< Zabura 74 >
1 Maskil na Asaf. Me ya sa ka ƙi mu har abada, ya Allah? Me ya sa fushinka yake a kan tumakin kiwonka?
Maskiilii Asaaf. Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte? Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?
2 Ka tuna da mutanen da ka saya tun da daɗewa, kabilar gādonka, wadda ka fansa, Dutsen Sihiyona, inda ka zauna.
Saba ati dur filatte, gosa dhaala keetii, warra ati furte, Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.
3 Ka juye sawunka wajen waɗannan madawwamin kufai, dukan wannan hallakar da abokin gāba ya yi wa wuri mai tsarki.
Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu; diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.
4 Maƙiyanka sun yi ruri a inda ka sadu da mu; suka kakkafa tutotinsu a matsayin alamu.
Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan; mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.
5 Sun yi kamar mutane masu wāshin gatura don yanka itatuwa a kurmi.
Isaan nama bosona keessatti muka muruuf qottoo ol fudhatu fakkaatu.
6 Sun ragargaje dukan sassaƙar katako da gatura da kuma gudumarsu.
Isaanis waan soofame hunda, qottoo fi burrusaan caccabsan.
7 Suka ƙone wurinka mai tsarki ƙurmus; suka ƙazantar da mazaunin Sunanka.
Isaan mana qulqullummaa kee guban; lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
8 Suna cewa a zukatansu, “Za mu murƙushe su sarai!” Suka ƙone ko’ina aka yi wa Allah sujada a ƙasar.
Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti isaan barbadeessina!” jedhan. Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.
9 Ba a ba mu wata alama mai banmamaki ba; ba sauran annabawan da suka ragu, kuma babu waninmu da ya sani har yaushe wannan zai ci gaba.
Mallattoon dinqii nuu hin kennamne; siʼachi raajiin tokko illee hin jiru; wanni kun hamma yoomiitti akka turu nu keessaa namni beeku hin jiru.
10 Har yaushe abokan gāba za su yi mana ba’a, ya Allah? Maƙiya za su ci gaba da ɓata sunanka har abada ne?
Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa? Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?
11 Me ya sa ka janye hannunka, hannunka na dama? Ka fid da shi daga rigarka ka hallaka su!
Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta? Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!
12 Amma kai, ya Allah, kai ne sarki tun da daɗewa; ka kawo ceto a kan duniya.
Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti; lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
13 Kai ne ka raba teku ta wurin ikonka; ka farfashe kawunan dodo a cikin ruwaye.
Situ humna keetiin galaana gargar qoode; ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.
14 Kai ne ka murƙushe kawunan dodon ruwa ka kuma ba da shi yă zama abinci ga halittun hamada.
Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.
15 Kai ne ka bubbuɗe maɓulɓulai da rafuffuka; ka busar da koguna masu ruwa.
Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane; ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.
16 Yini naka ne, dare kuma naka ne; ka kafa rana da wata.
Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma; ati aduu fi jiʼa uumteerta.
17 Kai ne ka kafa dukan iyakokin duniya; ka yi rani da damina.
Situ daarii lafaa hunda dhaabe; ati bonaa fi ganna uumteerta.
18 Ka tuna da yadda abokin gāba ya yi maka ba’a, ya Ubangiji, yadda wawaye suka ɓata sunanka.
Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu, akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.
19 Kada ka ba da ran kurciyarka ga namun jeji; kada ka manta har abada da rayukan mutanenka masu shan azaba.
Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin; jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.
20 Ka kula da alkawarinka, domin akwai tashin hankali a kowane lungu mai duhu na ƙasar.
Kakuu kee eegi; iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu gooliidhaan guutameeraatii.
21 Kada ka bar waɗanda ake danniya su sha kunya; bari matalauta da mabukata su yabe sunanka.
Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin; hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.
22 Ka tashi, ya Allah, ka kāre muradinka; ka tuna yadda wawaye suka yi maka ba’a dukan yini.
Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu; akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.
23 Kada ka ƙyale surutan ban haushi na maƙiyanka, ihun abokan gābanka, waɗanda suke ci gaba da yi.
Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii kan gargar hin cinne sana hin dagatin.