< Esetera 1 >

1 I KE kau ia Ahasuero, (o Ahasuero ia i alii ai maluna o na aina hookahi haneri me ka iwakaluakumamahiku, mai Inia mai a Aitiopia: )
Wanni bara mootummaa Ahashweroos keessa taʼe kanaa dha: Ahashweroos kun Hindiidhaa jalqabee hamma Itoophiyaatti kutaalee biyyaa 127 bulchaa ture;
2 Ia manawa, i ka wa e noho ana o Ahasuero ke alii maluna o ka nohoalii o kona aupuni, aia ma Susana ka pakaua;
yeroo sanatti Ahashweroos Mootichi, Suusaa magaalaa guddoo sana keessa teessoo mootummaa isaa irra taaʼee bulchaa ture;
3 I ke kolu o ka makahiki o kona nohoalii ana, hana iho la ia i ahaaina na kona poe alii a pau, a me kana poe kauwa; a aia hoi imua ona ka poe koa o Peresia a me Media, o na kaukaualii hoi, a me na'lii o na aina:
innis bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti namoota isaa bebeekamoo fi qondaaltota isaa hundumaaf cidha guddaa tokko qopheesse. Hooggantoonni waraana Faaresii fi Meedee, ilmaan moototaa fi namoonni bebeekamoon kutaa biyyaa achi turan.
4 A hoike oia i ka waiwai nani o kona aupuni, a me ka hanohauo o kona maikai nui, no na la he nui loa, hookahi haneri a me kanawalu mau la.
Innis bultii 180 guutuu qabeenya mootummaa isaa guddaa, miidhagummaa fi ulfina jabina isaa gad baasee argisiisaa ture.
5 A hala ia mau la, alaila, hana iho la ke alii i ahaaina, i ehiku la, ma ke kahua pakaua o ka hale o ke alii, no na mea a pau i loaa ma Susana ka pakaua, no na mea koikoi a me na makaainana.
Yeroo guyyoonni kunneen darbanitti mootichi saba gamoo Suusaa keessa jiraatu xinnaa fi guddaa hundaaf oobdii iddoo biqiltuu masaraa mootii keessatti cidha guyyaa torba turu qopheesse.
6 O na paku hoi, he lole huluhulu keokeo, a he olona keokeo, a me ka poni, ua paa i na kaula huluhulu keokeo, maikai, a me ka ulaula, i nakiia iloko o na komo dala, ma na kia pohaku keokeo. O na noho hilinai, he gula ia a me ke kala maluna o ke kahua pohaku omaomao, a keokeo, i hoonoho pu ia me na momi a me ka ea.
Iddoon biqiltuu sunis golgaa quncee talbaa irraa hojjetame adii fi cuquliisa, kirrii adii fi diimaa dhiilgeedhaan qubeelaa meetii kan utubaawwan dhagaa akka cabbiitti hidhame tokko qaba ture. Sireewwan dinkiin kanneen warqee fi meetii irraa hojjetamanis lafa dhagaa diimaadhaan, dhagaa akka cabbiitiin, lula bifa adda addaa qabuu fi dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan miidhagfamee hafame irra ture.
7 Haawi lakou i ka mea inu maloko o na kiaha gula, a ua like ole kekahi kiaha me kekahi kiaha, a ua nui ka waina maikai, e like me ka aoao mau o ke alii.
Dhugaatiinis xoofoo warqeetiin namaaf dhiʼeeffame. Tokkoon tokkoon xoofoo sanaas gosa adda addaa ture; daadhiin wayiniis akkuma arjummaa mootichaatti akka malee baayʼee ture.
8 Mamuli o ke kanawai ka inu ana, aole mea nana i koi aku; no ka mea, pela ke kauoha a ke alii i na luna a pau o kona hale, e hana kela kanaka keia kanaka e like me kona manao iho.
