< Pukaana 19 >

1 A I ke kolu o ka malama o ka puka ana mai o na mamo a Iseraela mai loko mai o Aigupita, ia la no, hiki mai la lakou i ka waonakele o Sinai.
Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan.
2 A hele mai la lakou, mai Repidima mai, a hiki ma ka waonahele o Sinai, a hoomoana iho la lakou ma ka waonahele; malaila ka Iseraela i hoomoana ai ma kahi e pili ana i ka mauna.
Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan.
3 Pii aku la o Mose i ke Akua, a hea mai la o Iehova ia ia mai ka mauna mai, me ka i ana mai, Penei oe e olelo aku ai i na pua a Iakoba, a e hai aku i na mamo a Iseraela;
Museenis gara Waaqaatti ol baʼe; Waaqayyos tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; “Ati mana Yaaqoobiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi:
4 Ua ike no oukou i na mea a'u i hana'i i ko Aigupita, i ko'u kaikai ana ia oukou ma na eheu o ka aeto, a lawe mai ia oukou io'u nei.
‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu.
5 A ina hoolohe io mai oukou i ko'u leo, a malama hoi i ko'u berita, alaila e lilo auanei oukou i waiwai no'u, mamua o na kanaka a pau; no ka mea, no'u no ka honua nei a pau:
Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,
6 E lilo no hoi oukou i aupuni kahuna pule no'u, a he lahuikanaka laa. Oia hoi na olelo au e hai aku ai i na mamo a Iseraela.
isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.”
7 Hele ae la o Mose, a hea aku la i na lunakahiko o kanaka, a hoonoho iho la imua o lakou i keia mau olelo a pau a Iehova i kauoha mai ai ia ia.
Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf Waaqayyo isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse.
8 Olelo pu mai la na kanaka a pau, i mai la, O na mea a pau a Iehova i olelo mai ai, e hana makou ia mea. Hai aku la o Mose i na olelo a kanaka ia Iehova.
Jarri hundinuus afaan tokkoon, “Nu waan Waaqayyo jedhe hundumaa ni goona” jedhanii deebisan; Museen immoo waan jarri jedhan deebisee Waaqayyotti fide.
9 Olelo mai la o Iehova ia Mose, Aia hoi, e hele mai ana au i ou nei maloko o ke ao panopano, i lohe na kanaka i ka'u kamailio ana me oe, a e manaoio mau loa mai ia oe. A hai aku la o Mose i na olelo a kanaka ia Iehova.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa.” Ergasiis Museen waan sabni sun jedhe Waaqayyotti hime.
10 Olelo mai la o Iehova ia Mose, E hele oe i kanaka, e hoolaa ia lakou i keia la, a apopo; e holoi hoi lakou i ko lakou kapa.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii
11 E hoomakaukau, no ke kolu o ka la, no ka mea, i ke kolu o ka la, e iho mai ai o Iehova, imua o na maka o kanaka a pau, ma ka mauna o Sinai.
guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii.
12 A e kau iho oe i pale, no na kanaka a puni, a e i aku hoi, E malama oukou ia oukou iho, i ko oukou pii ana i ka mauna, a me ka pa ana i kona kihi: o ka mea e pa i ka mauna, he oiaio no e make ia.
Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu.
13 Mai hoopa aku kekahi lima ia mea, no ka mea, he oiaio no, e hailukuia oia, a houia; ina he holoholona, a he kanaka, aole ia e ola: a i kani loihi ka pu, alaila e hele mai lakou i ka mauna.
Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu.”
14 Iho iho la o Mose ilalo, mai ka mauna iho i kanaka; hoolaa iho la i kanaka; a holoi iho la lakou i ko lakou kapa.
Museen tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan.
15 I aku la ia i kanaka, E hoomakaukau oukou, no ke kolu o ka la; mai komo ae i na wahine.
Innis saba sanaan, “Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa” jedhe.
16 A i ke kakahiaka o ke kolu o ka la, he hekili. a he uila, a he ao polohiwa ma ka mauna, a he leo no ka pu e kani ikaika loa ana; haalulu iho la na kanaka a pau ma. ko lakou wihi i hoomoana ai.
Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan.
17 Kai mai la o Mose i kanaka mawaho o kahi a lakou e hoomoana ai, e halawai me ke Akua; a ku iho la lakou ma kahi malalo iho o ka mauna.
Museenis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Waaqaatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan.
18 Ma ka mauna a pau i Sinai, he uwahi, no ka mea, ua iho mai o Iehova maluna ona maloko o ke ahi: a punohu aku la kona uwahi, me he uwahi umu hao la, haalulu nui iho la ka mauna a pau.
Tulluun Siinaa hundis sababii Waaqayyo ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame;
19 A i ke kani loihi loa ana o ka pu, a ikaika nui ae la, olelo aku la o Mose, a pane mai la ka leo o ke Akua ia ia.
sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Museenis ni dubbate; sagaleen Waaqaas deebii kenneef.
20 Iho mai la o Iehova maluna o ka mauna o Sinai, ma ke poo o ka mauna, a hea mai la o Iehova ia Mose e pii aku i ke poo o ka mauna; a pii aku la o Mose.
Waaqayyo fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Musee gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Museenis ol baʼe;
21 I mai la o Iehova ia Mose, E iho oe ilalo, e kauoha aku i kanaka, o hemo mai lakou io Iehova nei, e nana, a haule lakou he nui loa.
Waaqayyo immoo akkana isaan jedhe; “Akka isaan Waaqayyo ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi.
22 A e huikala hoi na kahuna ia lakou iho, o ka poe e hookokoke ana ia Iehova, o poha aku o Iehova io lakou la.
Akka Waaqayyo isaan hin balleessineef luboonni Waaqayyotti dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.”
23 I aku la o Mose ia Iehova, Aole e hiki na kanaka ke pii mai i ka mauna nei i Sinai: no ka mea, ua kauoha mai oe ia makou, ua i mai, E kau iho i pale a puni ka mauna, a e hookapu ia mea.
Museen immoo Waaqayyoon, “Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe.
24 I mai la o Iehova ia ia, O hele, e iho oe ilalo, a e pii hou mai oe, o oe, a me Aarona pu; aka, o na kahuna a me kanaka, mai hemo mai lakou, e pii mai io Iehova nei, o poha aku ia maluna o lakou.
Waaqayyos, “Gadi buʼiitii Aroonin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara Waaqayyootti ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa” jedhee deebise.
25 Iho mai la o Mose ilalo i kanaka, a olelo aku la ia lakou.
Museenis gad buʼee waan kana uummatatti hime.

< Pukaana 19 >