< Zabura 45 >
1 Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Da salon “Lili.” Na’ya’yan Kora maza. Maskil Waƙar Aure. Zuciyata ta cika da kyakkyawan kan magana yayinda nake rera ayoyina wa sarki; harshena ne alƙalamin ƙwararren marubuci.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
2 Kai ne mafi kyau cikin mutane an kuma shafe leɓunanka da alheri, da yake Allah ya albarkace ka har abada.
Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
3 Ka ɗaura takobinka a gefenka, ya jarumi; ka rufe kanka da ɗaukaka da kuma daraja.
Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; ulfinaa fi surraa uffadhu.
4 Cikin darajarka ka hau zuwa nasara a madadin gaskiya, tawali’u da adalci; bari hannunka na dama yă nuna ayyukan banmamaki.
Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
5 Bari kibiyoyinka masu tsini su huda zukatan abokan gāban sarki; bari al’ummai su fāɗi ƙarƙashin ƙafafunka.
Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
6 Kursiyinka, ya Allah, zai kasance har abada abadin; sandar adalci zai zama sandar mulkinka.
Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
7 Kana ƙaunar abin da yake daidai kana kuma ƙin mugunta; saboda haka Allah, Allahnka, ya sa ka a bisa abokanka ta wurin shafe ka da man farin ciki.
Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
8 Dukan rigunanka suna ƙanshin turaren mur da na aloyes, da na kashiya; daga kowace fadan da aka yi masa ado da hauren giwa kaɗe-kaɗen tsirkiya kan sa ka murna.
Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
9 ’Ya’yan sarki mata suna cikin matan da ake girmama; a hannun damarka kuwa ga amarya, sarauniya saye da ofir zinariya.
Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee karaa harka mirga keetii dhaabatti.
10 Ki saurara, ya ke diya, ki lura ku kuma kasa kunne, Ki manta da mutanenki da gidan mahaifinki.
Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
11 Sarki ya cika da sha’awar kyanki; ki girmama shi, gama shi ne maigidanki.
Mootiin miidhagina kee hawwa; waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
12 Diyar Taya za tă zo da kyauta, mawadata za su nemi tagomashinki.
Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
13 Gimbiya tana fada, kyakkyawa ce ainun; an saƙa rigarta da zaren zinariya.
Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
14 Cikin riguna masu ado aka kai ta wurin sarki; abokanta budurwai suna biye da ita aka kuwa kawo su gare ka.
Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti; durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.
15 Aka bi da su cikin farin ciki da murna; suka shiga fadan sarki.
Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; masaraa mootichaas ni seenu.
16 ’Ya’yanka maza za su maye matsayin kakanninka; za ka sa su yi mulki a duk fāɗin ƙasar.
Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
17 Zan sa a tuna da kai a dukan zamanai; saboda haka al’ummai za su yabe ka har abada abadin.
Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.