< I Na Lii 20 >

1 HOULUULU ae la o Benehadada ke alii o Suria i kona poe kaua a pau: kanakolu kumamalua mau alii me ia, a me na lio a me na kaa: Pii mai la ia a hoopuni ia Samaria, a kaua ae la ia ia.
Yeroo kanatti Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota ofii isaa guutuu walitti qabate. Mootonni soddomii lama kanneen fardeenii fi gaariiwwan qabanis isa wajjin turan. Innis dhaqee Samaariyaa marsee lole.
2 Hoouna ae la oia i na elele io Ahaba la ke alii o ka Iseraela, iloko o ke kulanakauhale;
Innis akkana jedhee gara magaalaa Ahaab mooticha Israaʼelitti ergamoota erge; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha;
3 I ae la, Ke olelo nei o Benehadada, O kau kala, a me kau gula, o ka'u ia, a me kau mau wahine, a me kau mau keiki, o na mea maikai, o ka'u ia.
‘Meetiin keetii fi warqeen kee kanuma koo ti; niitonni keetii fi ijoolleen kee babbareedoonis kanuma koo ti.’”
4 I aku la o ke alii o ka Iseraela, e like me kau olelo, e ke alii ko'u haku, ia oe no wau a me ka'u mau mea a pau.
Mootiin Israaʼel immoo, “Yaa gooftaa koo mooticha, akkuma ati jette sana anii fi wanni ani qabu hundi keetuma” jedhee deebiseef.
5 Hoi hou mai na elele, a i mai la, Penei ka olelo ana a Benehadada, i ka i ana, Ua hoouna aku au iou la, i ka i ana aku, E haawi mai oe i kau kala, a me kau gula, a me kau mau wahine, a me kau mau keiki;
Ergamoonni sun ammas dhufanii akkana jedhaniin; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha; ‘Ani akka ati meetii fi warqee kee, niitotaa fi ijoollee kee naaf kennituuf ergaa sitti ergeera.
6 Aka, e hoouna hou aku au i ka'u mau kauwa iou la i ka la apopo me neia ka hora, a e huli lakou i kou hale, a me na hale o kau mau kauwa; a eia hoi, o ka mea makemakeia imua o kou mau maka, e lalau ko lakou lima, a e lawe mai.
Garuu ani bor yoona masaraa mootummaa keetiitii fi manneen qondaaltota keetii soquuf qondaaltota koo nan erga. Isaanis waan ati jaallattu hunda fudhatanii deemu.’”
7 Alaila hea ae la ke alii o ka Iseraela i na lunakahiko a pau o ka aina, i ae la, Ke noi aku nei au ia oukou, e nana i ko keia kanaka imi ana e kolohe wale mai; no ka mea, ua kii e mai nei oia i ka'u mau wahine, a me ka'u mau keiki, a me ka'u kala, a me ka'u gula, aole hoi au i hoole aku ia ia.
Mootichi Israaʼel immoo maanguddoota biyya sanaa hunda walitti waamee akkana jedheen; “Akka namichi kun rakkina uumuu barbaadu mee isinuu ilaalaa! Yeroo inni niitotaa fi ijoollee koo, meetii fi warqee koo fudhachuuf nama ergetti ani hin dhowwanne.”
8 I aku la na lunakahiko a pau a me na kanaka a pau ia ia, Mai hoolohe aku, aole hoi e ae aku.
Maanguddoonnii fi namoonni hundinuu, “Ati dubbii isaa hin dhagaʼin yookaan waan inni barbaadu tole hin jedhin” jedhaniin.
9 Nolaila i olelo aku ai oia i na elele o Benehadada, E hai aku i kuu haku ke alii, O ka mea a pau au i kii mai ai i kau kauwa nei, i kinohou, oia ka'u e hana'i: aka, o keia mea, aole e hiki ia'u ke hana. A hoi na elele, a lawe hou ae la i ka olelo ia ia.
Kanaafuu inni, “‘Garbichi kee waan ati jalqabatti ajajje hunda ni guuta; ani garuu waan ati amma gaafatte kana gochuu hin dandaʼu’ jedhaatii gooftaa koo mootichatti himaa” jedhee ergamoota Ben-Hadaadiif deebii kenne. Isaanis kaʼanii deebii sana fuudhanii Ben-Hadaaditti geessan.
10 Hoouna hou mai la o Benehadada io na la, i mai la, Pela e hana mai ai na akua ia'u, a e hui hou, ke lawa ka lepo o Samaria e piha ai na lima o ka poe kanaka a pau e hahai ana mamuli o'u.
