< Ezera 6 >

1 A LAILA kauoha ae la o Dariu ke alii, imihia ma ka hale o na palapala, kahi i waiho ai na waiwai ilaila ma Babulona.
Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan.
2 A loaa iho la, ma Akemeta, ma ka halealii, o ko Media, he palapala, a peneia ka olelo i kakauia'i maloko.
Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture: Yaadachiisa:
3 I ka makahiki mua o Kuro ke alii, kauoha ae la o ua Kuro la ke alii no ka hale o ke Akua ma Ierusalema, E hauaia ka hale, kahi i kaumaha aku ai i na mohai, a e hoonohopaaia ke kumu; he kanaono hailima ke kiekie, a he kanaono hailima ka laula;
Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase: Manni qulqullummaa kun iddoo aarsaan itti dhiʼeeffamu taʼee deebifamee haa ijaaramu; hundeen isaas haa buufamu. Manni kunis ol dheerina dhundhuma jaatamaa fi balʼina dhundhuma jaatama qabaatee
4 Pakolu na papapohaku kalai, a e pakahi hoi ka papa laau hou; a e haawiia ka waiwai mai ka hale o ke alii mai:
dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba.
5 A o na kiaha gula hoi a me ke kala o ka hale o ke Akua, na mea a Nebukaneza i lawe ae mai ka luakini mai ma Ierusalema, a hali mai i Babulona, e hoihoiia'ku, a e haliia aku i ka luakini ma Ierusalema, o kela keia ma kona wahi iho, a e waiho ma ka hale o ke Akua.
Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu.
6 Ano hoi, e Tatenai, ke kiaaina ma kela aoao o ka muliwai, a me Setare bozenai, a me ko laua poe hoalawehana, ka poe Aparesaka, ma kela aoao o ka muliwai, e hookaawaleia oukou mai ia wahi aku.
Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa.
7 E waiho malie oukou i ka hana o keia hale o ke Akua; a o ke alii kiaaina o na Iudaio, a me ka poe kahiko o na Iudaio, e hana lakou i keia hale o ke Akua ma kona wahi.
Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran.
8 Eia hoi ka'u o kauoha aku nei i ka mea a oukou e hana aku ai i na lunakahiko o keia poe Iudaio, no ka hana ana i keia hale o ke Akua: noloko mai o ka waiwai o ke alii, oia ka hookupu ma kela aoao o ka muliwai, e haawi koke ia'ku ka waiwai no keia poe kanaka, i keakea ole ia'i lakou.
Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu.
9 A o na mea e pono ai lakou, o na keikibipikane, a o na hipakane, a me na keikihipa, no na mohaikuni na ke Akua o ka lani, o ka palaoa, ka paakai, o ka waina, a me ka aila, e like me ke kauoha a na kahuna ma Ierusalema, e haawiia'ku ia na lakou i kela la keia la, aole ka ole:
Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu;
10 I kaumaha aku ai lakou i na mea ala i ke Akua o ka lani, a i pule aku hoi no ke ola o ke alii, a no kana mau keiki.
kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha.
11 A ke kauoha aku nei no hoi au, o kela kanaka keia kanaka e hoololi i keia olelo, e laweia ka laau mai kona hale mai, a kukuluia, e kaaweia oia maluna o ia mea, a e hooliloia kona hale i puu lepo no keia mea.
Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa.
12 A o ke Akua, nana i waiho kona inoa malaila, e luku aku ia i na'lii a pau, a me na kanaka, ke o aku ko lakou lima e hoololi, a e wawahi i keia hale o ke Akua ma Ierusalema. Owau, o Dariu ka i kauoha aku; e hana koke ia hoi oia.
Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu. Ani Daariyoos labsii kana labseera. Wanni kunis ariitiidhaan hojii irra haa oolu.
13 Alaila o Tatenai, ke kiaaina ma keia aoao o ka muliwai, e Setare-bozenai, a me ko laua hoalawehana, e like me ka mea a ke alii i hoouna mai ai, pela lakou i hana koke aku ai.
Ergasii Taatenaayi bulchaan biyya Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi michoonni isaanii akkuma Daariyoos Mootichi labsetti labsii sana ariitiidhaan hojii irra ni oolchan.
14 A hana aku la na luna kahiko o na Iudaio, a ua pomaikai lakou ma ka wanana a Hagai ke kaula, a me Zakaria ke keiki a Ido. A hana lakou, a hoopaa hoi, e like me ke kauoha a ke Akua o ka Iseraela, a like hoi me ke kauoha a Kuro, a me Dariu, a me Aretasaseta, ke alii o Peresia.
