< II Na Lii 18 >
1 A I ke kolu o ka makahiki o Hosea ke keiki a Ela, ke alii o ka Iseraela, i noho alii ai o Hezekia, ke keiki a Ahaza, ke alii o ka Iuda.
Bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa waggaa sadaffaatti Hisqiyaas ilmi Aahaaz mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2 He iwakaluakumamalima na makahiki ona i kona wa i lilo ai i alii, a he iwakaluakumamaiwa na makahiki ana i alii ai ma Ierusalema. A o Abi ka inoa o kona makuwahine, ke kaikamahine a Zekaria.
Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
3 A hana pono aku la ia imua o Iehova, e like me na mea a pau a Davida kona kupuna i hana'i.
Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
4 A lawe aku la ia i na heiau, wawahi iho la i na kii, a kua aku la i na kii o Aseterota, a ulupa iho la i ka nahesa keleawe a Mose i hana'i: no ka mea, a hiki i keia wa, ua kuni na mamo a Iseraela i ka mea ala ia ia, a kapa aku la kela ia mea, Nehusetana.
Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture.
5 Hilinai iho la ia maluna o Iehova ke Akua o ka Iseraela; a mahope ona, noho alii e like me ia o na'lii a pau o ka Iuda, aole hoi mamua ona.
Hisqiyaas Waaqayyo Waaqa Israaʼel amanate. Mootota Yihuudaa hunda keessaa namni akka isaa tokko iyyuu isa duraan yookaan isa duubaan hin turre.
6 No ka mea, hoopili aku oia ia Iehova, aole ia i haalele i ka hahai ana ia ia, aka, malama no ia i na kauoha a Iehova i kauoha mai ai ia Mose.
Inni jabaatee Waaqayyotti hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera Waaqayyo Museef kenne sanas ni eege.
7 A o Iehova pu kekahi me ia, a ua pomaikai no ia i na wahi a pau ana i hele aku ai: a kipi aku la ia i ke alii o Asuria, aole ia i malama aku ia ia.
Waaqayyos isa wajjin ture; inni waan hojjete hunda keessatti ni milkaaʼe. Inni mootii Asooritti fincile malee isa hin tajaajille.
8 Luku aku la ia i ko Pilisetia, a hiki i Gaza, a me kolaila mau mokuna, mai ka puukaua o ka poe kiai, a hiki i ke kulanakauhale paa i ka papohaku.
Inni gamoo eegumsaatii jalqabee hamma magaalaa dallaa jabaa qabuutti, hamma Gaazaattii fi daangaa isheetti Filisxeemota ni moʼate.
9 A i ka ha o ka makahiki o Hezekia, oia ka hiku o ka makahiki o Hosea, ke keiki a Ela, ke alii o ka Iseraela, hele ku e mai o Salemanesera, ke alii o Asuria, i Samaria, a hoopilikia ia ia.
Waggaa afuraffaa bara Hisqiyaas mootichaa keessa jechuunis waggaa torbaffaa bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa Shalmaneseer mootichi Asoor Samaariyaatti duulee marsee ishee qabate.
10 A pau na makahiki ekolu, hoopio lakou ia ia, i ke ono o ka makahiki o Hezekia, oia ka iwa o ka makahiki o Hosea ke alii o ka Iseraela, ua hoopioia o Samaria.
Dhuma waggaa sadaffaatti Asooronni ishee fudhatan. Akkasiinis Samaariyaan waggaa jaʼaffaa bara mootummaa Hisqiyaas keessa, waggaa saglaffaa bara Hoosheeʼaa mooticha Israaʼel keessa ni fudhatamte.
11 A lawe pio aku la ke alii o Asuria i ka Iseraela, a hoonoho ia lakou ma Hala, a ma Habora ma ka muliwai o Gosana, a ma na kulanakauhale o ko Media.
Mootiin Asooris Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geessee Halaa keessa, Goozaan keessa, Laga Haaboor biraa fi magaalaawwan Midiyaan keessa ni qubachiise.
12 No ka mea, aole lakou i hoolohe i ka leo o Iehova ko lakou Akua, a ua hai ia lakou kana berita, a me na mea a pau a Mose, ke kauwa a Iehova, i kauoha mai ai, aole lakou i malama, aole hoi i hana.
Wanni kun sababii isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif ajajamuu didanii kakuu isaa, ajaja Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kenne hunda cabsaniif isaanitti dhufe. Isaan ajaja sana hin dhaggeeffanne yookaan hojii irra hin oolchine.
