< Ezekiela 26 >

1 EIA kekahi, i ka makahiki umikumamakahi, i ka la mua o ia malama, hiki mai ka olelo a Iehova ia'u, i mai la,
Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sana keessaa guyyaa jalqabaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 E ke keiki a ke kanaka, no ka olelo ku e ana o Turo ia Ierusalema, Aia la, ua nahaha oia, ka mea i noho he mau puka no na kanaka; ua huli mai ia ia'u; e hoolakoia au, ua hooneoneoia ia:
“Yaa ilma namaa, Xiiroos waaʼee Yerusaalem, ‘Baga! Karri sabootaa cabeera; balbalawwan ishees naaf banamaniiru; egaa amma waan isheen onteef ani nan sooroma’ jetteertii;
3 Nolaila, ke olelo nei Iehova ka Haku, Eia hoi, e ku e au ia oe, e Turo, a e kono au i na lahuikanaka he nui e pii ku e ia oe, e like me ke kai e hoopii ai i kona mau ale.
kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Xiiroos, kunoo ani sitti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii isaa kaasu sana anis saboota baayʼee sitti nan kaasa.
4 A e wawahi lakou i na pa o Turo, a e hoohiolo i kona mau halekiai: a e kope hoi au i kona lepo mai ona aku, a e hoolilo au ia ia e like me ka pohaku olohelohe.
Isaan dallaa Xiiroos ni diigu; gamoo ishees ni jigsu; ani biyyoo ishee irraa haxaaʼee kattaa qullaa hafe ishee nan godha.
5 E lilo ia i wahi e hohola ai i na upena, iwaenakonu o ke kai, no ka mea, na'u no ia i olelo, wahi a Iehova, a e lilo ia i waiwai pio no ko na aina.
Isheen galaana keessatti iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan ni taati; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Isheen sabootaaf boojuu taati;
6 A o kona mau kaikamahine, na mea ma ka aina, e pepehiia lakou i ka pahikaua; a e ike lakou owau no Iehova.
intallan ishee kanneen walakkaa biyyaa jiranis goraadeedhaan ajjeefamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
7 No ka mea, ke olelo mai nei o Iehova ka Haku, penei; Eia hoi, e alakai ana au ia Nebukaneza, ke alii o Babulona, ke alii o na'lii, e ku e ia Turo, mai ke kukulu akau mai, me na lio, a me na kaa, a me na hoohololio, a me na anaina, a me na kanaka he nui wale.
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani karaa kaabaatii Nebukadnezar mooticha Baabilon, mootii moototaa sana fardeenii fi gaariiwwan wajjin, abbootii fardaatii fi raayyaa waraanaa guddaa isaa wajjin Xiiroositti nan fida.
8 E pepehi oia me ka pahikaua i kou mau kaikamahine ma ka aina; a e hana oia i ka halekaua ku e ia oe, a e hana hoi oia i puu ku e ia oe, a kaikai i ka palekaua ku e ia oe.
Innis intallan kee kanneen biyya walakkaa jiran goraadeedhaan fixa; dallaa ittiin si marsu ijaarrata; hamma dallaa keetiitti biyyoo ol tuula; gaachana isaas sitti ol kaafata.
9 A e hoonoho ku e oia i na mea kaua i kou mau pa, a e wawahi i kou mau halekiai me kona mau koi.
Innis jirma ittiin waa diigan dallaa keetti garagalfata; gamoowwan kees miʼa lolaatiin diiga.
10 No ka nui o kona mau lio, e uhi mai ko lakou lepo maluna ou; i ke kamumu ana o na hoohololio, a me na huila, a me na kaa, e haalulu ai kou mau pa, i kona komo ana'e iloko o kou mau ipuka, e like me ke komo ana o na kanaka i ke kulanakauhale i wahiia.
Fardeen isaas hamma awwaaraan si haguuguu dandaʼanitti gar malee baayʼee taʼu. Yeroo inni akkuma namoota magaalaa dallaan ishee diigame seenaniitti karrawwan keetiin ol seenutti dallaan kee didichuu fardeen waraanaatiin, kan gaariiwwan waraanaatii fi kan gaariiwwan kaaniitiin ni raafama.
11 Me na maiuu o kona mau lio e hahi oia i kou mau alanui a pau, a e luku oia i kou poe kanaka me ka pahikaua, a e haule iho na kia o kou ikaika ilalo i ka lepo.
Kotteewwan fardeen isaa daandiiwwan kee hunda ni dhidhiitu; innis namoota kee goraadeedhaan ajjeesa; utubaawwan kee jajjaboonis ni jigu.
12 A e hao aku lakou i kou waiwai nui, a e kaili aku hoi i kou waiwai kalepa; a e wawahi iho lakou i kou mau pa ilalo, a e hookai hoi i kou mau hale makemakeia; a e waiho iho lakou i kou laau, a me kou mau pohaku, a me kou lepo iwaena konu o ka wai.
Isaan qabeenya kee boojiʼu; miʼa kee kan daldalaa ni saamu; dallaa kee ni jigsu; manneen kee mimmiidhagoo ni diigu; dhagaa kee, jirmaa fi biyyoo kee galaanatti naqu.
13 A e hooki au i ka leo o kau mau mele; aole hoi e lohe hou ia ke kani ana o kou mau kinora.
Ani sirba kee nan hambisa; sagaleen baganaa keetii siʼachi hin dhagaʼamu.
14 A e hoolilo au ia oe e like me ka pohaku olohelohe; e lilo oe i wahi e hohola ai i ua upena, aole e kukulu hou ia'ku oe; no ka mea, na'u na Iehova i olelo, wahi a Iehova ka Haku.
Ani kattaa qullaa hafe si taasisa; atis iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan taata. Ati gonkumaa deebifamtee hin ijaaramtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 Ke i mai nei Iehova ka Haku, penei, ia Turo, Aole anei e haalulu na mokupuni i ke halulu ana o kou hiolo ana, i ka wa e auwe ai ka poe eha, a he lukuia hoi iwaenakonu ou.
“Waaqayyo Gooftaan Xiiroosiin akkana jedha: Yeroo warri madaaʼan aadanii fi yeroo namni si keessatti qalamutti biyyoonni qarqara galaanaa sagalee jiguu keetiitiin hin hollatanii?
16 Alaila, e iho iho na'lii a pau o ke kai mai luna mai o ko lakou mau nohoalii, a e waiho ae i ko lakou aahu alii, a e wehe ae i ko lakou mau kapa onionio: e aahu lakou i ka haalulu, e noho iho lakou ma ka honua, a e weliweli i kela minute, keia minute, a e pilihua ia oe.
Ilmaan moototaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi teessoo isaanii irraa ni buʼu; uffata isaanii lafa kaaʼu; wayyaa isaanii kan faayeffames of irraa baasu. Isaan sodaadhaan guutamanii daaraa irra taaʼanii utuu addaan hin kutin waan sirra gaʼe sanaan naasuudhaan hollatu.
17 A e hoomaka lakou i ke kanikau nou, a e olelo aku ia oe, Ua luku e ia oe, e ka mea i nohoia e na holokai, ke kulanakauhale kaulana i paa maloko o ke kai, oia a me kona poe noho, na mea i hana e weliweli ai ka poe a pau i noho ilaila!
Isaanis waaʼee keetiif akkana jedhanii faarsanii siif booʼu: “‘Yaa magaalaa beekamtuu, kan namoota galaanaatiin guutamte ati akkamitti barbadoofte! Ati lammiiwwan kee wajjin galaana irratti irree jabeettii turte; warra achi jiraatan hundas sodaa keetiin guutte.
18 Ano hoi e haalulu na mokupuni i kou la e hiolo ai; oia, e weliweli na moku iloko o ke kai i kou lilo ana aku.
Gaafa ati jigdutti, biyyoonni qarqara galaanaa ni hollatu; jigaatii keetiinis biyyoonni bishaan gidduu kanneen galaanaan marfaman akka malee sodaatan.’
19 No ka mea, ke i inai nei Iehova ka Haku, penei; Aia hoolilo au ia oe i neoneo, e like me na kulanakauhale i noho ole ia, i ko'u hoopii ana'e i ka hohonu maluna ou, a e uhi ae na wai nui maluna ou;
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu ani akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee magaalaa onte si taasisutti, yommuu ani tujuba sirra garagalchee bishaan guddaadhaan si haguugutti,
20 I ko'u hooiho ana ia oe ilalo me ka poe e iho i ka lua, me na kanaka o ka wa kahiko, a e hoonoho ia oe ma kahi haahaa o ka honua, ma na wahi neoneo kahiko no, me ka poe i iho ilalo i ka lua, i ole oe e nohoia; a e hoonoho aku au i ka nani ma ka aina o ka poe e ola ana.
ani gara namoota duriitti, warra boolla buʼan wajjin boolla sin buusa. Ani akkuma diigama duriitti, warra boolla buʼan wajjin akka ati lafa jala jiraattu sin godha; atis lammata hin deebitu yookaan biyya warra lubbuun jiranii keessatti iddoo hin argattu.
21 E hoolilo au ia oe i mea e weliweli ai, a, e ole aku no oe: a ina e imiia'ku oe, aole loa oe e loaa hou, a mau loa aku, wahi a Iehova ka Haku.
Anis dhuma kee suukaneessaa nan godha; atis siʼachi hin jiraattu. Ati ni barbaadamta; garuu siʼachi hin argamtu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< Ezekiela 26 >