Kanaafuu maanguddoonni Yihuudootaa lallaba Haagee raajichaatii fi Zakkaariyaas ilma Iddootiin ijaarsa itti fufan; hojiinis ni milkaaʼeef. Isaanis akkuma ajaja Waaqa Israaʼelii fi akkuma labsiiwwan Qiiros, Daariyoosii fi Arxeksis mootota Faaresitti ijaarsa mana qulqullummaa sana ni xumuran.
15 A ua hoopaaia keia hale i ke kolu o ka la o ka malama Adara, oia ke oao o ka makahiki a Dariu ke alii i noho alii ai.
Manni qulqullummaa sunis waggaa jaʼaffaa bara Daariyoos Mootichaa keessa, bultii sadaffaa jiʼa Adaaritti ijaaramee dhume.
16 A o na mamo a Iseraela, na kahuna, a me na Levi, a me na mea i koe o ka poe i pio, hoolaa aku la lakou i keia hale o ke Akua me ka olioli.
Ergasii sabni Israaʼel jechuunis luboonni, Lewwonnii fi boojiʼamtoonni hafan ayyaana eebba mana Waaqaa gammachuudhaan ayyaaneffatan.
17 A kaumaha aku la no ka hoolaa ana i keia hale o ke Akua, i hookahi haneri bipikane, i elua haneri hipakane, a i eha haneri keikihipa; a i umikumamalua na kaokane i mohaihala no ka Iseraela a pau, e like me na ohana o ka Iseraela.
Eebba mana Waaqaa kanaafis jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lamaa fi xobbaallaa hoolaa dhibba afur kennan; sababii cubbuu Israaʼel hundaaf immoo korbeeyyii reʼee kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif reʼee tokko tokko dhiʼeessan.
18 A hoonoho iho la lakou i na kahuna ma ko lakou mau papa, a me na Levi ma ko lakou mau papa, no ka oihana o ke Akua ma Ierusalema; e like me ko kauoha ma ka buke a Mose.
Ergasii immoo akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffametti tajaajila mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sanaaf luboota kutaa kutaa isaanitti, Lewwota immoo garee garee isaaniitti ramadan.
19 A malama aku la ka poe i pio i ka moliaola, i ka la umikumamaha o ka malama mua.
Boojiʼamtoonnis guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaa ni ayyaaneffatan.
20 No ka mea, ua huikala pu ia na kahuna, a me na Levi, a ua maemae lakou a pau, a kalua aku la lakou i ka moliaola, no ka poe i pio a pau, a no ko lakou poe hoahanau na kahuna, a no lakou iho.
Luboonnii fi Lewwonni of qulqulleessanii hundi isaanii akka seeraatti ni qulqullaaʼan. Lewwonni warra boojiʼaman hundaaf, obboloota isaanii lubootaa fi ofii isaaniif hoolaa Faasiikaa qalan.
21 A ai iho la na mamo a Iseraela, ka poe i hoi mai, mai ke pio ana mai, a me ka poe a pau i hookaawale ia lakou iho mai ka mea haumia o na lahuikanaka o ka aina, e imi ia Iehova ke Akua o ka Iseraela;
Kanaafuu Israaʼeloonni boojuudhaa deebiʼan namoota Waaqayyo Waaqa Israaʼel barbaaduudhaaf hojii xuraaʼummaa kan Namoota Ormaa kanneen ollaa isaanii jiraatan sanaa lagatan hunda wajjin Faasiikaa sana ni nyaatan.
22 A malama lakou i ka ahaaina berena hu ole i na la ehiku me ka olioli: no ka mea, o Iehova ka i hoohauoli mai ia lakou, a hoohuli mai i ka naau o ke alii o Asuria ia lakou, e hooikaika i ko lakou lima i ka hana ana i ka hale o ke Akua, ke Akua o ka Iseraela.
Sababii Waaqayyo akka inni hojii ijaarsa mana Waaqayyo Waaqa Israaʼel keessatti isaan gargaaruudhaaf yaada mootii Asoor geeddaruudhaan gammachuudhaan isaan guuteef isaan bultii torba guutuu Ayyaana Maxinoo Buddeena gammachuudhaan ayyaaneffatan.

< Ezera 6 >