< Zabura 89 >

1 Maskil na Etan dangin Ezra. Zan rera game da ƙauna mai girma ta Ubangiji har abada; da bakina zan sanar da amincinka a dukan zamanai.
Maskiilii Eetaan Izraahichaa. Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha; afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.
2 Zan furta cewa ƙaunarka tana nan daram har abada, cewa ka kafa amincinka a sama kanta.
Akka araarri kee bara baraan jiraatu, akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
3 Ka ce, “Na yi alkawari da zaɓaɓɓena, na rantse wa Dawuda bawana,
Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera; Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;
4 cewa ‘Zan kafa zuriyarka har abada in kuma sa kursiyinka yă tsaya daram dukan zamanai.’” (Sela)
‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba; teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’”
5 Sammai na yabon abubuwan banmamakinka, ya Ubangiji, amincinka shi ma, a cikin taron tsarkakanka.
Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju; yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
6 Gama wane ne a sarari za a iya kwatanta da Ubangiji? Wane ne yake kamar Ubangiji a cikin talikan samaniya?
Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa? Uumamawwan samii keessaa kan Waaqayyoon fakkaatu eenyu?
7 Cikin taron tsarkaka Allah ne aka fi tsoro; shi ne mafi bantsoro fiye da dukan waɗanda suka kewaye shi.
Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
8 Ya Ubangiji Allah Maɗaukaki, wane ne kamar ka? Kai mai iko ne, ya Ubangiji, kuma amincinka ya kewaye ka.
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu? Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
9 Kana mulkin teku mai tumbatsa; sa’ad da raƙuma sun tashi, kakan kwantar da su.
Ati raafama galaanaa ni moota; yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
10 Ka ragargaza Rahab kamar waɗanda aka kashe; da hannunka mai ƙarfi ka watsar da abokan gābanka.
Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite; irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.
11 Sammai naka ne, haka kuma duniya; ka kafa duniya da dukan abin da yake cikinta.
Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti; ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.
12 Ka halicce arewa da kudu; Tabor da Hermon suna rera don farin ciki ga sunanka.
Kaabaa fi kibba situ uume; Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.
13 Hannunka mai iko ne; hannunka yana da ƙarfi, hannunka na dama ya sami ɗaukaka.
Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha; harki kee mirgaas ol kaʼeera.
14 Adalci da gaskiya su ne tushen kursiyinka; ƙauna da aminci suna tafiya a gabanka.
Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti; araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.
15 Masu albarka ne waɗanda suka koyi yin maka kirari waɗanda suke tafiya cikin hasken da yake gabanka, Ubangiji.
Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan, warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.
16 Suna farin ciki a cikin sunanka dukan yini; suna samun ɗaukaka cikin adalcinka.
Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu; qajeelummaa keetiinis si jajatu.
17 Gama kai ne ɗaukakarsu da ƙarfinsu, kuma ta wurin alherinka ka ɗaukaka ƙahonka.
Ati ulfina jabina isaanii ti; jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.
18 Tabbatacce, garkuwarmu ta Ubangiji ce, ta sarkinmu ce, da kuma ta Mai Tsarki na Isra’ila ce.
Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti; kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
19 Ka taɓa yin magana cikin wahayi, ga mutanenka masu aminci ka ce, “Na ba wa jarumi ƙarfi; na ɗaukaka saurayi daga cikin mutane.
Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti mulʼataan dubbatteerta: “Ani loltuu tokkoof humna kenneera; dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.
20 Na sami Dawuda bawana; da mai na mai tsarki na shafe shi.
Ani garbicha koo Daawitin argadheera; zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.
21 Hannuna zai kasance tare da shi; tabbatacce hannuna zai ƙarfafa shi.
Harki koo isa wajjin jira; irreen koos isa jajjabeessa.
22 Babu abokin gāban da zai sa yă biya haraji; babu mugun mutumin da zai danne shi.
Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu; namni hamaanis isa hin hacuucu.
23 Zan murƙushe maƙiyansa a gabansa in kashe dukan abokan gābansa.
Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa; warra isa jibbanis nan dhaʼa.
24 Amintacciya ƙaunata za tă kasance tare da shi, kuma ta wurin sunana za a ɗaukaka ƙahonsa.
Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata; gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.
25 Zan sa hannunsa a bisa teku, hannunsa na dama a bisa koguna.
Ani harka isaa galaana irra, harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.
