< Luka 8 >

1 Bayan haka, Yesu da almajiransa goma sha biyu, su ka zagaya cikin birane da kauyuka dabam dabam, suna wa'azi da shelar labari mai dadi game da mulkin Allah,
Yesuusis ergasii wangeela mootummaa Waaqaa lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan;
2 mata da yawa wadanda Yesu ya warkar daga aljanu da cututtuka iri iri suna tafiya tare da su. A cikinsu akwai Maryamu wadda a ke ce da ita Magadaliya, wadda ya fitar da aljanu bakwai daga cikinta,
dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan,
3 da Yuwana matar Kuza wakilin Hirudus, da Suzanatu da kuma wasu mata da yawa. Daga abin hannunsu suka tanada masu.
Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan.
4 Wata rana aka tara taron mutane da yawa, saboda mutane su na zuwa daga birane da yawa domin su ga Yesu. Ya yi magana dasu cikin misali.
Yeroo tuunni guddaan walitti qabamee namoonnis magaalaa gara garaatii gara isaa dhufanitti Yesuus akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime:
5 “Wani mai shuka ya tafi domin ya shuka iri. Sa'adda ya ke yafa iri, wadansu iri suka fada a kan hanya. Sai mutane suka tattake su, tsuntsaye kuma suka tsince wadansu suka cinye.
“Namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼee irra ejjetame; simbirroonnis nyaatanii fixan.
6 Wadansu kuma suka fada a kan duwatsu inda babu kasa da yawa. Da suka tsaro suka fara girma, sai nan da nan suka bushe saboda babu laima a wurin.
Kaan immoo lafa kattaa irra buʼe; innis waan jiidha hin qabneef yeroo biqiletti ni goge.
7 Wadansu irin kuma suka fada inda yake da kayayuwa. Tsiretsiren kayayuwan suka fito tare da irin da aka shuka, suka shake su yadda basu iya yin girma ba.
Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis biqiltuu sana wajjin guddatee isa hudhe.
8 Amma wadansu irin suka fada a kan kasa mai kyau, suka yi girma sosai suka ba da anfani da yawa, har rubi dari.” Bayan da Yesu ya fadi wadannan abubuwan, sai ya yi kira gare su, “Duk mai kunnen ji, bari ya ji.”
Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ijas dachaa dhibba naqate.” Innis yommuu waan kana dubbatetti lallabee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” jedhe.
9 Sai almajiran Yesu suka tambaye shi ya gaya ma su ma'anar labarin.
Barattoonni isaas hiikkaan fakkeenya kanaa maal akka taʼe isa gaafatan.
10 ya ce da su, “Ku aka ba dama ku gane boyayyun abubuwa, na mulkin Allah. Amma ga sauran mutane ina yi masu magana cikin misalai, 'Domin ko da sun gani ba za su gane ba, kuma ko da sun ji ba za su fahimta ba.”
Innis akkana jedhe; “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis, “‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef, utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’
11 To ga ma'anar misalin. Irin shi ne maganar Allah.
“Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti.
12 Irin da ya fada a kan hanya sune mutanen da suka ji maganar Allah amma daga baya sai shedan ya zo ya dauke maganar daga cikin hankulansu, domin kada su bada gaskiya su tsira.
Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha.
13 Sa'annan, wadanda suka fada kan duwatsu sune mutanen da, da zarar sun ji maganar, sukan karbe ta da murna, amma ba su da sauyu; su kan bada gaskiya na dan lokaci kadan kawai, da zaran gwaji ya same su sai su ridda.
Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu.
14 Irin da suka fada cikin kayayuwa, sune mutanen da suka ji maganar, amma da suka ci gaba da rayuwa, sai suka bari matsalolin rayuwa kamar dukiya da jin dadin rayuwa suka fi karfinsu, sai ya zama ba su iya bada 'ya'yan da suka yi girma ba.
Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis.
15 Amma irin da suka fada a kan kasa mai kyau, wadannan sune mutanen da suka ji maganar, suka karbe ta da gaskiya da zuciya daya, sun rike ta kam-kam, suna jimrewa wurin ba da 'ya'ya.
Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.
16 Ba mai kunna fitila, ya rufe ta da kasko, ko su sa ta a karkashin gado. Amma sai a sa ta a wurin zaman ta domin duk wanda ya shigo ya iya ganin hasken ta.
“Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.
17 Babu abin da yake a boye wanda ba za a tone shi ba, ko wani asiri da ba za ya fito fili a san shi ba.
Wanni dhokfamee utuu hin mulʼifamin hafu, wanni haguugamee utuu hin beekamin hafu yookaan utuu ifatti hin baafamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.
18 Ku yi hankali da yadda kuke ji, domin duk mai abu, shi za a kara wa, kuma duk mara abu, dan kadan da yake tunani yana da shi ma, za a dauke.”
