< I Samuela 27 >
1 A I iho la o Davida iloko o kona naau, e make auanei au i ka lima o Saula i kekahi la: e aho e holo koke au ma ka aina o ko Pilisetia; alaila aole manao o Saula e imi hou mai ia'u ma na wahi a pau o ka Iseraela: pela e pakele ai au i kona lima.
Daawit garuu akkana jedhee yaade; “Guyyoota kanneen keessaa gaafa tokko ani harka Saaʼoliin nan ajjeefama. Wanni ani gochuu qabu guddaan gara biyya Filisxeemotaatti baqachuu dha. Ergasiis Saaʼol guutummaa biyya Israaʼel keessa na barbaaduu ni dhiisa; anis harka isaa jalaa nan baʼa.”
2 Ku ae la o Davida, a hele aku la me na kanaka eono haneri me ia io Akisa la, ke keiki a Maoka, ke alii o Gata.
Kanaafuu Daawit namoota dhibba jaʼaan isa wajjin turan wajjin kaʼee Aakiish mooticha Gaati, ilma Maaʼooki bira dhaqe.
3 A noho iho la o Davida me Akisa ma Gata, oia a me kona poe kanaka, o kela kanaka keia kanaka me kona ohua, o Davida me kana mau wahine, o Ahinoama no Iezereela, a o Abigaila no Karemela, ka wahine a Nabala.
Daawitii fi namoonni isaa Gaati keessa Aakiish bira turan. Tokkoon tokkoon namaas maatii isaa wajjin ture; Daawitis niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam kan lammii Yizriʼeelii fi Abiigayiil lammii Qarmeloos kan niitii Naabaal turte sana wajjin ture.
4 A haiia mai la ia Saula, ua holo o Davida ma Gata: aole ia i imi hou aku ia ia.
Saaʼolis yommuu akka Daawit gara Gaatitti baqate dhagaʼetti isa barbaaduu dhiise.
5 Olelo aku la o Davida ia Akisa, Ina paha i alohaia mai au i kou maka, e haawi mai oe ia'u i wahi ma kekahi kulanakauhale ma ke kula i noho ai au malaila: no ke aha la o noho ai au me oe ma ke kulanakauhale alii?
Daawitis Aakiishiin, “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, akka ani achi jiraadhuuf magaalaawwan biyyattii keessaa magaalaa tokko keessatti iddoon naaf haa kennamu. Garbichi kee maaliif si wajjin magaalaa mootii keessa jiraata?” jedhe.
6 A haawi aku la o Akisa ia Zikelaga nona ia la: no ia mea, lilo aku la o Zikelaga no na'lii o ka Iuda a hiki i keia la.
Akkasiin Aakiish gaafuma sana Siiqlaagin isaaf kenne; magaalattiinis gaafasii jalqabdee kan mootota Yihuudaa taate.
7 A o na la o ko Davida noho ana ma ka aina o ko Pilisetia, hookahi ia makahiki a me na malama keu eha.
Daawitis waggaa tokkoo fi jiʼa afur biyya Filisxeemotaa jiraate.
8 Hele aku la o Davida me kona poe kanaka, a kaua aku la i ko Gesura, a me ko Gerezi, a me ka Amaleka: no ka mea, he poe kamaaina kahiko lakou o ka aina, kahi e hele aku ai i Sura, a hiki loa i ka aina o Aigupita.
Yeroo sanattis Daawitii fi namoonni isaa kaʼanii Geshuurota, Girzootaa fi Amaaleqoota weeraran. Namoonni kunneen bara duriitii jalqabanii biyya Shuuri kan hamma Gibxitti balʼatu keessa jiraachaa turan.
9 A luku aku la o Davida i ka aina, aole i koe kekahi kanaka, aole hoi kekahi wahine e ola ana, a lawe ae la ia i na hipa, a me na bipi, a me na hoki, a me na kamelo, me ka lole, a hoi aku la a hiki io Akisa la.
Daawit yeroo biyya sana lole hunda dhiira yookaan dubartii tokko illee lubbuun hin hambifne; garuu hoolotaa fi loon, harrootaa fi gaalawwan akkasumas uffata fudhatee gara Aakiishitti deebiʼe.
10 I mai la o Akisa, Mahea kahi a oukou i hao ai i keia la? I aku la o Davida, ma ka aoao hema o ka Iuda, a ma ka aoao hema o ka Ierahemeeli, a ma ka aoao hema o ko Keni.
Yeroo Aakiish, “Harʼa eenyun weerartan?” jedhee gaafatetti, Daawit, “Negeeb Yihuudaa” yookaan “Negeeb Yeramiʼeelotaa” yookaan “Negeeb Qeenotaa” jedhe.
11 Aole i hoopakele o Davida i kekahi kanaka, aole hoi i kekahi wahine e ola ana e hele ma Gata e olelo, o hai aku lakou no makou, i ka i ana'e, Pela o Davida i hana'i, a pela hoi kana e hana aku ai i na manawa a pau o kona noho ana ma ka aina o na Pilisetia.
Daawitis, “Waan isaan, ‘Wanni Daawit godhe kana dha’ jedhanii nurratti odeessan” jedhee yaadeef akka dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu Gaatitti geeffamaniif lubbuun hin hambifne. Wanni inni yeroo biyya Filisxeem keessa jiraate hunda hojjetes kanuma ture.
12 Manao aku la o Akisa i ka Davida, ua oiaio, i iho la, Ua hoolilo oia ia ia iho i mea hoowahawaha loa ia e kona poe kanaka, e ka Iseraela, a e lilo ia i kauwa na'u i ka manawa mau loa.
Aakiishis waan, “Inni saba isaa Israaʼel biratti jibbamaa of godheera; kanaafuu bara baraan garbicha koo taʼa” jedhee yaadeef Daawitin ni amane.