< Luka 22 >

1 Anan nan idin gurasa mara yisti ya yi kusa, wanda a ke kira Idin ketarewa.
Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture;
2 Manyan firistoci da marubuta suka yi shawara yadda za su kashe Yesu, gama suna jin tsoron mutane.
luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan.
3 Shaidan ya shiga Yahuza Iskariyoti, daya daga cikin goma sha biyun.
Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale.
4 Yahuza ya je ya yi shawara da manyan firistoci da Jarumawa yadda zai ba da Yesu a garesu.
Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate.
5 Suka yi farin ciki, suka yarda su ba shi kudi.
Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan.
6 Sai ya yarda, sai ya nimi dama yadda zai ba da shi garesu a lokacin da babu taro.
Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
7 Ranar idin gurasa mara yisti ya yi, da dole za a yi hadayan rago na Idin ketarewa.
Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture.
8 Yesu ya aiki Bitrus da Yahaya, ya ce masu, “Ku je ku shirya mana abincin Idin ketarewa, domin mu ci.”
Yesuusis, “Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa” jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge.
9 Suka tambaye shi, “A ina ka ke so mu shirya?”
Isaanis, “Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
10 Ya amsa masu, “Ku ji, sa'adda ku ka shiga birnin, wani mutum mai dauke da tulun ruwa zai same ku. Ku bishi zuwa cikin gidan da za ya shiga.
Inni immoo deebisee akkana jedhe; “Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii,
11 Sai ku gaya wa mai gidan, 'Malam ya ce, “Ina dakin baki, inda zan ci abincin Idin ketarewa da almajirai na?'”
abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?” siin jedha’ jedhaa.
12 Zai nuna maku babban bene wanda yake a shirye. Ku shirya a can.”
Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa.”
13 Sai suka tafi, suka sami komai kamar yadda ya gaya masu. Sai suka shirya abincin Idin ketarewan.
Isaanis dhaqanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
14 Sa'adda lokacin ya yi, ya zauna da almajiran.
Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan.
15 Sai ya ce masu, “Ina da marmari matuka in ci wannan abincin Idin ketarewa da ku kamin in sha wahala.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture.
16 Gama na ce maku, ba zan ci shi kuma ba, sai dai an cika shi a mulkin Allah.”
Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Waaqaa keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu.”
17 Sai Yesu ya dauki koko, sa'adda ya yi godiya, sai yace, “Karba wannan, ku rarraba a tsakaninku.
Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa.
18 Gama ina ce maku, ba zan sha wannan ruwan inabi kuma ba, sai dai mulkin Allah ya zo.”
Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu” jedhe.
19 Sai ya dauki gurasa, sa'adda ya yi godiya, ya kakkarya shi, sai ya ba su, cewa, “Wannan jikina ne wanda aka bayar dominku. Ku yi wannan domin tunawa da ni.”
Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen.
20 Sai ya dauki kokon kuma bayan jibi, cewa, “Wannan koko sabon alkawari ne cikin jinina, wanda aka zubar dominku.
Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
21 Amma ku yi lura. Wanda zai bashe ni yana tare da ni a teburi.
Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira.
22 Gama Dan Mutum zai tafi lallai kamar yadda aka kaddara. Amma kaiton wannan mutum da shine za ya bashe shi!”
Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!”
23 Sai suka fara tambaya a tsakaninsu, wanene a cikinmu da zai yi wannan abu.
Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.
24 Sai gardama ta tashi a tsakaninsu game da wanene mafi girma.
Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe.
25 Ya ce masu, “Sarakunan al'ummai suna nuna iko akansu, kuma wadanda suke da iko a kansu ana ce da su masu mulki da daraja.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu.
26 Amma kada ya zama haka da ku. A maimakon haka, bari wanda ya ke mafi girma a cikinku ya zama mafi kankanta. Bari wanda yafi muhimmanci kuma ya zama kamar mai hidima.
Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu.
