< Mattiyu 12 >
1 A wannan lokaci, Yesu ya tafi a ranar Asabaci, ya bi cikin gonar hatsi. Almajiransa na jin yunwa, sai suka fara zagar hatsi suna ci.
Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban.
2 Amma da Farisawa suka gan su, sai su ka ce wa Yesu. “Duba, almajiranka su na yin abin da doka ta haramta a ranar Asabaci.”
Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin.
3 Amma Yesu ya ce masu, “Baku karanta abin da Dauda ya yi ba, lokacin da ya ke jin yunwa, tare da mazan da ke tare da shi?
Innis akkana jedhee deebise; “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee?
4 Yadda ya shiga gidan Allah, ya ci gurasar alfarwa da doka ta hana shi ko mazan da ke tare da shi su ci, sai dai Firistoci ne kawai doka ta basu damar ci?
Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture.
5 Sa'annan ba ku karanta cikin shari'a cewa, a ranar Asabaci, Firistoci da ke cikin haikali na sabawa ranar Asabaci, amma kamar ba su yi laifi ba?
Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee?
6 Amma ina tabbatar maku da cewa, wani wanda ya fi haikali girma yana nan.
Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira.
7 In da kun san ma'anar wannan 'Na fi son jinkai fiye da hadaya,' da baku shari'anta wa marar laifi ba.
Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture.
8 Gama Dan mutum shine Ubangijin Asabaci.”
Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.”
9 Sa'annan Yesu ya bar wannan wuri, ya shiga majami'ar su.
Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene;
10 Sai ga wani mutum wanda hannun sa ya shanye, sai Farisawa suka tambayi Yesu, cewa, “Doka ta halarta a yi warkarwa a ranar Asabaci?” Domin su zarge shi a kan zunubi.
kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan.
11 Yesu ya ce masu, “Wanene a cikin ku, wanda idan ya na da tunkiya guda, sa'annan tunkiyar nan ta fada a rami mai zurfi a ranar Asabaci ba zai kamo ta ya fitar da ita ba?
Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa?
12 Yaya za a kwatanta darajar mutum da tunkiya! Saboda haka ya halarta a yi alheri ranar Asabaci.”
Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.”
13 Sai Yesu ya ce wa mutumin nan “Mika hannun ka.” Ya mike hannunsa, sai hannun nan ya dawo lafiyaye kamar dayan hannunsa.
Namichaanis, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe.
14 Amma Farisawa su ka fita waje su ka fara mugun shiri domin sa. Su na neman hanyar da za su kashe shi.
Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan.
15 Da Yesu ya fahimci wannan, sai ya janye kan sa daga nan. Mutane da dama su ka bi shi, ya warkar da su duka.
Yesuus waan kana beekee iddoo sanaa kaʼee deeme. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis dhukkubsattoota isaanii hunda fayyise;
16 Ya dokace su da kada su bayyana shi ga kowa,
akka isaan akka inni beekamu hin goones isaan ajaje.
17 domin ya zama gaskiyar abin da aka fada ta wurin annabi Ishaya, cewa,
Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
18 “Dubi, bawa na zababbe; kaunatacce na, wanda ya ke faranta mani raina sosai. Zan sa Ruhu na bisan sa, za ya furta hukunci zuwa al'ummai.
“Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.
19 Ba za ya yi jayayya ko tada murya ba, babu wanda za ya ji muryar sa a karabku.
Inni hin wacu yookaan hin iyyu; namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaʼu.
20 Ba zai karya kara da ya tankwashe ba; ba zai kashe fitilar da ta kusa mutuwa ba; sai ya kawo hukunci ga nasara.
Inni hamma akka murtiin qajeelaan moʼu godhutti, shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.
21 Sa'annan al'ummai za su dogara a ga sunansa.
Saboonnis maqaa isaa ni abdatu.”
22 Sa'annan wani mutum, makaho ne, kurma kuma, aljannu kuma na cikinsa, an kawo shi wurin Yesu. Ya warkar da shi, ya sami ganin gari ya kuma yi magana.
Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe.
23 Jama'a su ka yi mamaki kwarai, su na cewa, “Ko wannan ne Dan Dawuda?”
Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan.
24 Amma da Farisawa su ka ji wannan al'ajibi, sai su ka ce, “Mutumin nan yana fitar da aljannu ta wurin Bahalzabuba sarkin aljannu ne.”
Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan.
25 Amma Yesu ya san tunanin su, sai ya ce. “Duk mulkin da ya rabu gaba da kan sa, ba zaya tsaya ba, duk wani birni da ya rabu ba zai tsaya ba, ko gida da ya tsage, za ya rushe.
Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu.
26 Idan Shaidan ya fitar da Shaidan, ya rabu gaba da kansa. Yaya mulkin sa za ya tsaya?
Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree?
