< Zabura 48 >

1 Waƙa ce. Zabura ta’ya’yan Kora maza. Ubangiji mai girma ne, kuma mafificin yabo, a birnin Allahnmu, dutsensa mai tsarki.
Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha; waan hundaa olittis galanni isaaf mala.
2 Kyakkyawa ce cikin tsayinta, abin farin cikin dukan duniya. Kamar ƙwanƙoli mafi tsayi na Zafon ne Dutsen Sihiyona, birnin Babban Sarki.
Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama; dheerina isaatiinis ni bareeda. Innis gammachuu addunyaa hundaa ti; magaalaa Mooticha Guddaatis.
3 Allah yana cikin fadodinta; ya nuna kansa mafaka ce gare ta.
Waaqni daʼannoo ishee keessa jira; inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.
4 Sa’ad da sarakuna suka haɗa rundunoni, sa’ad da suka yi gaba tare,
Mootonni humna walitti daratanii tokkummaadhaan itti qajeelan.
5 sun gan ta suka kuwa yi mamaki; suka gudu don tsoro.
Isaanis ishee arganii dinqifatan; sodaataniis baqatan.
6 Rawar jiki ya kama su a can, zafi kamar na mace mai naƙuda.
Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti, hollannaan isaan qabate.
7 Ka hallaka su kamar jiragen ruwan Tarshish da iskar gabas ta wargaje.
Atis bubbee baʼa biiftuutiin dooniiwwan Tarshiish caccabsite.
8 Yadda muka ji, haka muka gani a cikin birnin Ubangiji Maɗaukaki, a cikin birnin Allahnmu. Allah ya sa ta zauna lafiya har abada. (Sela)
Akkuma dhageenye sana, magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra; Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.
9 Cikin haikalinka, ya Allah, mun yi tunani a kan ƙaunarka marar ƙarewa.
Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti, jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
10 Kamar sunanka, ya Allah, yabonka ya kai iyakokin duniya; hannunka na dama ya cika da adalci.
Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii handaara lafaa gaʼa; harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.
11 Dutsen Sihiyona ya yi farin ciki, ƙauyukan Yahuda suna murna saboda hukuntanka.
Sababii murtii keetiitiif, Tulluun Xiyoon haa gammaddu; intallan Yihuudaas haa ililchan.
12 Yi tafiya cikin Sihiyona, ku kewaye ta, ku ƙirga hasumiyoyinta,
Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa; gamoowwan ishees lakkaaʼaa.
13 ku lura da katangarta da kyau, ku dubi fadodinta, don ku faɗe su ga tsara mai zuwa.
Dhaloota itti aanutti akka himtaniif, dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa; galma ishees ilaalaa.
14 Gama wannan Allah shi ne Allahnmu har abada abadin; zai zama jagorarmu har zuwa ƙarshe.
Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

< Zabura 48 >