< Zabura 70 >

1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Ta Dawuda. Roƙo. Ka hanzarta, ya Allah, ka cece ni; Ya Ubangiji, zo da sauri ka taimake ni.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
2 Bari masu neman raina su sha kunya su kuma rikice; bari dukan masu sha’awar gani lalacewata su juye baya da kunya.
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri badii koo hawwan hundi qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
3 Bari masu ce mini, “Allah yă ƙara!” Su juye baya saboda kunyansu.
Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4 Amma bari dukan masu nemanka su yi farin ciki su kuma yi murna a cikinka; bari waɗanda suke ƙaunar cetonka kullum su ce, “Bari Allah yă sami ɗaukaka!”
Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan; warri fayyisuu kee jaallatan, yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
5 Duk da haka ni matalauci ne da kuma mai bukata; ka zo da sauri gare ni, ya Allah. Kai ne mai taimakona da mai cetona; Ya Ubangiji, kada ka yi jinkiri.
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqayyo hin turin.

< Zabura 70 >