< Kekahuna 3 >
1 A IA he manawa no na mea a pau, a he wa hoi no na hana a pau, malalo iho o ka lani.
Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
2 He wa e hanau ai, A he wa hoi e make ai; He wa e kanu ai, A he wa hoi e uhuki ai i ka mea i kanuia;
Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba; dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba;
3 He wa e pepehi ai, A he wa hoi e hoola ai; He wa e wawahi ai, A he wa hoi e kukulu iho ai;
ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba; diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba;
4 He wa e uwe ai, A he wa hoi e akaaka ai; He wa e kanikau ai, A he wa hoi e haa ai;
booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba; gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba;
5 He wa e hoolei aku ai i na pohaku, A he wa hoi e hoiliili ai i na pohaku; He wa e apo ai, A he wa e apo ole ai.
dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba; hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba;
6 He wa e imi ai, A he wa hoi e lilo aku ai; He wa e malama'i, A he wa hoi e hoolei wale aku ai.
barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba; kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba;
7 He wa e haehae aku ai, A he wa hoi e humuhumu iho ai; He wa e hamau ai, A he wa hoi e olelo ai.
tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba; calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba;
8 He wa e aloha aku ai, A he wa hoi e inaina aku ai; He wa kaua, A he wa maluhia.
jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba; loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba.
9 Heaha ka uku a ka mea hana i ka mea ana i hana'i?
Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata?
10 Ua ike au i ka hana a ke Akua i haawi mai ai i na keiki a kanaka e hana'i.
Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera.
11 Ua hana mai la oia i na mea a pau he maikai i kona manawa; a hookomo no hoi oia i ko ke ao nei iloko o ko lakou mau naau, i ike ole ke kanaka i ka hana a ke Akua i hana'i, mai ka mua a hiki i ka hope.
Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
12 Ua ike au, aohe mea maikai iloko o ia mau mea, ke ole e hauoli [ke kanaka, ] a e hana maikai i kona ola ana.
Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka.
13 A o kela kanaka keia kanaka e ai, a e inu hoi, a e ike i ka maikai o kana hana a pau, oia ka haawina a ke Akua.
Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti.
14 Ua ike au, o na mea a pau a ke Akua i hana'i, e mau loa no ia, aole e hiki i kekahi ke hoonui, aole e hiki i kekahi he hooemi; a na ke Akua no i hana mai i makau lakou imua ona.
Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
15 O ka mea mamua, oia ka mea e noho nei, a o ka mea e hiki mai ana, oia na mea mamua aku; a imi mai ke Akua i ke ano o na mea i hala aku nei.
Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera; wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture; Waaqni waan darbes deebisee fida.
16 A ike aku la au malalo iho o ka la i kahi e ahaolelo ai, a malaila no ka hewa; a i kahi o ka pono, a malaila hoi ka hana ino.
Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis: Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture; iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture.
17 I iho la au iloko o ko'u naau, e hookolokolo ana ke Akua i ka poe pono, a me ka poe hewa; no ka mea, oia ka wa no na mea a pau a me na hana a pau.
Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade; “Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida; wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.”
18 I iho la au iloko o ko'u naau no na keiki a kanaka, i hoao ke Akua ia lakou i ike lakou ia lakou iho, he poe holoholona.
Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora.
19 No ka mea, o ka mea e hiki mai i na keiki a kanaka, e hiki mai no ia i na holoholona, hookahi mea ia lakou; e like me ka make ana o kela, pela no ka make ana o keia, hookahi hanu ia lakou a pau; aohe mea o ke kanaka i oi aku mamua o ka holoholona; no ka mea, ua pau na mea i ka lapuwale.
Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu.
20 Ua hele lakou a pau i kahi hookahi; no ka lepo mai lakou a pau, a e hoi hou aku ana lakou i ka lepo.
Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu.
21 Owai ka mea ike i ke ea o na keiki a kanaka, ka mea i pii iluna, a me ke ea o na holoholona ka mea i iho ilalo i ka honua?
Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”
22 No ia mea, ike iho la au, aohe mea maikai e ae i ke kanaka, o ka hauoli wale no i kana hana ana; no ka mea, oia kona haawina. A owai ka mea e hoike ia ia i ka mea e hiki mai ana mahope ona?
Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?