< Isaia 13 >

1 KA wanana no Babulona, ka mea a Isaia, ke keiki a Amosa i ike ai.
Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:
2 E kau i ka hae ma ka mauna olohelohe, E hookiekie i ka leo io lakou la, e peahi ka lima, I komo lakou maloko o na pukapa o na'lii.
Tulluu homaa itti hin biqilin irratti faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa; akka isaan karra namoota bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
3 Ua kauoha aku au i ko'u poe i hookaawaleia no ke kaua, A no ka ukiuki, ua hea aku au i ko'u poe koa, Kuu poe olioli me ka hookiekie.
Ani qulqulloota koo ajajeera; akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan waammadheera.
4 Ka hooho ka a ka poe nui muluna o na mauna, E like me ko ka lahuikanaka nui; Ka hooho o ka hui ana o na aupuni, A me na aina i hoakoakoaia. O Iehova o na kaua, e hoolalelale ana ia i ke kaua no ka hoouka.
Waca tulluuwwan irraa, kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa! Guungummii mootummootaa kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
5 Hele mai no lakou, mai ka aina mamao aku, A mai ka welau mai o ka lani; O Iehova, a me na mea hoopai o kona ukiuki, E anai i ka aina a pau.
Isaan biyya fagoodhaa daarii samiiwwaniitii dhufan; Waaqayyoo fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.
6 E aoa oukou, no ka mea, ua kokoke mai ka la o Iehova; E hiki mai no ia, e like me ka puahiohio, mai ka Mea Mana mai.
Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa; guyyaan sun akkuma badiisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
7 Nolaila, e lewa wale ilalo na lima a pau, A e maule hoi na naau a pau o kanaka:
Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; onneen nama hundaas ni baqa.
8 E makau ananet lakou; E loohia lakou i ka eha nui, a me ka nahu kuakoko, E nui loa auanei ko lakou eha, e like me ke kuakoko o ka wahine hanau keiki; E haka pono no kekahi i kekahi me ka makau, E like ana ko lakou maka me ka lapalapa ahi.
Sodaan isaan qabata; dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. Isaan rifatanii wal ilaalu; fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.
9 Aia hoi! ka la o Iehova, ke hele mai la, He weliweli loa no ka ukiuki, a me ka inaina nui, E hoolilo i ka aina i auakua, A e anai aku i ka poe hewa.
Kunoo guyyaan Waaqayyoo, guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan barbadeessuuf ni dhufa.
10 O na hoku o ka lani a me na huihui ona, Aole lakou e haawi mai i ka malamalama; E poeleele no ka la i kona hele ana, Aole hoi e hoomalamalama mai ka mahina.
Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii ifa isaanii hin kennan. Aduun baatu ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu.
11 A e hoopai aku au i ka hewa maluna o ka aina, A i ko lakou hala hoi maluna o ka poe lawehala. E hooki no wau i ka manao kiekie o ka poe hookano, A e hoohaahaa hoi au i ka manao haakei o ka poe hookaumaha.
Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
12 E hana aku au, a e uuku na kanaka, he nui ke gula, He uuku kanaka, he nui na gula o Opira.
Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
13 No ka mea, e hoonaueue au i na lani, A e kulanalana ka honua mai kona wahi aku, No ka inaina o Iehova o na kaua, Ke hiki aku ka la o kona ukiuki wela.
Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; gaafa aariin isaa bobaʼutti dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti iddoo isheetii ni raafamti.
14 E like ana hoi ia me ka dia i hahaiia, Me na hipa hoi, aohe mea nana lakou e hoiliili. E huli no kela mea keia mea i kona poe kanaka iho, E holo no kela mea keia mea i kona aina iho.
Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu, akkuma hoolota tiksee hin qabnee gara saba isaatti deebiʼa; namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
15 E houia na mea a pau i loaa; A o ka poe a pau i huiia'ku, e haule lakou i ka pahikaua.
Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama; kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
16 A e ulupaia ka la kou keiki imua o ko lakou mau maka; E haoia ko lakou hale, A e moe wale ia ka lakou mau wahine.
Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu; manneen isaanii ni saamamu; niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
17 Aia hoi! e hoala no wau i ko Media e ku e ia lakou, I ka poe i manao ole i ke kala; A o ke gula hoi, aole lakou makemake ia mea.
Kunoo ani warra Meedee kanneen meetii irraa dhimma hin qabne warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
18 Na ko lakou kakaka e kulai i na kanaka ui, Aole lakou e aloha i ka hua o ka opu; Aole e menemene ko lakou maka i na keiki uuku.
Iddaan isaanii dargaggoota fixxi; isaan daaʼimmaniif hin naʼan; ijoolleefis garaa hin laafan.
19 O Babulona, ka mea nani o na aupuni, Ka mea e hanohano ai, a e kaena ai hoi o Kaledea, E like auanei ia me Sodoma a me Gomora, Na mea a ke Akua i hookahuli ai.
Baabilon ulfinni moototaa, miidhaginni of jaja warra Baabilon akkuma Sodoomii fi Gomoraa irree Waaqaatiin garagalfamti.
20 E kanaka ole ana ia mai ia wa aku, Aole e noho hou ia, mai ia hanauna, a ia hanauna aku; Aole e kukulu hou ka Arabia i kona halelewa malaila, A malaila hoi, aole e hoomoe hou na kahuhipa i ka lakou hipa.
Namni ishee keessa hin qubatu; yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu; namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
21 Malaila no e moe ai na holoholona o ka waonahele; A e piha no hoi ko lakou hale i na aoa; E noho no malaila ka iana, A e haa wale na kao hihiu malaila.
Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu; waangoowwan mana ishee ni guutu; urunguun achi jiraatti; reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
22 E hae no na iliohae ma ko lakou halealii, A me na ilio hihiu ma ko lakou mau halelewa. Ua kokoke mai no kona manawa, Aole hoi e hooloihiia kona mau la.
Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa; waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa keessaa iyyiti. Yeroon ishee gaʼeera; barri ishees hin dheeratu.

< Isaia 13 >