Akka tokkoon tokkoon keessummaa akkuma fedhetti dhuguuf mootichi eeyyamee ture; akka tokkoo tokkoo namaatiif waan inni barbaade dhiʼeessaniifis mootichi warra daadhii wayinii dhiʼeessan hunda ajajee tureetii.
9 O Vaseti, ke alii wahine kekahi, hana iho la oia i ahaaina na na wahine ma ka halealii o ke alii o Ahasuero.
Waashtiin Mootittiinis masaraa mootummaa Ahashweroos Mootichaa keessatti dubartootaaf cidha qopheessite.
10 A i ka hiku o ka la, i ka wa i olioli ai ka naau o ke alii i ka waina, olelo ae la ia ia Mehumana, a me Bizeta, a me Harebona, a me Bigeta, a me Abageta, a me Zetara, a me Karekasa, na luna ehiku i hookauwa ma ke alo o ke alii, o Ahasuero,
Guyyaa torbaffaatti Ahashweroos Mootichi yeroo daadhii wayinii dhugee gammadetti xuʼaashiiwwan isa tajaajilan torban jechuunis Mihuumaan, Biztaaʼaa, Harboonaa, Bigtaaʼa, Abaagtaa, Zeetaarinii fi Karkas
11 E lawe mai lakou ia Vaseti, i ke alii wahine imua i ke alo o ke alii, me ka papale alii, e hoike aku i na kanaka a me na'lii, i kona maikai; no ka mea, he helehelena maikai kona.
akka isaan Waashtiin mootittii akka isheen namootaa fi qondaaltotatti barreedina ishee argisiiftuuf gonfoo mootummaa isheetti kaaʼanii fuula isaa duratti dhiʼeessan ajaje; isheen akka malee bareedduu turteetii.
12 Hoole ae la ke alii wahine, o Vaseti, aole e hele ma ka olelo a ke alii, ana i kauoha ae i na luna. Nolaila, ukiuki loa iho la ke alii, a wela iho la kona huhu iloko ona.
Garuu yeroo ergamoonni sun ergaa mootichaa itti himanitti Waashtiin Mootittiin dhufuu didde. Kana irratti mootichi akka malee dheekkamee aariidhaan gubate.
13 Alaila, olelo ae la ke alii i ka poe akamai, i ka poe i ike i na manawa, (no ka mea, pela no ke alii i hana'i imua i ke alo o ka poe a pau i ike i ke kanawai a me ka hooponopono:
Sababii waan seeraatii fi murtii qajeelaa irratti hayyootaan mariʼachuun bartee mootichaa taʼeef inni namoota ogeeyyii waan baraa beekan
14 Eia ka poe i pili ia ia, o Karesena, o Setara, o Ademata, o Taresisa, o Meresa, o Maresena, a me Memukana, ehiku alii o Peresia, a me Media, a ike lakou i ka maka o ke alii, a o lakou na mea noho kiekie maloko o ke aupuni: )
kanneen mootichatti aananiin mariʼate; isaanis Karshenaa, Sheetaar, Adimaataa, Tarshiish, Meres, Marseenaa fi Memuukaa qondaaltota Faaresii fi Meedee torban mootichaan walitti dhiʼeenya qaban kanneen mootummaa sana keessatti iddoo ol aanaa qabanii dha.
15 Mamuli o ke kanawai, pehea la kakou e hana'i i ke alii wahine ia Vaseti, no kona malama ole ana i ka olelo a ke alii, a Ahasuero, ma ka lima o na luna?
Innis, “Akka seeraatti wanti nu Waashtiin mootittii gochuu qabnu maali? Isheen ajaja Ahashweroos Mootichaa kan xuʼaashiiwwan isheetti geessan sanaaf hin ajajamneetii” jedhee isaan gaafate.
16 Alaila, olelo aku la o Memukana imua i ke alo o ke alii, a me na'lii, Ua hana hewa o Vaseti ke alii wahine, aole i ke alii wale no, aka, i na'lii a pau, a me na kanaka a pau e noho ana ma na aina a pau o Ke alii o Ahasuero.
