< Zakariya 14 >

1 Ranar Ubangiji tana zuwa sa’ad da za a raba muku ganimar da aka washe daga gare ku.
Kunoo guyyaan Waaqayyoo ni dhufa; boojuun kees si keessatti ni qoqqoodama.
2 Zan tara dukan al’ummai su yaƙi Urushalima; za a ci birnin da yaƙi, za a washe gidaje, a kuma yi wa mata fyaɗe. Rabin birnin zai je bauta, amma ba za a kwashe sauran mutanen daga birnin ba.
Ani akka isaan ishee waraananiif saboota hunda Yerusaalemitti walitti nan qaba; magaalattiin ni qabamti; manneen ni saamamu; dubartoonni isaanii humnaan gudeedamu. Gartokkeen magaalattii ni boojiʼama; uummanni hafe garuu magaalattii keessaa hin fudhatamu.
3 Sa’an nan Ubangiji zai fita yă yi yaƙi da waɗannan al’ummai, kamar yadda yake yaƙi a ranar yaƙi.
Waaqayyo akkuma guyyaa duulaa dhaqee lolu sana, dhaqee saboota sana lola.
4 A ranan nan ƙafafunsa za su tsaya a kan Dutsen Zaitun, gabas da Urushalima, za a kuma tsage Dutsen Zaitun kashi biyu daga gabas zuwa yamma, yă zama babban kwari, rabin dutsen zai matsa zuwa wajen arewa, rabi kuma zai matsa zuwa wajen kudu.
Guyyaa sana miilli isaa Tulluu Ejersaa isa karaa baʼa Yerusaalemiitiin jiru irra dhaabata; Tulluun Ejersaas baʼaa gara dhiʼaatti sulula guddaa uumee iddoo lamatti baqaqfama. Tulluun sunis gartokkeen isaa gara kaabaatti, gartokkeen isaa immoo gara kibbaatti siqa.
5 Za ku gudu ta wajen kwarin dutsena, gama zai miƙe har zuwa Azel. Za ku gudu kamar yadda kuka guje wa girgizar ƙasa a kwanakin Uzziya sarkin Yahuda. Sa’an nan Ubangiji Allahna zai zo, tare da duk masu tsarki.
Isin karaa sulula tulluu kootiin baqattu; inni gara Aazeelitti diriirfamaatii. Isin akkuma bara Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa sochii lafaa jalaa baqattan sana ammas ni baqattu. Ergasii Waaqayyo, Waaqni koo ni dhufa; qulqulloonni hundinuus isa wajjin ni dhufu.
6 A ranan nan ba za a kasance da haske ko sanyi ba, ko hazo mai duhu ba.
Guyyaa sana ifni, dhaamochii fi qorri hin jiraatan.
7 Za tă zama rana ce ta musamman, ba yini ko dare, rana da take sananne ga Ubangiji. Sa’ad da yamma ta yi, za a yi haske.
Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa Waaqayyo qofa biratti beekamu, yeroo itti garaagarummaan guyyaa fi halkanii hin beekamne ni taʼa. Yeroo dhiʼutti ifa ni taʼa.
8 A ranan nan ruwan rai zai kwararo daga Urushalima, rabi zai gangara gabas zuwa teku rabi kuma zai gangara yamma zuwa Bahar Rum, a damina da rani.
Gaafas bishaan jireenyaa Yerusaalem keessaa ni yaaʼa; walakkaan isaa gara galaana baʼaatti, walakkaan immoo gara galaana lixaatti bonaa fi ganna yaaʼa.
9 Ubangiji zai sama sarki bisa dukan duniya. A ranan nan za a kasance da Ubangiji ɗaya, ba wani suna kuma sai nasa.
Waaqayyo guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas Waaqayyo tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.
10 Ƙasar gaba ɗaya daga Geba zuwa Rimmon, kudu da Urushalima, za tă zama kamar Araba. Amma Urushalima za tă kasance a wurinta, daga Ƙofar Benyamin zuwa sashen Ƙofa ta Farko, zuwa Ƙofar Kusurwa, daga kuma Hasumiyar Hananel zuwa wurin matsin ruwan inabin sarki.
Guutummaan biyyattii Gebaadhaa hamma Rimoon ishee kibba Yerusaalem jirtuutti akka Arabbaa taʼa. Yerusaalem garuu Karra Beniyaamii hamma Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, Gamoo Hanaaniʼeelii hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti ol kaafamtee iddoodhuma ishee durii ni turti.