13 A i ka umikumamaha o ka makahiki o Hezekia ke alii, hele ku e mai o Senakeriba, ke alii o Asuria, i na kulanakauhale a pau o ka Iuda, i paa i ka papohaku, a hoopio iho la ia lakou.
Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti, Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
14 A hoouna aku la o Hezekia, ke alii o ka Iuda, i ke alii o Suria ma Lakisa, i aku la, Ua hana hewa au: e hoi oe mai o'u aku la; a o ka mea au e kau mai maluna o'u, na'u no ia e hali. A kau mai ke alii o Asuria maluna o Hezekia, ke alii o ka Iuda, i ekolu haneri talena kala, a i kanakolu talena gula.
Kanaafuu Hisqiyaas mootichi Yihuudaa, “Ani balleessaa hojjedheera. Biyya koo keessaa naa baʼi; ani waan ati na gaafattu kam iyyuu siifin kennaa” jedhee gara Laakkiishitti mooticha Asooritti ergaa ergate. Mootichi Asooris, “Meetii taalaantii dhibba sadii fi warqee taalaantii soddoma naa kenni” jedhee Hisqiyaas mooticha Yihuudaa ni gaafate.
15 Haawi aku la o Hezekia i ke kala a pau i loaa ma ka hale o Iehova, a ma ka waihona kala o ka halo o ke alii.
Kanaafuu Hisqiyaas meetii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessattii fi kan mankuusaa masaraa mootummaa keessatti argamu hunda guuree kenneef.
16 A ia manawa hemo aku la o Hezekia i ke gula ma na pani puka o ka luakini o Iehova, a ma na lapauwila a Hezekia ke alii o ka Iuda i kau ai, a haawi aku la oia ia mau mea i ke alii o Asuria.
Yeroo kanatti Hisqiyaas mootichi Yihuudaa warqee balbalaa fi dhaaba balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti uffisee ture irraa baasee mootii Asooriif kenne.
17 A hoouna mai la ke alii o Asuria ia Taretana, a ia Rabesarisa, a me Rabesake mai Lakisa aku io Hezekia la ke alii, me ka poe kaua nui i Ierusalema. Pii ae la lakou, a hele mai i Ierusalema. A i ko lakou pii ana, hele mai lakou a ku ma ke kahawai o ka loko maluna ma ke ala o ke kihapai o ka mea holoi.
Ergasii Mootichi Asoor ajajaa waraanaa isaa ol aanaa, ajajaa hangafaa fi ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti ni erge. Isaanis Yerusaalem dhufanii boʼoo haroo ol aanuu bira karaa lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu irra dhadhaabatan.
18 A i ko lakou kahea ana'ku i ke alii, hele mai io lakou la o Eliakima, ke keiki a Hilekia, ka luna o ko ka hale, a o Sebena, ke kakauolelo, a me Ioa ke keiki a Asapa ke kakaumooolelo.
Isaan mooticha ni waamsifatan; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan isaanitti gad baʼan.
19 I mai la o Rabesake ia lakou, E olelo aku oukou ano ia Hezekia, Penei ka olelo a ke alii nui, ke alii o Asuria, Heaha keia hilinai au e hilinai nei?
Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
20 Ke i mai nei oe, (aka, he olelo a na lehelehe wale no, ) He ike ko'u, a he ikaika hoi no ke kaua. Ano, ea, maluna owai kau e hilinai nei, i kipi mai ai oe ia'u?
Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
21 Ano hoi, ke hilinai nei oe maluna o ke kookoo o keia ohe pepe, maluna o Aigupita, ka mea a ke kanaka e hilinai, e komo no ia iloko o kona lima, a puka iho la: pela no o Parao i ka poe a pau e hilinai ana maluna ona.
Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
22 A ina e olelo mai oukou ia'u, Ke hilinai nei makou maluna o Iehova ko makou Akua: aole anei oia ka mea, nona na heiau, a nona hoi na kuahu a Hezekia i lawe aku ai, a i olelo aku i ka Iuda, a me ko Ierusalema, Imua o keia kuahu i Ierusalema nei oukou e kulou ai?
Yoo isin, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jettan, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kan Yerusaalem keessaa kana duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
23 Ano hoi, ke noi aku nei au ia oe, e haawi mai i nku panai na kuu haku, na ke alii o Asuria, a e haawi aku au ia oe i elua tausani lio, ina e hiki ia oe ke kau aku i na hoohololio maluna o lakou.
“‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
24 A pehea la oe e hoohuli ae i ka maka o kekahi luna o na kauwa uuku a kuu haku, a hilinai ae maluna o Aigupita no na halekaa, a no na hoohololio?
Ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
25 Ano hoi, ua hele wale mai anei an, aole o Iehova kekahi, e ku e i keia wahi e luku aku ai? O Iehova ka i olelo mai ia'u, E pii ku e oe i keia wahi, a e luku aku ia.
Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee iddoo kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’”
26 Alaila i aku la o Eliakima ke keiki a Hilekia, a o Sebena a me Ioa, ia Rabesake, Ke noi aku nei au, e olelo mai oe i kau mau kauwa ma ka olelo a Suria, no ka mea, ua ike makou ia: a mai olelo mai oe ia makou ma ka Iudaio iloko o na pepeiao o na kanaka maluna o ka papohaku.
Kana irratti Eliiyaaqiim ilma Hilqiyaa, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
27 I mai la o Rabesake ia lakou, Ua hoouna mai anei kuu haku ia'u e olelo aku i keia mau olelo i kou haku, a ia oe wale no? aole anei i na kanaka kekahi e noho ana maluna o ka papohaku, e ai pu ai lakou me oukou i ko lakou lepo iho, a e inu hoi i ko lakou waimimi?
Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
28 A ku ae la o Rabesake, a kahea aku la me ka leo nui, ma ka Iudaio, a olelo aku, i aku la, E hoolohe i ka olelo a ke alii nui, ke alii o Asuria.
Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
29 Ke olelo mai nei ke alii peneia, E malama o hoopunipuniia oukou e Hezekia: no ka mea, aole e hiki ia ia ke hoopakele ia oukou mai kona lima mai.
Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni harka kootii isin baasuu hin dandaʼu.
30 A mai hoolana o Hezekia ia oukou maluna o Iehova, i ka i ana 'ku, He oiaio, na Iehova kakou e hoopakele, aole e hooliloia keia kulanakauhale iloko o ka lima o ke alii o Asuria.
Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
31 Mai hoolohe oukou ia Hezekia: no ka mea, ke olelo mai nei ke alii o Asuria peneia, E hana oukou i haawina na'u, a e hele mai oukou iwaho io'u nei, alaila e ai oukou, o kela kanaka keia kanaka i kona huawaina iho, a o kela kanaka keia kanaka i kona huafiku iho, a e inu oukou, o kela kanaka keia kanaka i ka wai o kana lua iho;
“Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin walii galtee nagaa dhaabbadhaatii natti gad baʼaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
32 A hiki mai au, a e lawe aku ia oukou i ka aina e like me ko oukou aina, he aina palaoa, a me ka waina, he aina berena, a me na pawaina, he aina aila oliva, a me ka meli, i ola oukou, aole hoi e make: a mai hoolohe oukou ia Hezekia, no ka mea, ke hoowalewale mai nei ia ia oukou, i ka i ana mai, Na Iehova kakou e hoopakele.
kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, gara biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti, gara biyya muka ejersaatii fi dammaatti isin geessutti taʼa. Isin jireenya filadhaa malee duʼa hin filatinaa! “Waan inni, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin dogoggorsuuf Hisqiyaasin hin dhagaʼinaa.
33 Ua hoopakele iki anei kekahi o na akua o na lahuikanaka e i kona aina mai ka lima mai o ke alii o Asuria?
Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
34 Auhea na akua o Hamata, a o Arepada? auhea na akua o Separevaima, o Hena, a me Iva? Ua hoopakele anei lakou ia Samaria mai ko'u lima aku?
Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim, waaqonni Heenaatii fi Iwaa eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
35 Owai la ka mea o na akua a pau o na aina, nana i hoopakele ko lakou aina mai kuu lima aku, i hoopakele mai ai o Iehova ia Ierusalema mai kuu lima aku?
Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu harka koo keessaa biyya isaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
36 Aka, noho malie iho la na kanaka aole lakou i pane leo iki aku ia ia: no ka mea, oia ke kauoha a ke alii, i ka i ana ae, Mai olelo aku ia ia.
Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
37 Alaila hele mai o Eliakima, ke keiki a Hilekia, ka luna o ko ka hale, a o Sebena ke kakanolelo, a o Ioa ke keiki a Asapa ke kakaumooolelo, ia Hezekia, me na aahu i haehaeia, a hai mai ia ia i na olelo a Rabesake.
Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.