< Waƙar Waƙoƙi 2 >

1 Ni furen bi-rana ne na Sharon, furen bi-rana na kwari.
Ani daraaraa Shaaroon; daraaraa sulula keessaa ti.
2 Kamar furen bi-rana a cikin ƙayayyuwa haka ƙaunatacciyata take a cikin’yan mata.
Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.
3 Kamar itacen gawasa a cikin itatuwan jeji haka ƙaunataccena yake a cikin samari. Ina farin ciki in zauna a inuwarsa,’ya’yan itacensa suna da daɗin ɗanɗanon da nake so
Michuun koo dargaggoota gidduutti akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; iji isaas natti miʼaawa.
4 Ya kai ni babban zauren da ake liyafa, ƙauna ita ce tutarsa a gare ni.
Inni galma cidhaatti na geesse; akeekni inni naaf qabu jaalala.
5 Ka ƙarfafa ni da zabibi ka wartsake ni da gawasa, gama ina suma don ƙauna.
Sababii ani jaalalaan gaggabeef isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; muka hudhaatiinis na haaromsaa.
6 Hannunsa na hagu yana a ƙarƙashin kaina, hannunsa na dama kuma ya rungume ni.
Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
7 ’Yan matan Urushalima, ku yi mini alkawari da bareyi da ƙishimai na jeji. Ba za ku tā da ko ku farka ƙauna ba sai haka ya zama lalle.
Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
8 Saurara! Ƙaunataccena! Duba! Ga shi ya iso, yana tsalle a duwatsu, yana rawa a bisa tuddai.
Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.
9 Ƙaunataccena yana kama da barewa ko sagarin ƙishimi Duba! Ga shi can tsaye a bayan katangarmu, yana leƙe ta tagogi, yana kallo ta cikin asabari.
Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee foddaa keessaan ilaalaa qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.
10 Ƙaunataccena ya yi magana ya ce mini, “Tashi, ƙaunatacciyata, kyakkyawata, ki zo tare da ni.
Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; “Yaa miidhagduu koo kaʼi! Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.
11 Duba! Damina ta wuce; ruwan sama ya ɗauke ya kuma ƙare.
Kunoo! Ganni darbeera; bokkaanis caamee sokkeera.
12 Furanni sun hudo a duniya; lokaci yin waƙa ya zo, ana jin kukan kurciyoyi ko’ina a ƙasarmu.
Daraaraan lafa irratti mulʼateera; waqtiin sirbaa gaʼeera; wacni gugees biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.
13 Itacen ɓaure ya fid da’ya’yansa da sauri; tohon inabi suna ba da ƙanshinsu. Tashi, zo, ƙaunatacciyata; kyakkyawata, zo tare da ni.”
Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; wayiniin daraares urgaa kenneera. Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; yaa bareedduu koo na wajjin deemi.”
14 Kurciyata a kogon dutse, a wuraren ɓuya a gefen dutse, nuna mini fuskarki, bari in ji muryarki; gama muryarki da daɗi take, fuskarki kuma kyakkyawa ce.
Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, mee fuula kee na argisiisi; mee sagalee kee na dhageessisi; sagaleen kee miʼaawaadhaatii; fuulli kees namatti tola.
15 Kama mana ɓeraye, ƙananan ɓerayen da suke lalatar da gonakin inabi, gonakin inabinmu da suke cikin yin fure.
Mee waangoo, waangoodhuma xixinnoo ishee kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.
16 Ƙaunataccena nawa ne ni kuma tasa ce; yana kiwon garkensa a cikin furannin bi-rana.
Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
17 Sai gari ya waye inuwa kuma ta watse, ka juye, ƙaunataccena, ka zama kamar barewa ko kamar sagarin ƙishimi a kan tuddai masu ciyawa.
Yaa michuu ko, hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.

< Waƙar Waƙoƙi 2 >