27 Gama wanene yafi girma, wanda ya zauna a teburi, ko kuwa wanda yake yin hidima? Ba wanda ya zauna a teburi ba? Duk da haka ina kamar mai hidima a tsakaninku.
Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.
28 Amma ku ne wadanda ku ke tare da ni a cikin jarabobina.
Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha.
29 Na baku mulki, kamar yadda Ubana ya ba ni mulki,
Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna;
30 domin ku ci ku kuma sha a teburi na mulkina. Za ku zauna a kan kursiyai kuna shari'anta kabilun nan goma sha biyu na Israila.
kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.
31 Siman, Siman, ka yi hankali, shaidan ya nemi izini a bada kai domin ya tankade ka kamar alkama.
“Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera.
32 Amma na yi maka addu'a, saboda kada bangaskiyarka ta fadi. Bayan da ka juyo kuma, ka karfafa 'yan'uwanka.”
Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”
33 Bitrus ya ce masa, “Ubangiji, ina shirye in tafi tare da kai zuwa cikin kurkuku da zuwa mutuwa.”
Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.
34 Yesu ya amsa masa, “Ina gaya maka, Bitrus, kamin caran zakara a yau, za ka yi musu na sau uku cewa ba ka sanni ba.”
Yesuus, “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta” jedhee deebise.
35 Sa'annan Yesu ya ce masu, “Lokacin da na aike ku babu jaka, ko burgami ko takalma, ko kun rasa wani abu? Sai suka amsa, “Babu.”
Yesuusis, “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan.
36 Ya kuma ce masu, “Amma yanzu, wanda ya ke da jaka, bari ya dauka, da kuma burgami. Wanda ba shi da takobi sai ya sayar da taguwarsa ya sayi guda.
Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa.
37 Gama ina ce maku, abin da aka rubuta game da ni dole sai ya cika, 'An lisafta shi kamar daya daga cikin masu karya doka.' Gama abinda aka fada akaina ya cika.”
Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii.”
38 Sai suka ce, “Ubangiji, duba! Ga takuba biyu.” Sai ya ce masu, “Ya isa.”
Barattoonnis, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira” jedhan. Innis, “Ni gaʼa” jedhee deebiseef.
39 Bayan cin abincin yamma, Yesu ya tafi, kamar yadda ya saba yi, zuwa dutsen Zaitun, sai almajiran suka bi shi.
Yesuusis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan.
40 Sa'adda suka iso, ya ce masu, “Ku yi addu'a domin kada ku shiga cikin jaraba.”
Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa” isaaniin jedhe.
41 Ya rabu da su misalin nisan jifa, sai ya durkusa kasa ya yi addu'a,
Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee kadhate;
42 yana cewa “Uba, in ka yarda, ka dauke wannan kokon daga gareni. Ko da yake ba nufina ba, amma bari naka nufin ya kasance.”
“Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”
43 Sai mala'ika daga sama ya bayyana a wurinsa, yana karfafa shi.
Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.
44 Yana cikin wahala sosai, sai ya dukufa cikin addu'a, har zufarsa kuma tana diga a kasa kamar gudajen jini.
Innis lubbamee jabeessee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture.
45 Sa'adda ya tashi daga addu'arsa, sai ya zo wurin almajiran, ya same su suna barci domin bakin cikinsu,
Innis yommuu kadhannaa irraa kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge.
46 sai ya tambaye su, “Don me kuke barci? Tashi ku yi addu'a, saboda kada ku shiga cikin jaraba.”
Innis, “Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii kadhadhaa” isaaniin jedhe.
47 Sa'adda yana cikin magana, sai, ga taron jama'a suka bayana, tare da Yahuza, daya daga cikin sha biyun, ya na jagabansu. Sai ya zo kusa da Yesu domin ya yi masa sumba,
Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate;
48 amma Yesu ya ce masa, “Yahuza, za ka ba da Dan Mutum da sumba?”
Yesuus garuu, “Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedhee gaafate.