Kanaaf akkamitti akka dhaggeeffattan qalbeeffadhaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne kam iyyuu garuu wanni inni waan qabu of seʼu iyyuu isa irraa fudhatama.”
19 Sai mahafiyar Yesu da 'yan'uwansa, su ka zo wurinsa, amma ba su iya zuwa ko kusa da shi ba saboda taron jama'a.
Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye.
20 Sai wani ya gaya masa, “Ga mahaifiyarka da 'yan'uwanka, su na tsayuwa a waje, su na son ganin ka.”
Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime.
21 Amma Yesu ya amsa ya ce ma su, “Mahaifiyata da 'yan'uwana sune wadanda suke jin maganar Allah, suke yin biyayya da ita.”
Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.
22 Wata rana kuma Yesu ya shiga cikin jirgin ruwa, shi da almajiransa. Ya ce masu, “Ina so mu je dayan ketaren tafkin.” Sai su ka fara tafiya domin su ketare tafkin.
Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, “Kottaa galaana gama ceenaa” jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan.
23 Amma sa'adda su ke tafiya sai Yesu ya yi barci, sai wata iska mai karfi ta taso cikin tafkin, nan da nan sai jirgin ya fara cika da ruwa, kuma su na cikin hatsari.
Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.
24 Sai almajiran Yesu su ka zo su ka tashe shi daga barci. Suka ce da shi, “Ya Shugaba! Ya Shugaba! Za mu mutu!” Sai ya tashi ya umarci iskar, sai iskar mai hauka da tumbatsar ruwan sun tsaya tsit.
Barattoonnis dhaqanii, “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!” jedhanii isa dammaqsan. Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe.
25 Daga nan sai ya ce da su, “Ina bangaskiyar ku?” Almajiran suka tsorata suka yi mamakin abin da ya faru nan take. Suka ce wa junansu, “Wanene wannan wanda har zai ba iska da ruwa umarni kuma su yi masa biyayya?”
Barattoota isaas, “Amantiin keessan eessa jira?” jedhee gaafate. Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, “Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf” jedhanii wal gaafatan.
26 Suka zo yankin Garasinawa, wanda ke kusa da Gallili.
Isaanis gara biyya Gergeesenoon ishee galaanaan gama fuullee Galiilaatti argamtuutti bidiruudhaan ceʼan.
27 Sa'adda Yesu ya sauka kasa, sai wani mutum daga wannan yankin ya tarbe shi. Wannan mutum kuwa yana da aljanu. Mutumin ya dade ba ya sa tufafi, kuma ba ya zama a gida. Maimakon haka, sai a cikin kabarbura ya ke zama.
Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture.
28 Sa'adda ya ga Yesu, mutumin ya yi ihu da karfi, ya rusuna a gabansa da babban murya ya ce, “Me zan yi da kai, Yesu, Dan Allah Madaukaki? Ina rokonka, kada ka ba ni azaba!”
Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!” jedhe.
29 Domin Yesu ya umarci aljanun su fita daga cikinsa, domin sau da dama aljanun sukan kama shi. Ko an daure mutumin da sarkoki an kuma tsare shi, yakan tsuttsunke su, kazaman ruhohin sukan kora shi cikin jeji.
Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture.
30 Sa'annan Yesu ya tambaye shi, “Yaya sunanka?” Sai ya ba da amsa, “Suna na dubbai.” Ya ce haka ne domin aljanu da yawa sun shiga wannan mutum.
Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, “Leegewoon” jedhee deebise.
31 Aljanun suka yi ta rokon Yesu kada ya ummarce su su shiga cikin rami mai zurfi. (Abyssos g12)
Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan. (Abyssos g12)
32 Akwai babban garken aladu su na kiwo a kan tsauni kusa da wurin. Aljanun suka roki Yesu da ya barsu su shiga cikin aladun, shi kuwa ya yarda masu.
Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef.
33 Aljanun suka bar mutumin suka shiga cikin aladun, sai garken aladun suka gangara kwari suka fada cikin tafkin, suka nutse.
Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
34 Lokacin da mutanen da su ke kiwon aladun suka ga abin da ya faru, sai suka gudu! Suka ba da rahoton abin da ya faru ga mutanen cikin gari da na wannan kewayen.
Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan;
35 Don haka, mutanen da suka ji haka suka tafi domin su ga abin da ya faru, suka zo wurin da Yesu yake, suka ga mutumin wanda aljanu suka fita daga cikinsa. Suka ga ya na sanye da tufafi, kuma ya na cikin hankalinsa, sai tsoro ya kama su.
namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis.
36 Mutanen da suka ga abin da ya faru, suka gaya wa wadansu yadda aka warkar da mutumin da aljanu suke iko da shi.
Warri waan kana arganii turanis namichi hafuura hamaan qabame sun akkamitti akka fayye namootatti odeessan.
