< Kekahuna 8 >

1 O WAI ka mea i like me ka mea naauao? Owai ka mea i ike i ka hoakaka ana i ka olelo? Ka naanao o ke kanaka, oia ka mea e oluolu ai kona maka, a ua hala kona maka haaheo.
Kan akka nama ogeessaa eenyu? Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka? Ogummaan fuula namaa ibsa; nyaara guurames ni hiika.
2 Ke ao aku nei au ia oe, e malama i ke kanawai o ke alii, no ka hoohiki ana i ke Akua.
Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi.
3 Mai wikiwiki oe i kou hele ana mai kona alo aku: mai kupaa oe ma ka mea ino; no ka mea, ke hana la ia i na mea a pau loa ana i makemake ai.
Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii.
4 Ma ka olelo a ke alii, aia no ka mana; a owai la ka mea e hiki ke olelo aku ia ia, Heaha kau i hana'i?
Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
5 O ka mea malama i ke kanawai, aole ia e ike i ka mea ino; a o ka naau o ka mea akamai, ua ike ia i ka manawa a me ka hoopono.
Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu; qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka.
6 No ka mea, aia no i na mea a pau he wa no, a me ka hoopono; a ua nui ke kaumaha maluna o ke kanaka.
Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii.
7 No ka mea. aole ia i ike i ka mea e hiki mai ana; a o ka wa e hiki mai ai, owai la ka mea e hiki ke hai aku ia ia?
Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef, eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa?
8 Aohe kanaka e hiki ke malama i ka hanu a paa ia, aohe mea ikaika i ka la e make ai; aole hoi i hookuuia kekahi mai keia kaua aku; aole nae e hoopakele ka hewa i ka poe hewa.
Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.
9 Ua ike au i keia mau mea a pau, a halalo kuu naau i na hana a pau i hanaia malalo iho o ka la, aia i kekahi wa no e alii ai kekahi kanaka maluna o kekahi i mea e poino ai oia iho.
Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira.
10 A pela no, ua ike au i ke kanuia o ka poe hewa, ua hele lakou iloko o kahi hemolele, a hoi mai, a ua poina lakou ma ke kulanakauhale, kahi a lakou i hana'i pela. He mea lapuwale keia.
Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.
11 No ka hooko koke ole ia mai o ka olelo hoahewa i ka hana ino; no ia mea, ua paa loa ka naau o na keiki a kanaka e hana hewa.
Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama.
12 Ina e hana ino ka mea hewa, pahaneri ka hana ana, a ua hooloihiia kona mau la, ua ike no au, ua pomaikai ka poe makau i ke Akua, ka poe makau imua ona.
Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka.
13 Aole e pomaikai ka mea hewa, aole nae ia e hooloihi i kona mau la, no ka mea, me he aka la ka mea i makau ole imua i ke alo o ke Akua.
Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.
14 Eia kekahi mea lapuwale i hanaia ma ka honua; aia no kekahi poe pono, a ua ili wale ia lakou e like me ka hana a ka poe hewa, a aia hoi ka poe hewa, ua ili wale ia lakou e like me ka hana a ka poe pono. I iho la au, he mea lapuwale keia.
Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha.
15 Alaila, mahalo iho la au i ka olioli, no ka mea, aohe mea maikai i ke kanaka malalo iho o ka la i oi aku i ka ai ana, i ka inu, a me ka olioli; he mea mau keia ia ia no kana haua, i na la o kona ola ana a ke Akua i haawi mai ai ia ia malalo iho o ka la.
Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.
16 Alaila, haawi ae la au i ko'u naau e ike i ka naauao, a e ike hoi i ka mea i hanaia ma ka honua; no ka mea, aia no kekahi mea i pili ole ai kona mau maka i ka hiamoe i ka po a me ke ao:
Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti,
17 A ike iho la au i na hana a pau a ke Akua, no ka mea, aole hiki i ke kanaka ke hoomaopopo i na hana i hanaia malalo iho o ka la; oiaio hoi, ina e hooikaika ke kanaka e imi, aole nae i maopopo, ina e olelo ka mea naauao e ike ia, aole nae e hiki ia ia ke hoomaopopo aku.
waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.

< Kekahuna 8 >