26 Zai yi kira gare ni yă ce, ‘Kai ne Mahaifina, Allahna, Dutse mai cetona.’
Innis, ‘Ati Abbaa koo ti; Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.
27 Zan kuma naɗa shi ɗan farina, mafi ɗaukaka cikin sarakunan duniya.
Anis ilma koo hangafa, kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.
28 Zan ci gaba da ƙaunarsa har abada, alkawarina da shi ba zai taɓa fasa ba.
Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa; kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
29 Zan kafa zuriyarsa har abada, kursiyinsa muddin sammai suna nan.
Hidda sanyii isaa bara baraan, teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
30 “In’ya’yansa maza suka yashe dokata ba su kuwa bi ƙa’idodina ba,
“Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan, yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,
31 in suka take ƙa’idodina suka kuma kāsa kiyaye umarnaina,
yoo isaan sirna koo cabsanii ajaja koo illee eeguu baatan,
32 zan hukunta zunubinsu da sanda, laifinsu da bulala;
ani cubbuu isaanii uleedhaan, yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;
33 amma ba zan ɗauke ƙaunata daga gare shi ba, ba kuwa zan taɓa rasa cika amincina ba.
ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu; yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.
34 Ba zan take alkawarina ba ko in canja abin da leɓunana suka ambata.
Ani kakuu koo hin cabsu; yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.
35 Sau ɗaya ba ƙari, na rantse da tsarkina, ba kuwa zan yi ƙarya wa Dawuda ba,
Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera; ani Daawitin hin sobu.
36 cewa zuriyarsa za tă ci gaba har abada kuma kursiyinsa zai dawwama a gabana kamar rana;
Sanyiin isaa bara baraan itti fufa; teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;
37 zai kahu har abada kamar wata, amintacciyar shaida a cikin sarari.” (Sela)
akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata; hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
38 Amma ka ƙi, ka yi ƙyama ka kuma yi fushi sosai da shafaffenka.
Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas; isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.
39 Ka soke alkawarin da ka yi da bawanka ka kuma ƙazantar da rawaninsa a ƙura.
Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta; gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.
40 Ka rurrushe dukan katangansa ka sa kagaransa suka zama kufai.
Dallaa isaa hunda caccabsiteerta; daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.
41 Dukan waɗanda suka wuce sun washe shi; ya zama abin dariya wajen maƙwabtansa.
Warri achiin darban hundi isa saamu; olloonni isaas itti qoosu.
42 Ka ɗaukaka hannun dama na maƙiyansa; ka sa dukan abokan gābansa suna farin ciki.
Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta; akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.
43 Ka juye bakin takobinsa ba ka kuma taimake shi a cikin yaƙi ba.
Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta; waraana keessattis isa hin gargaarre.
44 Ka kawo ƙarshen darajarsa ka kuma jefar da kursiyinsa ƙasa.
Surraa isaa isa irraa balleessiteerta; teessoo isaas lafatti gatteerta.
45 Ka rage kwanakin ƙuruciyarsa; ka rufe shi da mayafin kunya. (Sela)
Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta; qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
46 Har yaushe, ya Ubangiji za ka ɓoye? Za ka ɓoye har abada ne? Har yaushe fushinka zai yi ta ci kamar wuta?
Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati bara baraan of dhoksitaa? Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
47 Ka tuna yadda raina mai wucewa ne. Gama ka halicce dukan mutane ba amfani!
Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu. Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!
48 Wanda mutum ne zai rayu da ba zai ga mutuwa ba, ko yă cece kansa daga ikon kabari? (Sela) (Sheol h7585)
Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti? (Sheol h7585)
49 Ya Ubangiji, ina ƙaunar mai girma ta dā, wadda cikin amincinka ka rantse wa Dawuda?
Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte sun eessa jira?
50 Ka tuna, Ubangiji, yadda aka yi wa bawanka ba’a, yadda na jimre a zuciyata da zage-zagen dukan al’ummai,
Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame, akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa bobaatti baadhe yaadadhu;
51 zage-zagen da abokan gābanka suka yi mini, ya Ubangiji, da suka yi wa kowane matakin da shafaffenka ya ɗauka.
yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan, kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
52 Yabo ya tabbata ga Ubangiji har abada!
Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!

< Zabura 89 >