< Zabura 68 >
1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Ta Dawuda. Zabura. Waƙa. Bari Allah yă tashi, bari a watsar da abokan gābansa; bari maƙiyansa su gudu a gabansa.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan; warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.
2 Kamar yadda iska take hura hayaƙi, bari yă hura su haka; kamar yadda kaki kan narke a gaban wuta, bari mugaye su hallaka a gaban Allah.
Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi; akkuma gagaan ibidda duratti baqu, hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan.
3 Amma bari adalai su yi murna su kuma yi farin ciki a gaban Allah; bari su yi murna da farin ciki.
Qajeelonni garuu haa gammadan; fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan; isaan gammachuudhaan haa ililchan.
4 Rera wa Allah, rera yabo ga sunansa, ku ɗaukaka wanda yake hawa a kan gizagizai; sunansa Ubangiji ne, ku kuma yi farin ciki a gabansa.
Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa; isa duumessaan gulufu sana jajadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo dha; fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
5 Uba ga marayu, mai kāre gwauraye, shi ne Allah a mazauninsa mai tsarki.
Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
6 Allah ya shirya masu kaɗaici a cikin iyalai, ya jagorance’yan kurkuku da waƙoƙi; amma’yan tawaye suna zama a ƙasa mai zafin rana.
Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
7 Sa’ad da ka fito a gaban mutanenka, ya Allah, sa’ad da ka taka ta cikin ƙasar da take wofi, (Sela)
Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate, gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,
8 duniya ta girgiza, sammai suka zuba ruwan sama, a gaban Allah, wanda ya bayyana a Sinai, a gaban Allah, Allah na Isra’ila.
fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti, lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan.
9 Ka ba da yayyafi a yalwace, ya Allah; ka rayar da gādonka da ya gāji.
Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite; dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.
10 Mutanenka suka zauna a cikinsa, kuma daga yalwarka, ya Allah, ka tanada wa matalauta.
Sabni kee achi qubate; yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte.
11 Ubangiji ya yi umarni, mutane masu yawa ne suka yi shelarsa,
Gooftaan dubbii isaa kenne; dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
12 “Sarakuna da mayaƙa suka gudu a gaggauce; cikin sansani mutane sun raba ganima.
“Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan; dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.
13 Har yayinda kuke barci a cikin garken tumaki, an dalaye fikafikan kurciya da azurfa, fikafikanta da zinariya mai ƙyalli.”
Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee, isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”
14 Sa’ad da Maɗaukaki ya watsar da sarakuna a cikin ƙasa, sai ya zama kamar ƙanƙara ta sauka a kan Zalmon.
Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu mootota achitti bittinneessetti, Zalmoon irratti cabbiin buʼe.
15 Duwatsun Bashan, duwatsu masu alfarma ne; duwatsun Bashan masu wuyar hawa ne.
Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa, yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,
16 Don me kuke duba da kishi, ya duwatsu masu wuyan hawa, a kan dutsen da Allah ya zaɓa yă yi mulki, inda Ubangiji kansa zai zauna har abada?
yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu, ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate, iddoo Waaqayyo bara baraan jiraatu sana hinaaffaadhaan ilaalta?
17 Karusan Allah ninkin dubbai goma ne da kuma dubu dubbai; Ubangiji ya zo daga Sinai ya shiga cikin haikalinsa.
Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
18 Sa’ad da ka hau bisa, ka bi da kamammu cikin tawagarka; ka karɓi kyautai daga mutane, har ma daga’yan tawaye, don kai, ya Ubangiji Allah, za ka zauna a can.
Ati yommuu ol gubbaa baatetti boojuu baayʼee fudhate; yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee, namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.
19 Yabo ya tabbata ga Ubangiji, ga Allah Mai Cetonmu, wanda kullum yake ɗaukan nauyinmu. (Sela)
Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu, Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
20 Allahnmu shi ne Allah wanda yake ceto; daga Ubangiji Mai Iko Duka kuɓuta yake zuwa daga mutuwa.
Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
21 Tabbatacce Allah zai murƙushe kawunan abokan gābansa, rawanin gashi na waɗanda suke ci gaba cikin zunubansa.
Waaqni dhugumaan mataa diina isaa, gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii kan rifeensa qabu ni caccabsa.
22 Ubangiji ya ce, “Zan kawo su daga Bashan; zan kawo su daga zurfafan teku,
Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida; tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;
23 don ku wanke ƙafafunku a cikin jinin maƙiyanku, yayinda harsunan karnukanku su sami rabonsu.”
kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf; arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”
24 Jerin gwanonka ya zo a bayyane, ya Allah, jerin gwanon Allahna da Sarkina zuwa cikin wuri mai tsarki.
Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera; hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.
25 A gaba akwai mawaƙa, a bayansu akwai makaɗa; tare da su akwai’yan mata suna bugan ganguna.
Fuula duraan faarfattoota, dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture; dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.
26 Ku yabi Allah cikin taro mai girma; yabi Ubangiji cikin taron Isra’ila.
Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa; yaaʼii Israaʼel keessattis Waaqayyoon jajadhaa.
27 Ga ƙaramar kabilar Benyamin, suna jagorance su, ga babbar ƙungiya shugabannin Yahuda, ga kuma shugabannin Zebulun da na Naftali.
Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema; tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan; ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.
28 Ka bayyana ikonka, ya Allah; ka nuna ƙarfinka, ya Allah, kamar yadda ka yi a dā.
Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji; yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana jabina kee nu argisiisi.
29 Saboda haikalinka a Urushalima sarakuna za su kawo maka kyautai.
Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif mootonni kennaa siif fidu.
30 Ka tsawata wa naman jejin nan a cikin kyauro, garken bijimai a cikin’yan maruƙan al’ummai. Ka ƙasƙantar, bari yă kawo sandunan azurfa. Ka watsar da al’ummai waɗanda suke jin daɗin yaƙi.
Bineensota shambaqqoo keessaa, karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu. Warra meetii fidan gad deebisi. Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.
31 Jakadu za su zo daga Masar; Kush za tă miƙa kanta ga Allah.
Ergamoonni Gibxi ni dhufu; Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti.
32 Ku rera wa Allah, ya masarautan duniya, ku rera yabo ga Ubangiji, (Sela)
Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa; faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;
33 gare shi wanda yake hawan daɗaɗɗen sararin sama, wanda yake tsawa da babbar murya.
isa samiiwwan durii keessa gulufu, isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.
34 Ku yi shelar ikon Allah, wanda ɗaukakarsa take a bisa Isra’ila, wanda ikonsa yake a cikin sarari.
Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru, isa miidhaginni isaa samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.
35 Kai mai banmamaki ne, ya Allah, cikin wurinka mai tsarki; Allah na Isra’ila yakan ba da iko da kuma ƙarfi ga mutanensa. Yabo ya tabbata ga Allah!
Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha; Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna. Waaqni haa eebbifamu!