49 Sa'adda wadanda suke kewaye da Yesu suka ga abin da yake faruwa, sai suka ce, “Ubangiji, mu yi sara da takobi ne?”
Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu” jedhan.
50 Sai daya daga cikinsu ya kai wa bawan babban firist sara a kunne, sai ya yanke masa kunnensa na dama.
Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.
51 Yesu ya ce, “Ya isa haka.” Sai ya taba kunnensa, sai ya warkar da shi.
Yesuusis deebisee, “Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa” jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.
52 Yesu yace wa manyan firistoci, da masu tsaron haikali, da dattawa wadanda suke gaba da shi, “Kun fito kamar za ku kama dan fashi, da takuba da sanduna?
Ergasiis Yesuus luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii?
53 Sa'adda nake tare da ku kowace rana a haikali, ba ku kama ni ba. Amma wannan shine lokacinku, da kuma ikon duhu.”
Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha.”
54 Suka kama shi, sai suka tafi da shi, suka kawo shi cikin gidan babban firist. Amma Bitrus yana binsa daga nesa.
Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture.
55 Bayan da suka hura wuta a tsakiyar gidan da suka zazzauna tare, Bitrus ya zaune a tsakaninsu.
Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe.
56 Sai wata baranya ta ganshi ya zauna a hasken wuta, sai ta zura masa ido ta ce, “Wannan mutum ma yana tare da shi.”
Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isa wajjin ture” jette.
57 Amma Bitrus ya yi musu, yana cewa, “Mace, ban san shi ba.”
Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane.
58 Bayan dan karamin lokaci sai wani mutum ya gan shi, sai ya ce, “Kaima kana daya daga cikinsu.” Amma Bitrus ya ce, “Mutumin, ba ni ba ne.”
Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, “Atis jara keessaa tokkoo dha” jedhe. Phexros garuu, “Namichoo, ana miti” jedhee deebise.
59 Bayan sa'a daya sai wani mutum ya nace da cewa, “Gaskiya wannan mutum yana tare da shi, gama shi dan Galili ne.”
Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, “Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture” jedhee jabeessee dubbate.
60 Amma Bitrus ya ce, “Mutumin, ban san abin da kake fada ba.” Sai nan da nan, da yana cikin magana, sai zakara ta yi cara.
Phexros immoo deebisee, “Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku” jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye.
61 Yana juyawa, sai Ubangiji ya dubi Bitrus. Sai Bitrus ya tuna kalmar Ubangiji, sa'adda ya ce masa, “Kafin zakara ya yi cara yau za ka musunce ni sau uku.”
Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, “Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadate.
62 Da fitowarsa waje, Bitrus ya yi kuka mai zafi.
Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.
63 Sai mutanen da ke tsare da Yesu suka yi masa ba'a da bulala kuma.
Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban.
64 Bayan da suka rufe masa idanu, suka tambaye shi, cewa, “Ka yi annabci! Wa ya buge ka?”
Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan.
65 Suka yi wadansu miyagun maganganu na sabo game da Yesu.
Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.
66 Da gari ya waye, sai dattawa suka hadu tare, da manyan firistoci da marubuta. Sai suka kai shi cikin majalisa
Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii,
67 suka ce, “Gaya mana, in kai ne Almasihu.” Amma yace masu, “Idan na gaya maku, ba za ku gaskanta ba,
“Ati yoo Kiristoos taate mee nutti himi” jedhaniin. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;
68 idan na yi maku tambaya, ba za ku amsa ba.
yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan.
69 Amma nan gaba, Dan Mutum zai zauna a hannun dama na ikon Allah.”
Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”
70 Suka ce masa, “Ashe kai Dan Allah ne?” Sai Yesu ya ce masu, “Haka kuka ce, nine.”
Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan. Innis deebisee, “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!” jedhe.
71 Suka ce, “Don me muke neman shaida? Gama mu da kanmu munji daga bakinsa.”
Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan.

< Luka 22 >