< Kinohi 2 >
1 PELA i paa ai ka lani a me ka honua i ka hanaia, a me ko laila poe mea a pau.
Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame.
2 A i ka hiku o ka la, hooki iho la ke Akua i ka hana ana i hana'i: a hoornaha iho la oia i kana hana a pau ana i hana'i.
Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote.
3 Hoomaikai mai la ke Akua i ka hiku o ka la, a hoano iho la; no ka mea, hoomaha iho la oia ia la i ka hana a pau a ke Akua i hana'i.
Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
4 Eia ka mooolelo no ka lani a me ka honua i ka wa i hanaia'i ia mau mea, i ka la a Iehova a ke Akua i hana'i i ka honua a me ka lani.
Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo Waaqayyo Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha.
5 A me na mea kanu a pau o ka mahiuaai, i ka wa aole ia maloko o ka honua, a mo na launahele a pau o ke kula mamua o kona ulu ana: no ka mea, aole i hooua mai o Iehova ko Akua i ka ua maluna o ka honua, aole hoi he kanaka nana e mahi ka aina.
Sababii Waaqayyo Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture.
6 Aka, pii aku la ka ohu mai ka honua aku, a hoomau iho la i ka ili a pau o ka aina.
Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture.
7 Hana iho la o Iehova ke Akua i ke kanaka, he lepo o ka honua, a ha iho la ia i ka hanu ola iloko o na puka ihu ona; a lilo ae la ke kanaka i mea ola.
Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
8 Kanu iho la o Iehova ke Akua i ka mahinaai maloko o Edena ma ka hikina; a malaila oia i hoonoho iho ai i ke kanaka ana i hana'i.
Waaqayyo Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe.
9 Hooulu ae la o Iehova ke Akua i na laau a pau mailoko ae o ka honua, i na mea oluolu no ka maka, i na mea ono hoi ke ai; i ka laau o ke ola hoi iwaena konu o ka mahinaai, a me ka laau i ikea'i ka pono a me ka hewa.
Waaqayyo Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
10 Kahe ae la kekahi muliwai mai Edena aku e hoomau i ka mahinaai; a malaila aku, manamana ae la ia a lilo i eha mana.
Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe.
11 O Pisona ka inoa o ka mua: oia no ka mea o hoopuni ana i ka aina a pau o Havila, he wahi gula ia;
Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa.
12 A he maikai ke gula o ia aina: ilaila no ka deliuma a me ka pohaku onika.
Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu.
13 O Gihona ka inoa o ka lua o ka muliwai: oia ka mea e hoopuni ana i ka aina a pau o Aitiopa.
Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa.
14 O Hidekela ka inoa o ke kolu o ka muliwai: oia ka mea e kahe ana ma ka aoao hikina o Asuria. A o Euperate ka inoa o ka ha o ka muliwai.
Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
15 Lawe ae la o Iehova ke Akua i ke kanaka, a hoonoho iho la ia ia ma ka mahinaai ma Edena, e mahi a e malama ia wahi.
Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe.
16 Kauoha mai la o Iehova ke Akua i ke kanaka, i mai la, E ai wale oe i ko keia laau kela laau o ka mahinaai nei:
Waaqayyo Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa;
17 Aka, o ko ka laau i ikea ai ka pono a me ka hewa, mai ai iho oe ia mea: no ka mea, i kou la e ai ai ia mea, he oiaio no e make oe.
garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.”
18 I iho la o Iehova ke Akua, Aole pono ke kanaka ke noho, oia wale; e hana no wau i kokoolua nona e ku ia ia.
Waaqayyo Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe.
19 No ka lepo i hana'i o Iehova ke Akua i na holoholona a pau o ke kula, a me na manu a pau o ka lewa, a kai mai la ia lakou io Adamu la, i ikea na inoa a Adamu e kapa aku ai ia lakou: a o ka inoa a Adamu i kapa aku ai i na mea ola a pau, oia iho la kona inoa.
Waaqayyo Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef.
20 Kapa aku la o Adamu i na inoa no na holoholona laka a pau, a no na manu o ka lewa, a no na holoholona hihiu a pau; aka no Adamu, aole i loaa kona kokoolua e ku ia ia.
Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne.
21 Hookau mai la o Iehova ke Akua i ka hiamoe nui ia Adamu, a hiamoe iho la ia: unuhi ae la kela i kekahi iwiaoao ona, a hoopili iho la ia i ka io ma kona wahi.
Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche.
22 A o ka iwiaoao a Iehova ke Akua i unuhi mai ai noloko mai o ke kanaka, hana iho la oia ia mea i wahine, a alakai ae la ia ia i ke hanaka.
Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
23 I aku la o Adamu, Oia nei no ka iwi o kuu mau iwi, a me ka io o kuu io; e kapaia oia nei, wahine, no ka mea, ua unuhiia ae oia mailoko ae o ke kane.
Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.”
24 No keia mea, e haalele aku ke kanaka i kona makuakane a me kona makuwahine, a e pili aku oia i kana wahine: a e lilo laua i io hookahi.
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
25 Aohe kapa o laua a elua, o ke kane a me kana wahine, aole hoi o laua hilahila.
Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.