27 Idan Ina fitar da aljannu da ikon Ba'alzabuba, ta wurin wa masu bin ku su ke fitar da su? Saboda haka, su za su shari'anta ku.
Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
28 Amma idan ina fitar da aljannu da Ruhun Allah ne, hakika mulkin Allah ya zo gare ku.
Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
29 Kuma ta yaya mutum za ya shiga gidan mai karfi ya kwashe masa kaya ba tare da ya fara daure shi ba? Sa'annan ne za ya iya satar masa kaya daga gidansa.
“Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa.
30 Wanda baya tare da ni yana gaba da ni ke nan, wanda kuma baya tarawa tare da ni, yana watsarwa ne.
“Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
31 Saboda haka ina ce maku, kowanne zunubi da sabo, za a gafarta wa mutum, amma sabon Ruhu Mai Tsarki, ba za a gafarta shi ba.
Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu.
32 Duk wanda yayi batanci ga Dan Mutum, za a gafarta masa. Amma duk wanda yayi batanci game da Ruhu Mai Tsarki ba za a gafarta masa ba, a nan duniya da har abada. (aiōn )
Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu. (aiōn )
33 Ko dai a mai da itace mai kyau 'ya'yansa kuma su yi kyau, ko a mai da itace marar kyau 'ya'yansa kuma marasa kyau, gama ana sanin itace ta wurin 'ya'yansa.
“Muka gaarii qabaadhaa; iji isaa gaarii taʼaa; muka gadhee qabaadhaa; iji isaa gadhee taʼaa; mukni ija isaatiin beekamaatii.
34 Ku 'ya'yan macizai, tun da ku miyagu ne, yaya za ku iya fadin abubuwa nagari? Gama daga cikar zuciya baki ke magana.
Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.
35 Mutumin kirki daga ajiyar zuciyarsa ya kan fitar da abubuwa masu kyau, mugun mutum kuma daga mummunar ajiyar zuciyarsa ya kan fitar da abubuwan mugunta.
Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.
36 Sa'annan ina ce maku a ranar shari'a, mutane za su bada lissafin abubuwan banza da su ka fadi.
Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.
37 Gama ta wurin maganganun ku, za a 'yantar da ku, ta wurin maganganun ku kuma za a kashe ku.”
Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama.”
38 Sa'annan wadansu Malaman Attaura, da Farisawa suka amsa suka ce wa Yesu, “Mallam, muna so mu ga wata alama daga gare ka.”
Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, “Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna” jedhaniin.
39 Amma Yesu ya amsa ya ce masu, “Mugun zamani da mazinaciyar tsara, su na bukutar alama. Amma babu alamar da za a ba su, sai dai alamar annabi Yunusa.
Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; “Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf.
40 Gama yadda Yunusa ya yi kwana uku da dare uku a cikin babban kifi, haka ma Dan Mutum zaya yi kwana uku da dare uku a cikin zuciyar kasa.
Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.
41 Mutanen Nineba za su tsaya a ranar shari'a da wannan zamani sannan su kashe su. Domin sun tuba da suka ji wa'azin Yunusa, amma duba wanda ya fi Yunusa yana nan.
Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo, kan Yoonaasin caalu as jira.
42 Sarauniyar Kudu za ta tashi da mutanen wannan zamani ta kuma kashe su. Ta zo daga karshen duniya domin ta ji hikimar Sulaimanu, kuma duba, wanda ya fi Sulaimanu yana nan.
Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Solomoonin caalu as jira.
43 Idan kazamin ruhu ya rabu da mutum, ya kan wuce ya nemi wuraren da ruwa yake domin ya huta, amma bai samu ba.
“Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu.
44 Sai ya ce, 'zan koma gidana inda na fito'. Bayan ya dawo, sai ya tarar da gidan nan an share shi ya zama da tsabta.
Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata.
45 Sai ya koma ya kawo wadansu ruhohi guda bakwai, wadanda su ka fi shi mugunta, sa'annan dukan su su zo su zauna a nan. Sa'annan yanayin mutumin nan na karshe ya fi na farko muni. Haka zaya kasance ga wannan mugun zamani.
Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.”
46 Sa'adda Yesu ya ke yi wa Jama'a jawabi, sai mahaifiyarsa da 'yan'uwansa su ka zo su ka tsaya a waje, suna neman su yi magana da shi.
Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan.
47 Sai wani ya ce masa, “Duba, mahaifiyarka da 'yan'uwanka suna tsaye a waje, suna so su yi magana da kai”.
Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime.
48 Amma Yesu ya amsa ya ce wa shi wanda ya gaya masa, “Wacece mahaifiyata? Kuma su wanene 'yan'uwana?”
Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen.
49 Sai ya mika hannu ya nuna almajiransa ya ce, “Duba, ga mahaifiyata da 'yan'uwana!
Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti.
50 Gama duk wanda yake aikata nufin Ubana wanda ya ke cikin sama, shine dan'uwana, da 'yar'uwata da mahaifiyata.”
Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”