< Kanawailua 10 >
1 I KELA manawa, olelo mai o Iehova ia'u, E kalai oe nou i elua papapohaku e like me na mea mamua, a e pii mai io'u nei ma ka mauna, a e hana oe nou i pahu laau.
Yeroo sanas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu.
2 A e kahakaha iho au maluna o na papa i na huaolelo i kakauia'i ma na papa mamua i naha ia oe, a e waiho oe ia mau mea iloko o ka pahu.
Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.”
3 A hana aku la au i pahu laau sitima, a kalai iho la au i na papapohaku elua, e like me na mea mamua, a pii aku la i ka mauna me na papa elua ma kuu lima.
Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe.
4 A kahakaha iho la ia maluna o na papa, e like me ke kahakaha ana mamua, i na kauoha he umi, a Iehova i olelo mai ai ia oukou ma ka mauna mailoko mai o ke ahi, i ka la o ka houluulu ana: a haawi mai o Iehova ia mau mea ia'u.
Waaqayyo guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Waaqayyos gabateewwan kanneen natti kenne.
5 A huli ae la au, a iho iho la ilalo mai ka mauna mai, a waiho iho la au i na papa maloko o ka pahu a'u i hana i, aia no ilaila oia mau mea, e like me ka Iehova i kauoha mai ai ia'u.
Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Waaqayyo na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.
6 A hele aku la na mamo a Iseraela mai Beerota o Bene-iaakana a Mosera: malaila i make ai o Aarona, a malaila i kanuia'i oia; a lilo iho la o Eleazara kana keiki i kahuna, i mea pani i kona hakahaka.
Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe.
7 Hele aku la lakou mailaila aku a Gudegoda: a mai Gudegoda a Iotebata, he aina o na kahawai.
Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban.
8 I kela manawa hookaawale ae la o Iehova i ka ohana a Levi, e halihali i ka pahuberita o Iehova, e ku imua o Iehova o lawelawe nana, a e hoomaikai aku ma kona inoa, a hiki i keia la.
Yeroo sanatti Waaqayyo gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Waaqayyoo baatuuf, akka fuula Waaqayyoo dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase.
9 No ia mea, aole ho kuleana o ka Levi, aohe aina hooili pu me kona poe hoahanau; o Iehova, oia kona mea hooili e like me ka Iehova kou Akua i olelo mai ai ia ia.
Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Waaqayyo Waaqni kee isaanitti himetti, Waaqayyo dhaala isaanii ti.
10 A noho iho la au ma ka mauna o like me ka manawa mamua, hookahi kanaha ao, a hookahi kanaha po; a hoolohe mai o Iehova ia'u i kela manawa, aole i luku mai o Iehova ia oe.
Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Waaqayyo ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu.
11 Olelo mai la o Iehova ia'u, E ku ae oe, a hele aku imua o na kanaka, i komo ai lakou, a lilo ia lakou ka aina a'u i hoohiki ai i ko lakou mau kupuna e haawi ia lakou.
Waaqayyos, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe.
12 Ano hoi, e ka Iseraela, heaha la ka mea a Iehova kou Akua i kauoha mai ai ia oe, aole anei o ka makau ia Iehova kou Akua, o ka hele ma kona mau aoao, a o ke aloha ia ia, a o ka hookauwa na Iehova na kou Akua me kou naau a pau, a me kou uhane a pau,
Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,
13 O ka malama i na kauoha a Iehova, a me kona mau kanawai a'u e kauoha aku nei ia oe i keia la no kou pono?
akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
14 Aia hoi, no Iehova kou Akua ka lani, a me ka lani o na lani, a me ka honua, a me ka mea a pau iloko.
Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Waaqayyo Waaqa keetii ti.
15 No ka makemake wale o Iehova i kou mau kupuna e aloha aku ia lakou, i wae mai ai ia i ka lakou poe mamo mahope o lakou, oia hoi ia oukou, mamua o na kanaka a pau, e like me ia i keia la.
Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Waaqayyo jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate.
16 No ia hoi, e okipoepoe oukou i ka omaka o ko oukou naau, mai hoopaakiki hou aku i ko oukou a-i.
Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa.
17 No ka mea, o Iehova ko oukou Akua, he Akua ia o na akua, a he Haku o na haku, he Akua nui, mana, weliweli, aole ia i manao i na maka, aole hoi i lawe i ke kipe:
Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii.
18 E hoopono aku ana ia no ka poe makua ole, a me na wahinekanemake, a ua aloha hoi ia i ka malihini, a ua haawi ia ia i ka ai a me ka aahu.
Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata.
19 E aloha hoi oukou i ka malihini: no ka mea, he poe malihini oukou ma ka aina o Aigupita.
Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.
20 E makau aku oe in Iehova i kou Akua, e hookauwa oe nana, a e hoopili aku ia ia, a e hoohiki ma kona inoa.
Waaqayyo Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu.
21 Oia no kou hoolea, a oia kou Akua, ka mea i hana mai nou i keia mau mea nui, weliweli a kou mau maka i ike ai.
Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.
22 Hele iho kou poe kupuna ma Aigupita, he kanahiku lakou; ano hoi, ua hoolilo mai o Iehova kou Akua ia oe, a like me na hoku o ka lani ka lehulehu.
Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Waaqayyo Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera.