< II Oihanaalii 22 >
1 HOOALII iho la ko Ierusalema ia Ahazia i kana keiki pokii, mahope ona; no ka mea, o ka poe koa, ka poe i hele pu me ko Arabia i kahi hoomoana'i, ua pepehi lakou i kana poe keiki mua a pau. Pela i noho alii ai o Ahazia ke keiki a Iehorama a ke alii o ka Iuda.
Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.
2 Hookahi kanaha makahiki a me kumamalua ko Ahazia i kona lilo ana i alii, a noho alii iho la ia i hookahi makahiki ma Ierusalema: a o ka inoa o kona makuwahine o Atalia ko kaikamahine a Omeri.
Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.
3 A hele no hoi oia ma na aoao o ko ka hale o Ahaba; no ka mea, o kona makuwahine, ua oleloao mai la oia ia ia e hana hewa.
Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe.
4 A hana ino iho la oia imua o Iehova, e like me ko ka hale o Ahaba; no ka mea, o lakou ka i oleloao mai ia ia mahope o ka make ana o kona makuakane, a malaila oia i make ai.
Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
5 Hele no hoi ia mamoli o ka lakou oleloao, a hele pu oia me Iehorama, ke keiki a Ahaba ke alii o ka Iseraela e kaua aku ia Hazaela i ke alii o Saria, i Ramota-Gileada; a hoeha mai la ko Suria ia Iehorama.
Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
6 A hoi mai ia i Iezereela e lapaauia no na eha ona i hoehaia mai ai ma Rama i kona kaua pu ana me Uazaela, ke alii o Suria: a iho aku la o Azaria ke keiki a Iehorama ke alii o ka Iuda e ike ia Iehorama, ke keiki a Ahaba ma Iezereela, no ka mea, ua mai ia.
kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yehooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
7 No ke Akua mai ka make ana o Ahazia i kona hele ana io Iorama la. A i kona hiki ana'ku, hele pu ra me Iehorama e ku e ia Iehu, ke keiki a Nimesi, ka mea a Iehova i poni ai e luku i ko ka hale o Ahaba.
Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama Waaqayyo akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha.
8 A i ko Iehu luka ana i ko ka hale o Ahaba, ua loaa ia ia na'lii o Iuda, na keiki a na hoahanau o Ahazia, e hookauwa ana na Ahazia, a pepehi aku la oia ia lakou.
Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate.
9 A imi iho la oia ia Ahazia, a hopuia oia, (no ka mea, ua hunaia oia ma Samaria, ) a lawe mai lakou ia ia io Iehu la, a pepehi iho la lakou ia ia, a kanu aku no hoi ia ia; no ka mea, olelo ae la lakou, O ke keiki ia a Iehosapata ka mea i imi ia Iehova me kona naau a pau. Aohe mea i koe o ka hale o Ahazia e hiki ai ke malama i ke aupuni.
Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
10 A ike o Atalia ka makuwahine o Ahazia, ua make kana keiki, ku ae la ia iluna, a luku aku i ka poe keiki alii a pau no ka hale o Iuda.
Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite.
11 Aka, o Iehosabeata ke kaikamahine a ke alii, lawe ae la oia ia Ioasa i ke keiki a Ahazia, aihue iho la ia ia maiwaena aku o ka poe keiki alii e pepehiia ana, a huna ia ia, a me ka mea nana ia i hanai iloko o kahi keena moe; pela i huna iho ai o Iehosabeata ke kaikamahine a ke alii a Iehorama ka wahine a Iehoiada ke kahuna, i ua mea la mai ke alo o Atalia, i ole ia e pepehi mai ia ia, no ka mea, o ke kaikuwahine ia no Ahazia.
Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite.
12 Aia no ia i hunaia'i me ka poe iloko o ka hale o ke Akua i na makahiki eono; a noho alii iho la o Atalia maluna o ka aina.
Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.