< Waƙar Waƙoƙi 8 >

1 Da a ce kai ɗan’uwa ne gare ni, wanda nonon mahaifiyata sun shayar! Da in na same ka a waje, na sumbace ka, babu wanda zai rena ni.
Utuu ati akka obboleessa koo kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee! Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture; namni tokko iyyuu na hin tuffatu.
2 Da sai in bi da kai in kawo ka gidan mahaifiyata, ita da ta koyar da ni. Da na ba ka ruwan inabi gaurayayye da kayan yaji ka sha, zaƙin rumman nawa.
Anis si dura deemee mana haadha koo ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture. Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture.
3 Hannunsa na hagu yana a ƙarƙashin kaina, hannunsa na dama kuma ya rungume ni.
Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
4 ’Yan matan Urushalima, ku yi mini alkawari. Ba za ku tā da ko ku farka ƙauna ba sai haka ya zama lalle.
Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
5 Wace ce wannan da take haurawa daga hamada tana dogara a kan ƙaunataccenta? Ƙaunatacciya A ƙarƙashin itacen gawasa na farkar da ke, a wurin da aka haife ki, wurin da mahaifiyarki ta haife ki.
Kan michuu isheetti irkattee gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? Ishee Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; haati kee achitti si ulfoofte; achumattis ciniinsifattee si deesse.
6 Ka sa ni kamar hatimi a zuciyarka, kamar hatimi a hannunka; gama ƙauna tana da ƙarfi kamar mutuwa, kishinta yana kamar muguntar kabari, yana ƙuna kamar wuta mai ci, kamar gagarumar wuta. (Sheol h7585)
Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. (Sheol h7585)
7 Ruwa da yawa ba zai iya kashe ƙauna ba, koguna ba za su iya kwashe ta ba. In wani zai bayar da dukan dukiyar gidansa don ƙauna, za a yi masa dariya ne kawai.
Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
8 Muna da ƙanuwa, nonanta ba su riga sun yi girma ba. Me za mu yi da ƙanuwarmu a ranar da za a yi maganar sonta?
Nu obboleettii xinnoo tokko qabna; isheen guntuta iyyuu hin baafne. Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti nu obboleettii keenyaaf maal goona?
9 Da a ce ita katanga ce, da sai mu gina hasumiyar azurfa a kanta. Da a ce ita ƙofa ce, da sai mun yi mata ƙyauren itacen al’ul.
Utuu isheen dallaa dhagaa taatee nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture. Utuu isheen balbala taatee nu silaa birbirsaan ishee marsina.
10 Ni katanga ce kuma nonaina sun yi kamar hasumiya. Ta haka na zama idanunsa kamar wanda yake kawo gamsuwa.
Ani dallaa dhagaa ti; guntunni koos akkuma gamoo ti. Kanaafuu ani fuula isaa duratti akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture.
11 Solomon ya kasance da gonar inabi a Ba’al-Hamon; ya ba da hayar gonar inabi ga’yan haya. Kowanne zai biya shekel dubu na azurfa don’ya’yan inabin.
Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture; innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate. Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture.
12 Amma gonar inabina nawa ne da zan bayar; shekel dubu naka ne, ya Solomon, kuma ɗari biyu na waɗanda suke lura da’ya’yan itatuwansa ne.
Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti; yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf; dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti.
13 Ke da kike zaune a cikin lambu da ƙawaye suna lura da ke, bari in ji muryarki!
Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu, michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru; mee anis nan dhagaʼa!
14 Ka zo, ƙaunataccena, ka zama kamar barewa ko kuwa kamar’yar batsiya a kan dutsen da kayan yaji suke a shimfiɗe.
Yaa michuu ko, dafii kottu; akka kuruphee yookaan akka korma gadamsaa kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.

< Waƙar Waƙoƙi 8 >