Ben-Hadaad immoo, “Yoo biyyoon Samaariyaa namoota koo warra na duukaa buʼan konyee tokko tokko illee wal gaʼe, waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jedhee ergaa biraa Ahaabitti erge.
11 Olelo aku la ke alii o ka Iseraela, i aku la, E olelo aku, Mai hookiekie ka mea e hookomo ana i ka mea kaua e like me ka mea e kala ana ia.
Mootiin Israaʼelis, “‘Namni miʼa lolaa hidhachaa jiru tokko akka nama miʼa lolaa of irraa hiikaa jiru tokkootti of jajuu hin qabu’ jedhaatii itti hima” jedhee deebise.
12 Eia kekahi, i kona lohe ana i keia olelo i kona wa e inu ana oia me na alii iloko o na halelewa, i ae la oia i kana poe kauwa, E hoonohonoho. Hoonohonoho ae la lakou e ku e i ke kulanakauhale.
Ben-Hadaadis utuma mootota wajjin dunkaana keessatti waa dhugaa jiruu ergaa kana dhagaʼee, “Isin lolaaf qophaaʼaa” jedhee namoota ofii isaa ajaje. Kanaafuu isaan magaalaa sana dhaʼuuf qophaaʼan.
13 Hiki mai la kekahi kaula ia Ahaba ke alii o ka Iseraela, i ae la oia ia ia, Ke i mai nei o Iehova penei, Ua ike anei oe i keia lehulehu loa? Eia hoi, e haawi aku no au ia lakou iloko o kou lima; a e ike no oe owau no Iehova.
Yeroo kanatti raajiin tokko gara Ahaab mooticha Israaʼel dhufee, “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati loltoota akka malee baayʼatan kana argitaa? Ani harʼa dabarsee harka keetti isaan nan kenna; atis ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta’” jedhe.
14 Ninau aku la o Ahaba, Ma owai la? Hai mai la oia, Ke i mai nei o Iehova, penei, Ma na kanaka ui o na lii o na panalaau. Alaila ninau hou aku la oia, Owai ka mea e hooinakaukau? Hai mai la oia, O oe.
Ahaab garuu, “Eenyutu waan kana hojjeta?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanitu waan kana hojjeta’” jedhee deebiseef. Innis, “Eenyutu lola jalqaba?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Situ jalqaba” jedhee deebiseef.
15 Helu ae la oia i na kanaka ui o na lii o na panalaau, elua haneri me kanakolu kumamalua; a mahope o lakou, helu ae la oia i na kanaka a pau, i na mamo a pau a Iseraela, ehiku tausani.
Kanaafuu Ahaab tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan dhibba lamaa fi soddomii lama walitti waame. Ergasiis Israaʼeloota hafan keessaa walumaa galatti namoota kuma torba walitti qabe.
16 Puka aku la lakou i ke awakea. Aka, e inu ana o Benehadada a ona iloko o na halelewa, oia pu me na lii, he kanakolu kumamalua alii e kokua ana ia ia.
Isaanis utuma Ben-Hadaadii fi mootonni soddomii lama kanneen isa tumsan dunkaana keessatti dhuganii machaaʼaa jiranuu guyyaa saafaadhaan itti qajeelan.
17 Puka mua aku la o na kanaka ui o na lii o na panalaau; hoouna ae la o Benehadada, a hoike aku la lakou ia ia, i aku la, Ke puka mai nei na kanaka mai loko mai o Samaria.
Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanis jalqabatti gad baʼan. Ben-Hadaadis gaaddota ergee ture; isaanis deebiʼanii, “Namoonni muraasni Samaariyaadhaa baʼanii dhufuutti jiru” jedhanii isatti himan.
18 Olelo mai la oia, Ina i puka mai lakou no ka malu, e hopu ia lakou e ola ana; a ina i puka mai lakou no ke kaua, e hopu ia lakou e ola ana.
Inni immoo, “Yoo isaan nagaaf dhufan utuma isaan lubbuun jiranuu isaan qabaa; yoo isaan lolaaf dhufanis akkasuma utuma isaan lubbuun jiranuu qabaa” jedhe.
19 Pela i puka ai mai loko ae o ke kulanakauhale ua poe kanaka ui la o na lii o na panalaau, a me ka poe kana i hahai mamuli o lakou.
Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan sunis loltoota dura buʼanii magaalaa sanaa baʼan;
20 Pepehi ae la lakou pakahi i kona kanaka; a auhee ae la ko Suria, a hahai aku la ka Iseraela ia lakou; pakele aku la o Benehadada, ke alii o Suria maluna o ka lio, a me na hololio.
tokkoon tokkoon isaaniis diina isaanii dhaʼanii ajjeesan. Kana irratti warri Sooriyaa ni baqatan; Israaʼeloonni immoo isaan ariʼan. Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa garuu farda yaabbatee abbootii fardaa wajjin baqatee jalaa baʼe.
21 Puka aku la ke alii o ka Iseraela, a pepehi ae la i na lio a me na kaa, a laku hoi i ko Suria me ka luku nui loa.
Mootiin Israaʼel ittuma fufee abbootii fardaatii fi gaariiwwanii lolee moʼachuudhaan warra Sooriyaa akka malee miidhe.
22 Hele ae la ke kaula i ke alii o ka Iseraela, i ae la ia ia, E hele, e hookupaa ia oe iho, a e noonoo, a e ike i kau mea e hana aku ai; no ka mea, aia puni ka makahiki, e pii ku e hou mai ke alii o Suria ia oe.
Ergasii raajiin sun gara mooticha Israaʼel dhufee, “Of jabeessi; waan gochuu qabdus sirriitti hubadhu; mootiin Sooriyaa bara dhufu keessa deebiʼee si lolaatii” jedhe.
23 Olelo aku la na kauwa a ke alii o Suria ia ia, He mau akua o na puu ko lakou mau akua; nolaila i oi ai ko lakou ikaika mamua o ko kakou. E kaua aku kakou ia lakou ma ka papu, a e oi io aku ko kakou ikaika mamua o ko lakou.
Yeroo kanatti qondaaltonni mootii Sooriyaa akkana jedhanii isa gorsan; “Waaqonni isaanii waaqota gaarranii ti. Sababiin isaan akka malee nutti jabaataniif kana. Nu yoo lafa diriiraa irratti isaan lolle garuu dhugumaan isaan caalaa jabaanna.
24 E hana hoi oe i keia mea, e hookaawale ae i na lii, kela kanaka keia kanaka mai kona wahi ae, a e pani i ko lakou hakahaka me na luna koa.
Ati amma waan kana godhi: Mootota hunda aangoo isaanii irraa ariʼiitii iddoo isaanii ajajjoota kaan buusi.
25 A e helu ae i poe kaua nou, e like me kau poe kaua i haule, he lio no ka lio, he kaa no ke kaa; a e kaua aku kakou ia lakou ma ka papu, a e kela io aku ko kakou ikaika mamua o ko lakou. Hoolohe mai la oia i ko lakou leo, a hana iho la pela.
Akkasumas loltoota akka loltoota kee kanneen dhuman sanaa jechuunis qooda fardaa farda, qooda gaarii immoo gaarii qopheessi. Akkasiin nu dirree irratti Israaʼelin loluu dandeenya; isaan caalaas ni jabaanna.” Innis dubbii isaanii fudhatee akkuma isaan jedhan sana godhe.
26 Eia hoi keia, i ka puni ana o ka makahiki, helu aku la o Benehadada i ko Suria, a pii mai la i Apeka e kaua i ka Iseraela.
Bara itti aanu keessa Ben-Hadaad namoota Sooriyaa walitti qabatee Israaʼelin loluuf Afeeqitti ol baʼe.
27 A ua heluia'e la na mamo a Iseraela, e noho makaukau ana no hoi lakou a pau, a hele ku e aku la ia lakou; a hoomoana iho la o na mamo a Iseraela imua o lakou, e like me na ohana liilii elua o na keiki kao; aka, o ko Suria, ua paapu ka aina ia lakou.
Israaʼeloonnis walitti qabamanii waan nyaatan qabatanii jaratti duulan. Israaʼeloonni akkuma bushaayee karra xixinnaa lamaatti fuullee isaanii qubatan; warri Sooriyaa garuu baadiyyaa keessa guutan.
28 Hele mai la ke kanaka o ke Akua, a olelo mai la i ke alii o ka Iseraela, i mai la, Ke i mai nei o Iehova penei, No ka mea, ke olelo nei lakou, He Akua no na puu o Iehova, aole he Akua ia no na awawa, nolaila e haawi aku ai au i keia poe lehulehu nui iloko o kou lima, a e ike oukou owau no Iehova.
