< Ayyukan Manzanni 1 >

1 Littafin da na rubuta da farko, Tiyofilos, ya fadi abubuwan da Yesu ya fara yi ya kuma koyar,
Yaa Tewofilos, ani waan Yesuus hojjechuu fi barsiisuu jalqabe hunda kitaaba koo kan jalqabaa keessatti barreesseera.
2 har zuwa ranar da aka karbe shi zuwa sama. Wannan kuwa bayan da ya ba da umarni ga zababbun manzanninsa ta wurin Ruhu Mai Tsarki.
Wanni kunis waan erga Yesuus ergamoota filate sanaaf karaa hafuura qulqulluutiin ajaja kennee booddee hamma gaafa inni Samiitti ol fudhatameetti taʼee dha.
3 Bayan ya sha wahala, ya bayyana kan sa da rai a garesu, da alamu da dama masu gamsarwa. Kwana arba'in ya baiyana kansa a garesu yana yi masu magana game da mulkin Allah.
Innis duʼa isaa booddee namoota kanatti of argisiisee waan akka inni jiraataa taʼe mirkaneessu baayʼees dhiʼeesse; bultii afurtama isaanitti mulʼatee waaʼee mootummaa Waaqaa dubbate.
4 Yayin da yana zaune tare da su ya basu umarni cewa kada su bar Urushalima, amma su jira alkawarin Uban, wanda ya ce, ''Kun ji daga gare ni,
Utuu isaan wajjin jiruus akkana jedhee isaan ajaje; “Waadaa Abbaa kootii kan waaʼee isaa narraa dhageessan sana eeggadhaa malee Yerusaalemii hin baʼinaa.
5 cewa Yahaya babu shakka ya yi baftisma da ruwa, amma ku za a yi maku baftisma da Ruhu Mai Tsarki nan da kwanaki kadan.''
Yohannis bishaaniin cuupheetii; isin garuu bultii xinnoo booddee Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu.”
6 Sa'adda suna tare suka tambaye shi, ''Ubangiji, a wannan lokaci ne za ka maido da mulki ga Isra'ila?”
Isaanis yommuu walitti qabamanitti, “Yaa Gooftaa, ati yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebiftaa?” jedhanii isa gaafatan.
7 Ya ce masu, ''Ba naku bane ku san lokaci ko sa'a wanda Uba ya shirya ta wurin ikonsa.
Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Yeroo yookaan guyyaa Abbaan aangoo isaatiin murteesse beekuun hojii keessan miti.
8 Amma za ku karbi iko, idan Ruhu Mai Tsarki ya zo bisanku, sa'annan za ku zama shaidu na cikin Urushalima da kuma cikin dukan Yahudiya da Samariya, har ya zuwa karshen duniya.”
Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”
9 Lokacin da Ubangiji Yesu ya fadi wadannan abubuwa, yayin da suna kallon sama, sai aka dauke shi zuwa sama, kuma girgije ya boye shi daga idanunsu.
Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
10 Da suka dinga kallon sama yayin da ya tafi, nan da nan, mazaje biyu suka tsaya a gabansu cikin fararen tufafi.
Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
11 Suka ce, ''Ku mazajen Galili me yasa ku ke tsaye a nan kuna kallon sama? Wannan Yesu wanda ya hau zuwa sama zai dawo kamar yadda kuka gan shi yana tafiya zuwa sama.''
Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.”
12 Da suka dawo Urushalima daga dutsen Zaitun, wanda ke kusa da Urushalima, tafiyar Asabaci daya ne.
Isaanis gaara Tulluu Ejersaa jedhamu irraa Yerusaalemitti deebiʼan; gaarri kunis Yerusaalem irraa gara deemsa guyyaa Sanbata tokkoo fagaata.
13 Da suka iso, sai suka haye zuwa cikin bene inda suke da zama. Sune su Bitrus, Yahaya, Yakubu, Andarawus, Filibus, Toma, Bartalamawus, Matiyu, Yakubu dan Alfa, Siman mai tsattsauran ra'ayi, kuma da Yahuza dan Yakubu.
Isaanis yommuu Yerusaalem gaʼanitti kutaa darbii kan keessa jiraachaa turan sanatti ol baʼan; isaanis: Phexrosii fi Yohannis, Yaaqoobii fi Indiriiyaas, Fiiliphoosii fi Toomaas, Bartaloomewoosii fi Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamuu fi Yihuudaa ilma Yaaqoob turan.
14 Dukansu kuwa suka hada kai gaba daya, yayin da suka ci gaba da naciya cikin addu'a. Tare da su kuma akwai mata, Maryamu mahaifiyar Yesu, da kuma 'yan'uwansa.
Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
15 A cikin wadannan kwanaki Bitrus ya tashi tsaye a tsakiyar 'yan'uwa, kimanin mutane dari da ashirin, ya ce,
Gidduma sana Phexros kaʼee amantoota gara 120 taʼan gidduu dhaabate.
16 '' 'Yan'uwa, akwai bukatar Nassi ya cika, wanda Ruhu Mai Tsarki ya fada a baya ta bakin Dauda game da Yahuza, wanda ya jagoranci wadanda suka kama Yesu
Akkanas jedhe; “Yaa obboloota, dubbiin kitaabaa kan Hafuurri Qulqulluun yeroo dheeraan dura waaʼee Yihuudaa isa warra Yesuusin qaban fide sanaa afaan Daawitiitiin dubbate sun raawwatamuu qaba.
17 Domin yana daya daga cikinmu kuma ya karbi rabonsa na ladan wannan hidima,”
Innis miseensa keenyaa fi nama akka tajaajila kana keessatti qooda qabaatuuf filatame ture.”
18 (Wannan mutum fa ya sai wa kansa fili da cinikin da ya yi na muguntarsa, kuma a nan ya fado da ka, cikinsa ya fashe, hanjinsa suka zubo waje.
Yihuudaan horii hammina hojjetee argate sanaan lafa bitate; innis mataan kufee qixxee lamaanitti tarsaʼe; marʼumaan isaa hundinuus keessaa jige.
19 Duka mazaunan Urushalima suka ji wannan, saboda haka suka kira wannan fili da harshensu “Akeldama'' wato, “Filin Jini.”)
Namoonni Yerusaalem keessa jiraatan hundinuus waan kana dhagaʼan; lafa sanas afaan isaaniitiin Akeldaamaa jedhanii waaman. Akeldaamaa jechuun “Lafa Dhiigaa” jechuu dha.
20 “Domin an rubuta a littafin Zabura, 'Bari filinsa ya zama kufai, kada a bar kowa ya zauna wurin,'kuma, 'Bari wani ya dauki matsayinsa na shugabanci.'
Phexrosis akkana jedhe; “Kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Qeʼeen isaa haa onu; namni keessa jiraatu tokko iyyuus hin hafin’ akkasumas “‘Aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.’
21 Saboda haka ya zama dole, daya daga cikin wadanda suke tare da mu tun lokacin da Ubangiji Yesu yana shiga da fita, a tsakaninmu,
Kanaaf warra yeroo gooftaa Yesuus nu gidduu baʼee galaa ture hundumaa nu wajjin turan keessaa nama tokko filachuun barbaachisaa dha;
22 farawa daga baftismar yahaya har zuwa ranar da aka dauke shi daga wurinmu zuwa sama, ya zama daya daga cikin mu wurin shaidar tashinsa.”
namni filatamu kun nama cuuphaa Yohannisii jalqabee hamma gaafa Yesuus nu biraa samiitti ol fudhatameetti nu wajjin ture taʼuu qaba. Namoota kanneen keessaa tokko nu wajjin dhuga baatuu duʼaa kaʼuu Yesuus taʼuu qabaatii.”
23 Suka gabatar da mutum biyu, Yusufu wanda ake kira Barsabbas, wanda kuma aka yiwa suna Justus, da kuma Matayas.
Kanaafis namoota lama dhiʼeessan; isaanis Yoosef isa Barsaabaas jedhamu kan Yoosxoos jedhamee beekamu tokkoo fi Maatiyaas.
24 Su ka yi addu'a suka ce, ''Ubangiji, kai ka san zuciyar dukan mutane, ka bayyana mana wanda ka zaba cikin su biyun nan
Akkanas jedhanii Waaqa kadhatan; “Yaa Gooftaa garaa nama hundumaa beektu, ati namoota kanneen lamaan keessaa isa kam akka filatte nutti argisiisi;
25 Domin ya dauki gurbin da kuma manzancin daga inda Yahuza ya kauce zuwa nashi waje''
kunis akka inni tajaajilaa fi ergamtummaa Yihuudaan dhiisee gara iddoo ofii isaatti gara gale sana fudhatuuf.”
26 suka jefa kuri'a a kansu; zabe ya fada kan Matayas kuma suka lissafta shi tare da manzanni sha dayan.
Isaanis ixaa buusan; ixaan sunis Maatiyaasiif baʼe. Kanaafuu inni ergamoota kudha tokkotti dabalame.

< Ayyukan Manzanni 1 >