11 Za a zauna a cikinka; ba za a ƙara hallaka ta ba. Urushalima za tă zauna lafiya.
Namni ishee keessa jiraata; isheen siʼachi hin diigamtu. Yerusaalem nagaadhaan jiraatti.
12 Ga bala’in da Ubangiji zai bugi dukan al’umman da suka yi yaƙi da Urushalima. Fatar jikinsu za tă ruɓe tun suna tsaye a ƙafafunsu, idanunsu za su ruɓe a cikin kwarminsu, harsunansu kuma zai ruɓe a cikin bakunansu.
Kun dhaʼicha Waaqayyo ittiin saboota Yerusaalemin lolan hunda rukutuu dha: Foon isaanii utuma isaan miilla isaaniitiin dhaabatanii jiranuu tortora; iji isaanii boolla ija isaanii keessatti tortora; arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti tortora.
13 A ranan nan Ubangiji zai sa maza su cika da tsoro ƙwarai. Kowane mutum zai kama hannun ɗan’uwansa, za su kai wa juna hari.
Gaafas jeequmsi guddaan Waaqayyo biraa namootatti ni dhufa. Isaanis harkaan wal qabatanii wal haleelu
14 Yahuda ma za tă yi yaƙi a Urushalima. Za a tattara dukiyar al’umman da suke kewaye, za a tara zinariya da azurfa masu yawan gaske tare da tufafi.
Yihuudaanis Yerusaalemin lola. Qabeenyi saboota naannoo ishee jiraatanii hundi warqeen, meetii fi uffanni baayʼeen walitti qabama.
15 Irin wannan bala’i zai auko wa dawakai da alfadarai, raƙuma da jakuna, da kuma dukan dabbobi a wannan sansani.
Dhaʼichi akkasii fardeenii fi gaangolii, gaalaa fi harree, akkasumas horii qubata keessaa hunda ni rukuta.
16 Sa’an nan waɗanda suka tsira daga cikin al’umman da suka yaƙe Urushalima za su haura shekara-shekara su yi wa Sarki, Ubangiji Maɗaukaki sujada, su kuma yi Bikin Tabanakul.
Ergasii hambaawwan saboota Yerusaalemin lolan hundaa wagguma waggaadhaan Mooticha, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuu fi Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol baʼu.
17 In waɗansu mutanen da suke duniya ba su haura Urushalima suka yi wa Sarki, Ubangiji Maɗaukaki sujada ba, ba za su sami ruwan sama ba.
Uummanni lafa irra jiraatu kam iyyuu yoo Mooticha, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuuf Yerusaalemitti ol baʼuu baate bokkaa hin argatu.
18 In mutanen Masar ba su haura sun yi sujada ba, ba za su sami ruwan sama ba. Ubangiji zai kawo masu bala’in da ya aika wa al’umman da ba su haura sun yi Bikin Tabanakul ba.
Uummanni Gibxiis yoo ol baʼee hirmaachuu baate bokkaa hin argatu. Waaqayyo dhaʼicha ittiin saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane rukutu isaanitti ni fida.
19 Wannan ne zai zama hukuncin Masar da kuma na dukan al’umman da ba su haura sun yi Bikin Tabanakul ba.
Kun adabbii Gibxii fi adabbii saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane hundaa taʼa.
20 A ranan nan za a rubuta TSARKI GA Ubangiji a jikin ƙararrawar dawakai, kuma tukwanen dahuwa a gidan Ubangiji za su zama kamar kwanoni masu tsarki a gaban bagade.
Gaafas katabbiin, “Waaqayyoof qulqullaaʼe” jedhu bilbila fardeenii irratti ni barreeffama. Xuwween mana Waaqayyoo keessaas akkuma waciitii qulqulluu fuula iddoo aarsaa dura jiru sanaa ni taʼa.
21 Kowace tukunya a Urushalima da Yahuda za tă zama mai tsarki ga Ubangiji Maɗaukaki, kuma duk wanda ya zo don miƙa hadaya zai ɗauki waɗansu tukwane yă yi dahuwa da su. A ranan nan kuwa, ba Bakan’ane da zai ƙara kasance a gidan Ubangiji Maɗaukaki.
Xuwween Yerusaalemii fi Yihuudaa keessaa hundi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf qulqulluu taʼa; namni aarsaa dhiʼeessuuf dhufu hundinuus xuwweewwan sana keessaa muraasa ni fudhata. Foon aarsaa itti bilcheeffata. Gaafas namni Kanaʼaan tokko iyyuu deebiʼee mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti hin argamu.

< Zakariya 14 >