hou kakou i ko kakou kanaka iho, a i ko kakou aina i hanau ai, mai ke alo aku o ka pahikaua luku.
Isaan ammumaa amma gufatu; wal irrattis kukkufu. Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa jalaa baanee gara saba keenyaattii fi biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu.
17 Uwe no lakou malaila, he walaau wale o Parao, ke alii o Aigupita, ua hala kona manawa pono.
Isaan achitti, ‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa; inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu.
18 Me au e ola nei, wahi a ke Alii, nona ka inoa, o Iehova o na kaua, Oiaio, me Tabora iwaena o na mauna, a me Karemela ma kahakai, e hele mai no ia.
“Dhugaa ana jiraataa” jedha mootichi inni maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun “kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu, inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa.
19 E ke kaikamahine e noho la ma Aigupita, e hoomakaukau oe i kahiko no kou hele pio ana; no ka mea, e olohelohe auanei, a e mehameha hoi o Nopa, aohe mea noho malaila.
Ati kan Gibxi keessa jiraattu, waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi; Memfiis ontee diigamtee jiraattota malee haftiitii.
20 He keiki bipi wahine maikai o Aigupita, ke hele mai nei kona make, mai ka akau mai ka hele ana.
“Gibxi goromsa bareedduu dha; garuu qarxaasaan biyya kaabaatii isheetti ni dhufa.
21 O kona poe paaua iwaenakonu ona, ua like me na keikibipi kupaluia; no ka mea, ua hee lakou, ua auhee pu aku no; aole lakou i ku paa, no ka mea, ua hiki mai ka la o ko lakou poino maluna o lakou, o ka manawa hoi o ko lakou hoopaiia.
Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis akkuma jiboota cocoomanii ti. Sababii guyyaan badiisaa, yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef isaanis garagalanii walumaan ni baqatu; iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan.
22 E loheia ka leo ona me ko ka nahesa la; no ka mea, e hele mai no lakou me ka poe kaua, a e hele ku e ia ia me na lipi, e like me ka poe kualaau.
Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti; isaan akkuma namoota muka muraniitti qottoo qabatanii isheetti dhufu.
23 E kua lakou i kona ululaau ilalo, wahi a Iehova, ina no e hiki ole ke nana ia ia a pau; no ka mea, ua oi aku ko lakou lehulehu i ko na uhini, hiki ole ke heluia aku.
Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu, isaan bosona ishee ciranii balleessu” jedha Waaqayyo. “Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu; lakkaaʼamuus hin dandaʼan.
24 E hoohilahilaia ke kaikamahine o Aigupita; e haawiia oia iloko o ka lima o na kanaka o ke kukuluakau.
Intalli Gibxi ni qaaneffamti; dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti.”
25 Ke i mai nei o Iehova o na kaua, ke Akua o ka Iseraela, penei; Aia hoi, e hoopai no wau ia Amona o No, a me Parao, a me Aigupita, a me ko lakou poe Akua, a me ko lakou poe alii, ia Parao no, a me ka poe a pau e hilinai ia ia.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani Aamoon Waaqa Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Waaqa isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida.
26 A e haawi no wau ia lakou iloko o ka lima o ka poe imi i ko lakou ola, a iloko o ka lima o Nebukaneza, ke alii o Babulona, a iloko o ka lima o kana poe kauwa. A mahope iho e nohoia no ia e like me ka wa kahiko, wahi a Iehova.
Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati” jedha Waaqayyo.
27 Mai makau oe. e ka'u kauwa, e Iakoba, mai weliweli hoi, e ka Iseraela; no ka mea, aia hoi, e hoola no wau ia oe, mai kahi loihi mai, a me kau poe mamo hoi, mai ka aina mai o ko lakou noho pio ana; a e hoi no ka Iakoba, a e noho hoomaha, a e oluolu no, aohe mea nana e hoomakau ia ia.
“Yaa Yaaqoob tajaajilaa ko, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel atis hin naʼin. Ani lafa fagootii sin baasa; sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
28 Mai makau oe, e Iakoba, e ka'u kauwa, wahi a Iehova; no ka mea, owau pu me oe; no ka mea, e hoopau ana au i ko na aina a pau, kahi a'u i kipaku ai ia oe: aka, aole au e hoopau ia oe, e hoouku pono aku no nae wau ia oe, aole au e hooki loa aku ia oe.
Yaa Yaaqoob garbicha ko, ati hin sodaatin; anis si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo. “Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti balleesse iyyuu ani guutumaan guutuutti si hin balleessu. Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan; akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu.”