37 Sai dukan mutane wadanda suke cikin yankin Garasinawa da wadanda suke kewaye, suka roki Yesu da ya fita daga cikin yankin kasarsu domin sun ji tsoro kwarai da gaske. Daga nan Yesu da almajiransa suka shiga cikin jirgin ruwa suka koma.
Kana irratti namoonni biyya Gergeesenoon hundinuu waan sodaadhaan guutamaniif akka Yesuus isaan biraa deemu isa kadhatan. Innis bidiruu yaabbatee achii deeme.
38 Mutumin wanda aljanu suka fita daga cikinsa, ya roki Yesu cewa, “Ka barni in tafi tare da kai!” Amma Yesu ya sallame shi cewa,
Namichi hafuuronni hamoon keessaa baʼan sun Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa deebise;
39 “Ka koma gida ka gaya wa mutanen ka abubuwa masu girma wadanda Allah ya yi maka.” Daga nan sai mutumin ya tafi yana ta gayawa dukan mutanen birnin game da abubuwan da Yesu ya yi masa.
“Mana keetti deebiʼiitii wanni Waaqni siif godhe hammam guddaa akka taʼe odeessi.” Namichis dhaqee wanni Yesuus isaaf godhe hammam guddaa akka taʼe magaalaa sana hunda keessatti odeesse.
40 Sa'adda Yesu ya dawo, mutanen suka marabce shi, gama, dukansu suna jiransa.
Yommuu Yesuus deebiʼetti namoonni baayʼeen isa simatan. Hundi isaanii isa eeggachaa turaniitii.
41 Sai ga wani mutum mai suna Yayirus, daya daga cikin shugabannin majami'a, ya zo kusa da Yesu ya rusuna da kansa a kasa. Ya roke shi domin ya zo gidansa,
Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Yesuus irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate;
42 saboda diyarsa mai kimanin shekara goma sha biyu ta na bakin mutuwa, kuma ita kadai ce diya a gare shi. Amma sa'adda yake tafiya, taron mutane da yawa suna matsa shi.
sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte. Utuu Yesuus deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan.
43 Akwai wata mace a nan wadda take zubar jini har shekara goma sha biyu. Ta kashe kudinta duka a wurin likitoci, domin su warkar da ita amma ba wanda ya iya warkar da ita.
Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye.
44 Sai ta biyo ta bayan Yesu ta taba habar rigarsa. Nan take sai zubar jinin ya tsaya.
Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.
45 Yesu ya ce, “Wanene ya taba ni?” Wadanda suke kewaye da shi, kowa ya ce bai taba shi ba, Bitrus ya ce, “Shugaba, mutane da yawa suna ta taruwa kewaye da kai suna ta matsowa kusa da kai.”
Yesuusis, “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, “Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru” jedhe.
46 Amma Yesu ya ce, “Na sani, wani ya taba ni, domin iko ya fita daga wurina.”
Yesuus garuu, “Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa” jedhe.
47 Sa'adda matar ta gane cewa ba za ta iya boyewa ba, sai ta zo wurinsa cikin tsoro. Ta durkusa a gaban Yesu, ta fada a gaban dukan jama'a dalilin da ya sa ta taba shi kuma nan da nan ta warke.
Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate.
48 Sai ya ce da ita, “Diya, bangaskiyarki ta warkar da ke. Tafi cikin salama.”
Kana irratti inni, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi” jedheen.
49 Yana cikin yin magana, wani daga cikin gidan shugaban majami'ar ya zo, ya ce, “Diyarka ta riga ta mutu, kada ka dami malam.”
Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin” jedhe.
50 Amma sa'adda Yesu ya ji haka, sai ya ce da shi, “Kada ka ji tsoro. Ka bada gaskiya za ta rayu.”
Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, “Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii” jedhe.
51 Sa'adda ya zo gidan, bai bar kowa ya shiga gidan tare da shi ba sai Bitrus da Yahaya da Yakubu, da mahaifiyar yarinyar da babanta.
Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne.
52 Dukan mutane a wurin, suna ta kuka da karfi saboda sun damu da yarinyar ta mutu. Amma Yesu ya ce da su, “Ku dena kuka! Ba mutuwa ta yi ba! Barci ta ke yi kawai!”
Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, “Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii” jedhe.
53 Mutanen suka yi ma sa dariyan reni, saboda sun sani yarinyar ta mutu.
Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan.
54 Amma ya kama hannun ta yayi kira cewa, “Yarinya, na ce ki tashi!”
Inni garuu harka ishee qabee, “Intala ko, kaʼi!” jedhe.
55 Nan da nan ruhun ta ya dawo jikin ta sai ta tashi. Ya ce masu su ba ta wani abu ta ci.
Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
56 Iyayenta suka yi mamaki, amma Yesu ya ce da iyayen kada su gaya wa kowa abin da ya faru.
Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.

< Luka 8 >