Namni Waaqaa sunis dhufee mootii Israaʼeliin akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Sababii warri Sooriyaa Waaqayyo Waaqa gaarraniiti malee Waaqa sululootaa miti jedhaniif, ani tuuta akka malee guddaa kana hunda dabarsee harka keetti nan kenna; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
29 Hoomoana ae la lakou kekahi i mua o kekahi i na la ehiku. Eia hoi i ka hiku o ka la kaua iho la lakou; pepehi iho la na mamo a Iseraela i ko Suria i hookahi haneri tausani kanaka hele wawae, i ka la hookahi.
Isaanis bultii torbaaf fuullee walii qubatanii, bultii torbaffaatti waraanni jalqabame. Israaʼeloonnis guyyuma tokkotti warra Sooriyaa keessaa loltoota lafoo kuma dhibba tokko ajjeesan.
30 A holo aku la ke koena i Apeka iloko o ke kulanakauhale; a malaila i hiolo ai ka pa maluna o na tausani he iwakalua kumamahiku o na kanaka i koe. Holo aku la hoi o Benehadada, a komo iloko o ke kulanakauhale, iloko o ke keena maloko ae.
Warri hafan kaan magaalaa Afeeqitti baqatanii achittis nama kuma digdamii torba irratti dallaan dhagaa jige. Ben-Hadaad immoo magaalaa sanatti baqatee kutaa mana tokkoo kan gara keessaa keessatti dhokate.
31 I aku la kana mau kauwa ia ia, Eia hoi, ua lohe kakou he poe alii lokomaikai na lii o ka ohana a Iseraela; nolaila, ea, e hookomo i ke kapa eleele, ma ko makou puhaka, a e kau na kaula ma ko makou mau poo, a e puka aku i ke alii o ka Iseraela; e hoola paha auanei oia ia oe.
Qondaaltonni isaas akkana jedhaniin; “Ilaa, nu akka mootonni mana Israaʼel mootota nama maaran taʼan dhageenyeerra. Mee kottaa nu mudhii keenyatti uffata gaddaa hidhannee, mataa keenyatti immoo funyoo marannee mootii Israaʼel bira haa dhaqnu. Inni lubbuu kee ni oolcha taʼaatii.”
32 Kau iho la lakou i ke kapa eleele ma ko lakou mau puhaka, a kau i na kaula maluna o ko lakou mau poo, a hele i ke alii o ka Iseraela, i mai la hoi, Ke i mai nei kau kauwa Benehadada, Ke noi aku nei au ia oe e ola au. I aku la oia, E ola ana anei ia? O ko'u hoahanau no ia.
Kanaafuu isaan mudhii isaaniitti uffata gaddaa hidhatanii, mataa isaaniitti funyoo maratanii mootii Israaʼel bira dhaqanii, “Garbichi kee Ben-Hadaad, ‘Maaloo lubbuu koo naa oolchi’ siin jedha” jedhaniin. Mootichi immoo, “Inni hamma ammaattuu lubbuun jiraa? Inni obboleessa koo ti” jedhee deebise.
33 Haka pono mai la na kanaka i puka mai paha mai loko ona, a hopu koke ae, a olelo mai la lakou, O kou hoahanau Benehadada. Alaila olelo aku la ia, E kii aku oukou, a lawe mai ia ia. Alaila hele mai la o Benehadada io na la, a hooee ae la oia ia ia iloko o ke kaa.
Namoonni sunis waan kana akka mallattoo gaariitti fudhatanii dubbii isaa dafanii qabatanii “Eeyyee, Ben-Hadaad obboleessa kee ti!” jedhan. Mootichis, “Dhaqaatii isa fidaa” jedhe. Yommuu Ben-Hadaad dhufettis Ahaab akka inni ol baʼee gaarii isaa keessa seenu godhe.
34 Olelo ae la o Benehadada ia ia, O na kulanakauhale a ko'u makuakane i kaili ae ai mai kou makuakane ae, oia ka'u e hoihoi aku ai; a e hana oe nou i na alanui ma Damaseko me ko'u makuakane i hana'i ma Samaria. I ae la o Ahaba, Me ia berita e hookuu aku ai au ia oe. Hana iho la oia i berita me ia, a hookuu aku la ia ia.
Ben-Hadaadis akkana jedheen; “Ani magaalaawwan abbaan koo abbaa kee irraa fudhate sana siifin deebisa. Akkuma abbaan koo Samaariyaa keessatti hojjete sana, ati Damaasqoo keessatti lafa gabaa ofii keetii dhaabbachuu dandeessa.” Ahaab immoo, “Ani walii galteedhaan gad si dhiisa” jedheen. Kanaafuu isa wajjin walii galtee godhatee gad isa dhiise.
