< Zabura 79 >
1 Zabura ta Asaf. Ya Allah, al’ummai sun mamaye gādonka; sun ƙazantar da haikalinka mai tsarki, sun bar Urushalima kufai.
Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru; mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru; Yerusaaleminis barbadeessaniiru.
2 Sun ba da gawawwakin bayinka kamar abinci ga tsuntsayen sararin sama, nama jikin tsarkakanka ga namun jejin duniya.
Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif, reeffa garboota keetii allaattii samiitiif, foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.
3 Sun zubar da jini kamar ruwa ko’ina a Urushalima, kuma babu wani da zai binne matattu.
Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti akkuma bishaanii dhangalaasan; namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.
4 Mun zama abin reni ga maƙwabta, abin ba’a da reni ga waɗanda suke kewaye da mu.
Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera; warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.
5 Har yaushe, ya Ubangiji za ka yi ta fushi? Har abada ne? Har yaushe kishinka zai yi ta ƙuna kamar wuta?
Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti aartaa? Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
6 Ka zuba fushinka a kan al’umman da ba su yarda da kai ba, a kan mulkokin da ba sa kira bisa sunanka;
Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti, mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti gad dhangalaasi;
7 gama sun cinye Yaƙub suka lalatar da ƙasar zamansa.
isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii; iddoo jireenya isaas balleessaniiru.
8 Kada ka riƙe zunubai kakanni a kanmu; bari jinƙanka yă zo da sauri yă sadu da mu, gama mun fid da zuciya sarai.
Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin; waan nu baayʼee gad deebifamneef, araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.
9 Ka taimake mu, ya Allah Mai Cetonmu, saboda ɗaukakar sunanka; ka cece mu ka kuma gafarta mana zunubanmu saboda sunanka.
Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi; cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
10 Don me al’ummai za su ce, “Ina Allahnsu yake?” A idanunmu, ka sanar wa al’ummai cewa kana ɗaukan fansar jinin bayinka da aka zubar.
Ormoonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree? Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf, akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.
11 Bari nishe-nishen’yan kurkuku su zo gabanka; ta wurin ƙarfin hannunka ka kiyaye waɗanda aka yanke wa hukuncin mutuwa.
Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu; jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.
12 Ka sāka a cinyoyin maƙwabtanmu sau bakwai zage-zagen da suka yi ta yi maka, ya Ubangiji.
Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan, dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.
13 Sa’an nan mu mutanenka, tumakin makiyayarka, za mu yabe ka har abada; daga tsara zuwa tsara za mu yi ta ba da labarin yabonka.
Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii, bara baraan si jajanna; dhalootaa hamma dhalootaattis, galata kee ni odeessina.