Memuukaan akkana jedhee fuula mootichaatii fi fuula namoota bebeekamoo duratti deebii kenne; “Waashtiin mootittiin Mooticha qofatti utuu hin taʼin qondaaltota hundattii fi namoota kutaalee biyyaa Ahashweroos Mootichaa hundatti balleessaa hojjette.
17 No ka mea, e kaulana aku no ia hana a ke alii wahine, i na wahine a pau, nolaila, e hoowahawahaia'i ka lakou poe kane e lakou, i ka wa e kaulana'i ke kanoha ana a ke alii a Ahasuero e laweia mai imua ona o Vaseti ke alii wahine, aole ia i hele mai.
Wanni mootittiin goote kun dubartii hunda biratti beekamee isaan, ‘Ahashweroos Mootichi akka Waashtiin Mootittiin fuula isaa duratti dhiʼeeffamtu ajajee ture; isheen garuu dhaquu didde’ jedhanii dhirsoota isaanii tuffatuutii.
18 A i keia la, o na'lii wahine a pau o Peresia, a me Media, ka poe i lohe i ka nana a ke alii wahine, e olelo no lakou pela i na kuhina o ke alii. Pela e nui loa ai auanei ka hoowahawaha ana, a me ka ukiuki.
Guyyuma harʼaa kana iyyuu dubartoonni Faaresii fi Meedee bebeekamoon warri gocha mootittii kana dhagaʼan qondaaltota mootichaa hundaaf waanuma akkasii deebisu. Tuffii fi lola dhuma hin qabnetu uumama.
19 Ina he maikai i ko ke alii manao, e hoolahaia'ku no kekahi olelo no ke aupuni, a e kakauia no hoi ia ma na kanawai o Peresia a me Media, i haule ole ia, aole loa e hele hou mai o Vaseti imua i ke alo o ke alii, o Ahasuero; a e haawi aku hoi ke alii i ko Vaseti waiwai alii na kekahi i oi aku ka pono mamua o kona.
“Kanaafuu yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Waashtiin lammata fuula Ahashweroos Mootichaa duratti hin dhiʼeeffamneef inni labsii mootummaa haa labsu; labsiin sunis seera Faaresii fi Meedee kan diigamuu hin dandeenye sana keessatti haa barreeffamu. Mootichi amma illee sadarkaa ulfinaa kan isheen mootummaa keessatti qabdu dubartii biraa kan ishee caaltuuf haa kennu.
20 Aia hoolahaia ke kanawai a ke alii e hana'i, ma kona aupuni a pau, (no ka mea he nui ia, ) alaila e hoomaikai no na wahine i ka lakou poe kane i na mea nui a me na mea uuku.
Yoos yommuu labsiin mootichaa guutummaa mootummaa isaa keessatti labsamutti dubartoonni hundinuu xinnoo fi guddoon dhirsoota isaaniitiif ulfina kennu.”
21 Ua maikai keia olelo i ka manao o ke alii, a me na kuhina, a hana iho la ke alii e like me ka olelo a Memukana.
Mootichii fi qondaaltonni isaa gorsa kanatti ni gammadan; kanaafuu mootichi yaada Memuukaan dhiʼeesse sana hojii irra oolche.
22 A hoouna ae la ia i na palapala i na mokuna a pau o ke alii, i kela mokuna i keia mokuna, e like me ka mea i palapalaia, a i kela lahuikanaka i keia lahuikanaka, e like me ka lakou olelo iho, e noho haku no kela kanaka keia kanaka ma kona hale iho; a hoolahaia'ku la keia ma ka olelo o na lahuikanakaa pau.
Innis biyyoota mootummaa hundatti, tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiif qubeedhuma isaaniitiin, akkasumas tokkoo tokkoo sabaatiif afaanuma isaaniitiin xalayoota ergee akka dhiirri hundi bulchaa mana ofii isaa taʼu afaan gosa hundaatiin labse.

< Esetera 1 >