< Zakariya 2 >
1 Sa’an nan na ɗaga kai sai na ga mutum a tsaye riƙe da ma’auni a hannunsa!
Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture!
2 Sai na yi tambaya, na ce, “Ina za ka?” Ya amsa mini ya ce, “Zan je in auna Urushalima, in ga yadda fāɗinta da tsawonta suke.”
Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe. Innis, “Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema” jedhee naaf deebise.
3 Sai mala’ikan da yake yi mini magana ya tafi, sai wani mala’ika ya zo ya same shi
Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee
4 ya ce masa, “Yi gudu, gaya wa saurayin can cewa, ‘Urushalima za tă zama birni marar katanga domin mutane da dabbobi masu yawa ƙwarai za su kasance a cikinta.
akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati.
5 Ni da kaina ne zan zama katangar wuta kewaye da birnin, in kuma zama darajarta,’ in ji Ubangiji.
Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha Waaqayyo.
6 “Zo! Zo! Ku gudu daga ƙasar arewa,” in ji Ubangiji, “gama na warwatsa ku a kusurwoyi huɗu na sama,” in ji Ubangiji.
“Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa” jedha Waaqayyo; “Ani bubbee samii afranitti isin bittinneesseeraatii” jedha Waaqayyo.
7 “Zo, ya ke Sihiyona! Ku tsere, ku masu zama a cikin Diyar Babilon!”
“Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!”
8 Gama ga abin da Ubangiji Maɗaukaki ya ce, “Bayan ya ɗaukaka ni, ya kuma aiko ni ga ƙasashen da suka washe ku gama duk wanda ya taɓa ku ya taɓa ƙwayar idonsa ne.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee,
9 Ba shakka zan tā da hannuna a kansu domin bayinsu su washe su. Sa’an nan za ku san cewa Ubangiji Maɗaukaki ne ya aiko ni.
akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.
10 “Ki yi sowa ki yi murna, ya ke Diyar Sihiyona. Gama ina zuwa, zan zauna a cikinki,” in ji Ubangiji.
“Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha Waaqayyo.
11 “Ƙasashe da yawa za su haɗa kai da Ubangiji a ranan nan, za su kuma zama mutanena. Zan zauna a cikinku, za ku kuma san cewa Ubangiji Maɗaukaki ne ya aiko ni gare ku.
“Bara sana saboonni hedduun gara Waaqayyootti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta.
12 Ubangiji zai gāji Yahuda a matsayin rabonsa a cikin ƙasa mai tsarki zai kuma sāke zaɓi Urushalima.
Waaqayyo akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata.
13 Ku yi tsit a gaban Ubangiji, dukanku’yan adam, gama ya taso daga wurin zamansa mai tsarki.”
Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Waaqayyoo duratti calʼisaa.”