< Zabura 52 >

1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Wani maskil ta Dawuda. Sa’ad da Doyeg mutumin Edom ya tafi wurin Shawulu ya ce masa, “Dawuda ya tafi gidan Ahimelek.” Me ya sa kake fariya game da mugunta, kai babban mutum? Me ya sa kake fariya dukan yini, kai da kake abin kunya a idanun Allah?
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame. Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, maaliif guyyaa guutuu koorta?
2 Harshenka kan shirya hallaka; yana nan kamar reza mai ci, kana ta ruɗu.
Ati namni nama gowwoomsitu, arrabni kee badiisa qopheessa; arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.
3 Kana ƙaunar mugunta fiye da alheri, ƙarya a maimakon faɗin gaskiya. (Sela)
Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.
4 Kana ƙaunar kowace kalmar cutarwa, Ya kai harshe mai ruɗu!
Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.
5 Tabbatacce Allah zai kai ka ga madawwamiyar hallaka. Zai fizge ka yă yayyage ka daga tentinka; zai tumɓuke ka daga ƙasar masu rai. (Sela)
Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.
6 Masu adalci za su ga su ji tsoro; za su yi masa dariya, suna cewa,
Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;
7 “Yanzu, ga mutumin da bai mai da Allah mafakarsa ba amma ya dogara a yawan arzikinsa ya kuma yi ƙarfi ta wurin hallaka waɗansu!”
“Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee jalʼina ofiitti ciche!”
8 Amma ni kamar itace zaitun ne ina haɓaka a gidan Allah; na dogara ga ƙauna marar ƙarewa ta Allah har abada abadin.
Ani garuu akkuma ejersa mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan hin geeddaramne sana nan amanadha.
9 Zan yabe ka har abada game da abin da ka yi; a cikin sunanka zan dogara, gama sunanka yana da kyau. Zan yabe ka a gaban tsarkakanka.
Sababii ati waan kana gooteef ani bara baraan sin galateeffadha; sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.

< Zabura 52 >