35 A o kekahi kanaka no na keiki a na kaula i olelo ae la i kona hoalauna, ma ka olelo a Iehova, Ke noi aku nei au e pepehi mai oe ia'u. Aole hoi i pepehi na kanaka la ia ia.
Ilmaan raajotaa keessaa tokko ajaja Waaqayyootiin michuu isaa tokkoon, “Maaloo na dhaʼi” jedhe. Namichi sun garuu isa dhaʼuu dide.
36 Alaila olelo ae la oia ia ia, No kou hoolohe ole ana i ka leo o Iehova, eia hoi, i kou hele ana mai o'u aku nei, e pepehi koke no ka liona ia oe. A hele ae la ia mai ona aku la, a loaa koke iho la i ka liona, a make ia ia i ka pepehiia.
Kanaafuu raajiin sun, “Waan ati dubbii Waaqayyootiif hin ajajamniif akkuma ati na biraa deemtuun leenci si ajjeesa” jedheen. Erga namichi kaʼee deemee booddee leenci dhufee isa argate isa ajjeese.
37 Alaila loaa ia ia kekahi kanaka, olelo aku la oia ia ia, Ke noi aku nei au e pepehi mai oe ia'u: pepehi aku la hoi oia ia ia, a eba ia ia i ka pepehiia.
Raajiin sun nama biraa argee, “Maaloo na dhaʼi” jedheen. Kanaafuu namichi sun dhaʼee isa madeesse.
38 Hele aku la hoi ke kaula, a kali i ke alii ma ke alanui, a hoonalonalo i kona ano me ka lehu maluna o kona wahi maka.
Ergasii raajiin sun ija haguuggatee eenyummaa isaa dhokfatee dhaqee qarqara karaa dhaabatee mooticha eegaa ture.
39 A maalo ae la ke alii, kahea aku la oia i ke alii, i aku la hoi, Hele aku la kau kauwa iwaena konu o ke kaua; aia hoi, kapae ae la kekahi kanaka, a lawe mai i kekahi kanaka io'u nei, i mai la, E malama ia ia nei: ina paha i nalo, alaila e lilo kou ola no kona ola, a i ole ia, e uku oe i hookahi talena kala.
Utuma mootichi karaa sana darbaa jiruu raajiin sun isa waamee akkana jedheen; “Garbichi kee lola walakkaa seenee jennaan namni tokko nama boojiʼame tokko fidee, ‘Namicha kana eegi. Yoo inni bade lubbuun kee qooda lubbuu isaa baafamti yookaan meetii taalaantii tokkoo baafta’ jedhe.
40 A i ko'u lawelawe ana io ia nei, nalo wale ae la ia. Olelo mai la ke alii o ka Iseraela ia ia, Pela ka hooponopono ana nou, nau no ia i hoakaka.
Namichi sunis utuu garbichi kee hojiin qabamee asii fi achi fiigaa jiruu bade.” Mootichi Israaʼelis deebisee, “Wanni sitti murtaaʼu sanuma; ati mataan kee iyyuu murteerta” jedheen.
41 Lalelale ae la oia e hoohemo ae i ka lehu mai kona wahi maka ae; a ike mai ke alii o ka Iseraela ia ia o kekahi ia o na kaula.
Raajiin sunis dafee ija isaa irraa haguuggii gad buufate; mootichi Israaʼelis akka inni raajota keessaa isa tokko taʼe hubate.
42 I aku la oia ia ia, Ke i mai nei o Iehova penei, No kou hookuu ana mai loko ae o kou lima i ke kanaka a'u i hoolilo ai i ka luku loa ia, nolaila e lilo kou ola no kona ola, a o kou poe kanaka no kona poe kanaka.
Innis mootichaan akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati namicha ani akka inni duʼu itti mure gad lakkifteerta. Kanaafuu lubbuun kee qooda lubbuu isaa, sabni kees qooda saba isaa galaafatama.’”
43 Hoi aku la hoi ke alii o ka Iseraela i kona hale, me ke kaumaha, a me ka uluhua a hiki i Samaria.
Mootichi Israaʼel sunis akka malee aaree dheekkamaa gara masaraa mootummaa isaa kan Samaariyaa keessa jiru sanaa dhaqe.

< I Na Lii 20 >